Atos 26
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Phawuloos Agriiphaa Duratti Falmate
1Agriiphaan Phawuloosiin, «Ifii keetiif falmatuu hin dandeetta» jennaan, Phawuloos harka ifii diriirsee falmatee,
2«Mooticha Agriipha'a! Waan Yihudooti na himatane duudii akka falmadhu adha si duratti dhikaatuu kiyyaan guddoo gammada. 3Keessumattuu aada'aa fi moromaa Yihudootaa duudii miidhassitee beetta. Tanaaf ossataan akka naaf dhageettu si kadhadha.
4«Ijoollummaa tiyyaan jalqabee, biyya tiyya keessaa fi Yerusaalemille'etti attam akka le'e Yihudooti duudiin hin beekan. 5Isaan yoo naaf dhugaa bayuu fedhane, worra golii Fariisaayotaa ka dhugeeffannaa teenna jabeeffatanu keessaa, ani tokko akka te'e duruuyyuu beekan. 6Amma ammoo, waadaa Waaqi abbootii teennaaf gale, waan addadheef ani asitti himatamiisatti jira. 7Waadaan sun, ta gosi teenna kudhanii fi lama akka dhaggattuuf addattee, halkanii fi guyyaa Waaqaaf tajaajilte. Mooticha Agriipha'a! Sababa addii tanaatiif, Yihudooti amma na himatiisatti jiran. 8Waaqi worra du'e akka kaasuu, maaf mantan?
9«Aninuu karaa dande'e maraan, maqaa Yesuusii Naaziretii kanaan mormuu qaba jedhee, yaadadheeraayyu. 10Ani waanuma kana Yerusaalem keessatti godhe. Ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadheen, kolbaa Waaqaa hedduu mana hidha'aatitti galcheera; yennaa isaan ijjeesanulle, worra ijjeesu woliin wolii galeera. 11Yennaa hedduu Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isaan adabee, akka isaan dhugeeffannaa ifii mormatanu godhiisaaf wodhaaneera. Isaan irralle'etti aaree, qachaa ormaa keessalle'etti isaan miidheera.
Akka Phawuloos Gara Kiristoosii Deebi'e
12«Adoo tana irra jiruu baalli'ii fi ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadhee, gara Damaasqo'oo dhaqe. 13Mooticha! Orraa gara saatii jaatitti ani karaa gubbaa adoo jiruu, ifi aduu caalaa balaqqisu gubba'aan gadi dhufuun dhagge; ifi sunille adaala kiyyaa fi namoota na woliin deemiisatti jiranuutitti ife. 14Nuuti duudiin lafatti jinneerruun, afaan worra Yihudootaatiin qoonqoo, ‹Saa'ol! Saa'ol! Ati maaf na miita? Sibiila mutaa yoo dhiitte ifuu miita› jettu dhage'e. 15Anille, ‹Gootta'a, ati eennu?› jedhee gaafadhe. Goottaan deebisee, ‹Ani Yesuusii ati miidhiisatti jirtu. 16Ammoo ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu. Akka ati tajaajilaa kiyya teetu si filatiisaaf, waan kiyya ka adha dhaggitee fi ka ani sitti mudhisu'uu jiru, akka dhugaa baatu ani sitti mudhadhe. 17Worra ani itti si ergaaru kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'in irraa si fayyisa. 18Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille natti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu'utti dhaala fudhatan› jedhe.
Phawuloos Hujii Ifii Hime
19«Maarre mooticha Agriipha'a, ani mudhii ol-gubba'aatiif ajajamuu hin didanne. 20Jalqaba worra Damaasqoo keessa jiruuf, itti aansee worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru duudi'iif, achiin duuba worri Yihudoota hin te'inille cubbuu irraa deebi'anee, gara Waaqaa akka deebi'anu, cubbuu irraa deebi'uu isaaniille waan mudhisu akka hujanu, isaanitti lallabeera. 21Yihudooti tanaaf Galma Waaqaa keessatti na qabanee, ijjeesiisaaf wodhaanane. 22Haga guyyaa adhaatitti Waaqi na qarqaaree, anille as dhaabbadhee, diqqa'aa fi guddaa duudi'iif dhugaa bayiisatti jira. Ani waanuma raagotii fi Muuseen hin te'a jedhane malee, waan tokkolle hin dubbanne. 23Isaan, ‹Masiihiin rakkatuu qaba; du'aa ka'iisaan ka jalqabaa te'ee, ifa fayyinnaa kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'iniif hin mudhisa› jedhane, jedhee dhugaa isaaniif baye» jedhe.
24Phawuloos akkana falmatiisatti jiruun, Fesxoos qoonqoo ol qabatee, «Phawuloos! Guddoo baratiisi keeti si maraachaara!» jedhe.
25Phawuloos deebisee, «Kabajamaa Fesxoos! Ani maraata'aa moti! Dubbii dhuga'aa qalbi'iin dubbatiisatti jira. 26Mooticha Agriipha'a! Ati waan kana duudii marroo beettuuf, sodaa malee sitti dubbatiisa dande'a. Wonni kun cina'atti dhokattee waan hin te'iniif, waan duudii akka mootichi hubatu hin addadha. 27Mooticha Agriipha'a! Ati raagotatti hin dhugeeffattaa motii? Akka ati dhugeeffattu aninuu hin beeka» jedhe.
28Agriiphaan deebisee, Phawuloosiin, «Yennaa gabaadduu tana keessatti kiristaana waan na gootu seetaa?» jedheen.
29Phawuloos deebisee, «Yennaan gabaabbattulle yookiin dheerattulle, si qofa adoo hin te'in worri adha na dhage'iisatti jiranu duudiin, hidhamiisa kiyya malee, akka kiyya akka ite'anu Waaqa daadimadha» jedhe.
30Achiin duuba Mootichi, bulchaan biyyaa, Berniiqeen, worri isaan woliin tee'aneeranu duudiille ol ka'anee, 31yennaa achii deemanu, «Namichi kun du'a yookiin hidhaa waan isatti mursiisu tokkolle hujee hin jiru» woliin jedhane. 32Agriiphaan, Fesxoosiin, «Nami kun ‹Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha› adoo jedhuu dhabee jiraate, sila akkanumaan lakkifamaayyu» jedhe.

Você sabia?
A defesa de Paulo diante do rei Agripa
- O Dicionário Bíblico de Easton (1897) identifica o Agripa desta audiência como Agripa II, nascido em Roma no ano 27 d.C. e irmão de Berenice e Drusila. A obra registra que o imperador Cláudio o nomeou superintendente do Templo de Jerusalém em 48 d.C. e governador de Cálcis em 50 d.C., e depois rei sobre a tetrarquia de Filipe e Lisânias. Esse pano de fundo ilumina o apelo de Paulo à familiaridade do rei com os costumes e as controvérsias dos judeus, e Berenice, irmã de Agripa, estava presente e se levantou com o rei e o governador quando a audiência terminou.Fontes: Agrippa · Bernice · o próprio texto bíblico
- Festo, que sucedera a Félix como procurador da Judeia, ouviu Paulo em Cesareia na presença de Herodes Agripa II e de Berenice. Não encontrou nele nada que merecesse morte ou prisão e o teria libertado, mas Paulo havia apelado para César; por isso Festo o enviou a Roma.Fontes: Portius Festus · o próprio texto bíblico
- Paulo conta a Agripa que, por volta do meio-dia, no caminho de Damasco, viu uma luz do céu, mais brilhante que o sol, brilhando ao redor dele e de seus companheiros, e ouviu uma voz em hebraico que o chamava de Saulo. Damasco fica a cerca de 133 milhas ao norte de Jerusalém. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) diz que Saulo era seu nome hebraico e que o nome Paulo provavelmente também lhe foi dado na infância para uso no mundo gentio; ele era natural de Tarso, capital da Cilícia, província romana no sudeste da Ásia Menor.Fontes: Paul · Damascus · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 4, 10, 20
- Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 9
- Damascus · 33.511, 36.306 · versículos 12, 20
- Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 20
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org