2 Tessalonicenses 3
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Nu'uuf Daadimadha'a
1Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta'aa wodhakkaa teessanitti akkuma te'e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu'uuf daadimadha'a. 2Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameyyi'iitii fi dabaaleyyi'ii irraa akka inni nu baasu nu'uuf daadimadha'a.
3Goottaan ammoo addatama'a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega. 4Waan isinitti hinne akka hujaartanuu fi gara duraalle ittuma akka hujjanu Gootta'atti addii qanna.
5Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti.
Harka Maratanee Tee'iis Barbaachisa'aa Moti
6Obboleeyyan teenna! Kiristaana harka maratee tee'uu fi akka barsiisa nu'u irraa fudhatetti hin leene irraa akka fagaattanu, maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya. 7Nuuti yennaa isin bira turre harka marannee hin teenne. Fakkeenna keenna fudhatiisa akka maltane isinuu miidhaassitanee hin beettan. 8Nuuti nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa eloonnee hunye malee, sagalee nama tokkoolle akkasumaan hin nyaanne. 9Wonni nuuti tana gooneef fakkeenna keenna akka fudhattanuuf malee, waan nu'uuf barbaachisu isin irraa dhaggatiisaaf baallii dhanneetii moti. 10Nuuti yennaa isin bira jirru, «Nami hujiisa jibbu hin nyaatin» jennee ajaja isiniif kennineerra.
11Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee'u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu. 12Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle'e.
13Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabina'a. 14Ergaa nuuti xalayaa kana keessatti isiniif ergineef, nami hin ajajanne yoo jiraate, hubadha'aa beeka'a; akka inni qaanowuufille waan tokkolle isa woliin hin tolchina'a. 15Teetuu malee akka obboleessaatitti itti gorsa'a malee, akka diinaatitti hin laakkowina'a.
Nageya Muumme'ee
16Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Goottaan isin mara woliin jiraatu.
17Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessisi ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana.
18Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.

Você sabia?
Trabalho, advertência e a mão de Paulo
- Os que enviam a carta contam que, enquanto estavam com os leitores, não comiam a comida de ninguém sem pagar. Trabalhavam noite e dia, no esforço e no cansaço, para não serem um peso, e se ofereceram como exemplo a imitar, embora digam que não lhes faltava o direito de ser sustentados.Fontes: o próprio texto bíblico
- Lembram também a ordem que deram então: quem não quiser trabalhar, que não coma. A carta diz que alguns viviam de modo desordenado, fora da tradição recebida de quem escreve, e não faziam nada além de se intrometer na vida alheia; essas pessoas são exortadas a trabalhar em silêncio e ganhar o próprio sustento.Fontes: o próprio texto bíblico
- Quem não obedece à carta deve ser notado e deixado sem convivência, para que se envergonhe, mas advertido como irmão, e não tratado como inimigo. A saudação final é apresentada como escrita pela própria mão de Paulo, a marca que ele usa em toda carta e o jeito como escreve.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org