2 Tessalonicenses 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Nama Jallu'uu
1Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna: 2raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu'u irraa isiniif barreeffantee gootanee «Guyyaan Gootta'aa dhiyaateera» jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina'a, yookiin hin rifatina'a. 3Finqilli adoo hin ka'in dura jallichi ilmi badi'iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollaalchisin. 4Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.
5Ani yennaa isin woliin jiru waan kana duudii akka isinitti hime hin qaabattanuu? 6Yennuma isaatitti akka inni mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan. 7Hunni dhossa'aa ta jallu'uu ammumaa hujiisatti jirti; ammoo wonni amma isa dhooggu haga karaa irraa kaatutti wonni sila te'uu malte hin teetu. 8Achiin duuba jallaamessi sun hin mudhata; Goottaan Yesuus hafuura afaan ifiitiin isa ijjeesee, ulfinna deebi'ee dhufiisa ifiitiin isa balleessa. 9Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa. 10Akkasuma isaan waan hantuu mara hujiisaan worra badu gowwoonsan. Isaan dhugaa isaan fayyittu jaalatanee fudhatuu waan didaneef badan. 11Tanaaf waan dhugaa hin te'in akka dhugeeffatanuuf, Waaqi hunna isaan wollaalchittu isaanitti erga. 12Worra hantu'utti gammadee dhuga'atti hin dhugeeffanne duudi'itti akka murantuuf, wonni kun teete.
Isin Fayyinnaaf Fooyantane
13Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna. 14Ulfinna Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii akka dhaggattanuuf, karaa Oduu Gammadaa ta nuuti lallannuutiin Waaqi isin waameera. 15Yoona obboleeyyan teenna, jabaadha'aa dhaabbadha'a; barsiisa jecha afaaniitiin yookiin ergaa barreeffamaan nu biraa isiniif ergantelle jabeessa'aa qabadha'a.
16Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifiitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu'uuf kenne, 17waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa.

Você sabia?
O Dia do Senhor ainda não chegou
- O capítulo pede aos leitores que não se alarmem facilmente com um espírito, uma mensagem ou uma carta que apenas pareça vir dos autores e afirme que o Dia do Senhor já chegou. Diz que esse dia não virá enquanto não ocorrer a rebelião e não for revelado o homem da iniquidade.Fontes: o próprio texto bíblico
- Chamado também filho da perdição, ele é descrito como quem se exalta acima de todo suposto deus, senta-se no templo de Deus e se proclama Deus. O texto fala do que agora o detém e daquele que o detém, mas não dá nome a essa restrição.Fontes: o próprio texto bíblico
- A vinda do iníquo vem acompanhada da atuação de Satanás, com todo tipo de poder, sinais e falsos prodígios. Satanás significa adversário ou acusador; no Novo Testamento o nome é usado de modo intercambiável com Diabolos, o diabo, mais de trinta vezes.Fontes: o próprio texto bíblico · Satan
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org