Nations Bible

2 Samuel 23

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Dubbii Daawitii Ta Dhumaa

1Dubbiin Daawitii ta dhuma irratti inni dubbate ta asii gad jirtu: «Ergaan Daawitii ilma Iseyii, ka Ol Aanaa irraa guddinna dhaggatee, ka nama Waaqa Yaaqoobiitiin muudamee, faaruun faarsicha Israa'elii tana:

2«Ayyaanni Mootii Waan Maraa

karaa kiyyaan dubbateera;

jechi isaa arraba kiyya irra jira.

3Waaqi Israa'elii dubbateera;

rassaan Israa'elii anaan,

‹Nami tokko balchumma'aan yennaa bulchu,

Waaqa sodaatiisaan yennaa bulchu,

4inni akka ifa ganamaa,

ka duumensi adoo hin jiraatin

yennaa aduun baatu ifuu ti;

akka calalaqa roobaan duuba

latti marra akka baattu godhuu ti› jedhe.

5«Dhugumaan manni kiyya

Waaqa duratti akkasii motii ree?

Inni gondooroo bara baraa

na woliin godhateera.

Waan mara sirreessee jabeessee hin eega;

fayyinna kiyyaa fi fedhii tiyya mara

ka naaf muummessu isaa motii ree?

6Garuu namooti hamooleen marti

akka qoreettii

nami harkaan wolitti qabuu hin dandeennee

hin gataman.

7Nami sibiilaa fi someya ebo'ootiin

qoreettii wolitti hin qaba;

qoreettiin sun achumaan ibiddaan hin gubanti.»

Loltoota Daawitii Gootota.

8Maqaan loltoota Daawitii ta worra goototaa ta asii gad jiru: Yosheb-Baashebetii Takmoonicha sooressaa gootota sadii; inni lola tokko keessatti namoota dhibba saddeeti eboo ifiitiin fixe. 9Ka isatti aanu ilma Dodoo Ahohichaa Ele'azaar; Filisxeemota lolaaf wolitti qabamanetti dhaadatanu, loltoota jannoota sad keessaa tokkochi isa. Achiin duuba Israa'elooti baqatane. 10Inni ammoo haga irreen isaa irraa buututti, haga harki isaa shallaaga'atti gogutti Filisxeemota lole; guyyaa san Waaqi injifachaa guddaa isaaf kenne. Loltooti gara Ele'azaarii deebi'anee Filisxeemota worra ijjeefame irraa meya lolaa mulqatane. 11Ka itti aanu ilma Aagee Haraarichaa Shama'a. Addee, «Lehi» jedhantutti fichaa misiraa keessatti yennaa Filisxeemoti wolitti qabantu, loltooti Israa'elootaa isaan duraa baqatane. 12Shamaan garuu fichuma san keessa dhaabbatee, Filisxeemota ijjeesee fichaa irraa deebise; guyyaa san Mootiin Waan Maraa injifachaa guddaa isaaf kenne. 13Yennaa midhaan galfatanu loltooti Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii keessatti addee qabatanee adoo jiranu, loltoota gootota soddoma keessaa sadiin addee Daawiti jiru gara goda «Adulaam» jedhamuu dhufane. 14Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; gareen loltoota Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiran. 15Daawiti dharraa guddo'oon, «Boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan unu eennutti naaf fida laati?» jedhe. 16Maarre loltooti goototi sadiin sun quttuma Filisxeemotaa keessa dabaranee boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan woraabanee Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansa godhee, Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee, 17«Ee, Mootii Waan Maraa, waan akkasii kana godhiis narraa fagaatu! Kun dhiiga worra lubbuu ifii gurguratee dhaqeetii motii ree?» jedhe; tanaaf Daawiti bisaan isaaf fidane san uniisa hin barbaanne. Jannummaan loltooti goototi sadiin sun godhane tana. 18Abiishaayi obboleessi Yo'aabii ka Zeruyaan deette sooressaa worra sadiin kanaa ti. Inni eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeesee, akka worra sadiin sanii loliisaan gurri isaa ka'e. 19Inni worra sadiin san caalaa ulfinna guddaa qabaa motii ree? Akka isaanii beekkamuu dhabulle ajajaa isaanii te'e. 20Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee, neenqa tokkolle ijjeeseera. 21Inni nama biyya Gibxi'ii tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun eboo qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese. 22Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate. 23Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawitille worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate. 24Worra soddoma keessaa maqaan isaanii ka asii gad jiru: Obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa, 25nama biyya Harorii Shaamaa, nama biyya Haarodii Eliiqaa, 26nama biyya Phaaltii Helez, nama qachaa Teqo'aa ilma Iqeshii Iiraa, 27nama qachaa Anaatotii Abii'ezer, nama biyya Hushaatii Mebunaa'i, 28nama biyya Ahohii Zaalmon, nama biyya Netofii Maharaay, 29ilma Ba'anaa nama biyya Netofii Heled, sanyii Beniyaamin keessaa ilma Rebaayii nama qachaa Giibe'aa Iitaayi, 30nama biyya phiiraatonii Benaayaan, nama dhooqa Ga'aashii Hiidaayi, 31nama biyya Aarabataahii Abii-Alboon, nama biyya Barhumii Az-maawet, 32ilmaan Yaashenii keessaa nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa, 33ilma Shamaa nama biyya Haraarii Yonaataan, ilma Shaaraarii nama biyya Haraarii Ahii'aam, 34ilma Ahasbaayii nama biyya Ma'akaatii Eliifelex, ilma Ahiitofelii nama biyya Giloonii Elii'aam, 35nama biyya Qarmelosii Hezro, nama biyya Arbaa'ii Pha'iiraayi, 36nama biyya Zobaa ilma Naataanii Iigaal, nama biyya Gaadii Baan, 37nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii Naharaayi ka Zeruyaan deette ka meya lolaa Yo'aabiif ba'atu, 38nama biyya Itrii Iiraa, nama biyya Itrii Gaareb, 39nama biyya Heetii Uriiyaa fa'a; isaan kun wolumatti nama soddomii torba.

Você sabia?

As últimas palavras e os valentes de Davi

  • O oráculo poético de Davi retrata o governante ideal como alguém que lidera com justiça e temor a Deus, comparando tal reinado à luz radiante de uma manhã sem nuvens e ao frescor da chuva que faz brotar a relva.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Enquanto Davi se abrigava na caverna de Adulão e as forças filisteias ocupavam o vale de Refaim e Belém, três guerreiros de elite romperam as linhas inimigas para buscar água do poço junto à porta de Belém. Comovido pelo perigo que enfrentaram, Davi recusou-se a bebê-la e a derramou como oferta ao Senhor, considerando-a como o sangue de homens que arriscaram a vida.Fontes: o próprio texto bíblico · Adullam · Bethlehem · Valley of Rephaim
  • Entre os guerreiros de destaque da lista estava Benaías, filho de Joiada, de Cabzeel, célebre por abater dois valorosos guerreiros de Moabe, descer a uma cova em dia de neve para matar um leão e desarmar um gigante egípcio para feri-lo com a própria lança.Fontes: o próprio texto bíblico · Benaiah · Kabzeel

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Valley of Rephaim · 31.763, 35.219 · versículo 13
  • Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículos 14, 15, 16, 24
  • Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículo 20
  • Tekoa · Hoje: Khirbet Teku’a · 31.632, 35.210 · versículo 26
  • Arabah · 30.417, 35.151 · versículo 31
  • Maacah · 33.258, 35.581 · versículo 34
  • Zobah · 33.935, 36.151 · versículo 36
  • Ammon · 31.955, 35.934 · versículo 37
  • Jattir · Hoje: Khirbet Attir · 31.352, 35.016 · versículo 38

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.