Nations Bible

2 Samuel 22

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Faaruu Daawitii Ta Galataa

1Mootiin Waan Maraa harka diinota isaa maraa fi harka Saa'olii jalaa yennaa isa baase Daawiti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarse:

2Inni, «Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,

waan itti golladhu;

ka na baasulle'e.

3Waaqi kiyya rassaa kiyya

ka ani itti baqadhu;

wontee tiyya,

ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu.

Inni kushee tiyya jaddu'u;

ta ani itti baqadhu; fayyisaa kiyyalle'e;

namoota hunnaan nama irratti ka'anu jalaa

na hin baasa.

4Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa

hin waammadha;

innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.

5«Danbaliin du'aa na marsitee,

lolaan badi'ii na gad liqinse.

6Wodaroon awwaalaa na xaxxee,

tiyyoon du'aa na qabatte.

7Rakkinna kiyya keessatti

ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe;

akka na qarqaaruuf,

Waaqa kiyyatti iyye.

Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa

qoonqoo tiyya dhage'e;

iyya tiyyalle caqase.

8«Mootiin Waan Maraa waan aareef,

latti rommitee tachoote;

hundeen ol-gubba'aalle daaxxee hollatte.

9Funnaan isaa keessaa aarri baye;

afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fi

kashilli ibiddaa baye.

10Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e;

duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu.

11Inni dada ol-gubba'aa

ta koola qaddu irra tee'ee koolaan ka'e;

koola qilleensaa irra tee'ee xinniqe.

12Inni dukkana gollaa ifii godhatee,

dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu;

duumensi gurraachi, bisaaniin guutame,

isa marseera.

13Calalaqa addee inni jiruu keessaa,

balaqqeettiin balaqqitte.

14Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e;

Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise.

15Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse;

balaqqeessa balaqqeetti'iitiin

haxowee isaan balleesse.

16Xixicha Mootii Waan Maraatiin,

dhowicha hafuura funnaan isaatiin,

dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane;

hundeen lafaa marti qullaa hafane.

17«Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe;

bisaan qilee keessaa harkisee na baase.

18Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf,

inni diinota kiyya hunnaameyyii,

worra na jibbu jalaa na baase.

19Yennaa ani rakkadhe,

isaan na irratti ka'ane;

Mootiin Waan Maraa

ammoo na qarqaare.

20Inni gara addee badho'oo na geessee,

waan natti gammadeef, na baase.

21«Mootiin Waan Maraa

akkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe;

inni waan ani yakkaa hin qanneef

gatii naa kaffale.

22Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef,

Waaqa kiyya irraa deebi'ee

waan hantuu hin hunye.

23Ani seera isaa mara muummesseera;

seerata isaalle irraa hin gorre.

24Ani isa duratti komii hin qabuuyyu;

cubbuu irralle'ee ifi eeggadheera.

25Mootiin Waan Maraa

akkuma balchummaa tiyyaatitti,

ani waan yakkaa hin qanneef

badhaasa naaf kenne.

26«Ee, Mootii Waan Maraa,

ati worra addatama'aaf, ka addatante;

worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne.

27Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u;

worra dabaalessaaf,

akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita.

28Ati worra gad ifi qabu hin baatta;

worra kooru ammoo hin salphitta.

29Ee, Mootii Waan Maraa,

ati ifa naaf hin issita;

Waaqa kiyya,

ati dukkana tiyya hin issita.

30Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola;

qarqaarsa Waaqaatiin

dalleya gubba'aan utaaluu dande'a.

31«Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;

jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a;

worra isatti baqatuuf, inni wonte'e.

32Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu?

Waaqa keenna malee rassaan eennu?

33Jabeenna ka anaaf kennu,

ka karaa naaf qajeelchu Waaqa.

34Inni miila kiyya

akka miila gadansaa hin jabeessa;

koobota gubbaa

sodaa malee na dhaabbachiisa.

35Inni harka kiyya lolaaf hin leenjisa;

guubee sageettu'uu harkisuu akka dande'u,

irree tiyya hin jabeessa.

36Wontee teeti ta fayyinnaa naa kenniteerta;

qarqaarsi keeti guddaa na godheera.

37Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhittee,

miilli kiyyalle hin mucucaanne.

38«Ani diinota kiyya

ari'ee isaan balleesse;

haga isaan badanutti

ani duubatti hin deebine.

39Akka isaan dande'anee hin kaane,

gad isaan dhowe;

isaan miila kiyya jalatti jigane.

40Ati lolaaf hunna naaf kennite;

mormitoota tiyya

miila kiyya jalatti jilbiiffachiitte.

41Ati diinoti kiyya worri na jibbu

duubatti deebi'anee akka baqatanu goote;

anille isaan balleesse.

42Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane;

ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre.

Isaan Mootii Waan Maraa waamane;

inni ammoo deebii hin kennine.

43Akka bukuu qilleensi afuufuu,

ani isaan butuche;

akka dhoqqee karaa keessaa,

ani isaan irra sirbe.

44«Ati kolbaa tiyya

ta na loltu jalaa na baatte;

gosa biyya adda addaa irratti

bulchaa na goote;

kolbaan ani hin beenne na tajaajilte.

45Worri ormaa na sossobatane;

gurra kiyya akkuma dhage'aneen,

naaf ajajamane.

46Isaan Sodaatanee addii kutatane;

raafamanee kushee jadduu ifii

lakkisanee bayane.

47«Mootiin Waan Maraa jiraata'a!

Rassaan kiyya leellifamuu ti!

Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti.

48Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu;

gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha.

49Inni diinota kiyya jalaa na baasa.

Diinota kiyya irratti ol ol na qaba;

kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'ee

na baasa.

50Tanaaf, Mootii Waan Maraa,

gosa biyya adda addaa oddu'utti si leellisa;

faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha.

51Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef,

injifachaa kenna;

ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiifille,

jaalala ifii ka bara baraa itti mudhisa» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O cântico de libertação de Davi

  • Davi entoou este hino de gratidão quando o Senhor o livrou das mãos de todos os seus inimigos e de Saul, contemplando uma vida inteira de provações militares e pessoais.Fontes: o próprio texto bíblico · David
  • O poema recorre amplamente a imagens de relevo rochoso e de guerra antiga, retratando a Deus como rochedo, fortaleza e escudo, enquanto descreve o guerreiro dotado de agilidade semelhante à da corça e força para vergar um arco de bronze.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Davi, que pastoreara ovelhas e tocara música nas terras altas de Judá antes de seu reinado de quarenta anos, encerra o cântico celebrando a fidelidade perene da aliança de Deus para com o seu rei ungido e sua descendência para sempre.Fontes: o próprio texto bíblico · David · Reign of David

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.