2 Coríntios 9
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Qarqaarsa Kolbaa Waaqaatiif Godhame
1Marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta Yihudaa keessa jirtuuf godhamuu, isiniif barreessuun barbaachisa'aa moti. 2Ani quxiquxamuu keessan waan beekuuf, «Worri Akaayya'aa bara engeddaatiin jalqabee qarqaariisaaf qophoweera» jedhee marroo teessaniif worra Meqedooniya'aa biratti ifi jaje; quxiquxamuun keessanille worra hedduu kakkaaseera. 3Marroo teessaniif wonni ani waan kana irratti ifi jaju, soba teetee akka hin hanne amma obboleeyyan tana ergaara; isin ammoo akkuma ani jedhetti qophowa'aa eega'a. 4Worri Maqedooniya'aa na woliin dhufee, adoo isin hin qophowin yoo dhagge, nuuti isinitti addachuu keennaan waan jennu dhannee hin qaanonna; isin fa'a guddoo qaanottan. 5Maarre obboleeyyan tun anaan dura gara keessan dhufanee, qarqaarsa arjoomiisaaf waadaa galtane dura keessa akka qopheessitanu akka isin qaabachiisanuuf, gara keessan erguun barbaachisaa te'ee natti mudhateera. Akka kanaan ani yennaa dhufu kennansi arjoomaa keessan ka qophowe te'a; isinille dirqamaan adoo hin te'in fedhi'iin akka kennitanu beessisa.
6«Ka diqqoo facaase diqqoo galfata; ka hedduu facaase hedduu galfata» yaada jedhu qaabadha'a. 7Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin. 8Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa'aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande'a. 9Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
«Worra hiyyeeyyi'iif arjoomaan kenne;
balchummaan isaalle haga bara baraa jiraatti» jedhu.
10Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa. 11Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa. 12Tajaajilli keessan kun dhidhuu kolbaa Waaqaa guutiisa qofa adoo hin te'in, akka galata guddaa Waaqaaf dhikeessanu godha. 13Tajaajilli arjooma keessanii kun, Wongeela Kiristoosii fudhattanee ajajamuu keessan, isaanii fi worra dhibiille'eef arjoomuu keessan waan mirkaneessuuf, nami hedduun Waaqa hin leellisa. 14Isaanille badhaadha guddaa Waaqi waan isinii kenneef, isin dharra'aa isinii daadimatan. 15Kennaa isaa ta hagana hin jedhanneef, Waaqi galatoomu.

Você sabia?
Generosidade entre a Acaia e a Macedônia
- A Macedônia era uma província romana situada ao norte da Grécia, e a Acaia era a outra das duas províncias em que os romanos dividiram a Grécia, aplicando esse nome a todo o Peloponeso e ao sul. Ao escrever aos crentes da Acaia, Paulo diz que vinha se gloriando diante dos macedônios de que eles estavam prontos para dar.Fontes: Macedonia · Achaia · o próprio texto bíblico
- Paulo diz que, desde o ano anterior, o povo da Acaia estava pronto para dar, e que o zelo deles havia motivado a maioria dos macedônios a fazer o mesmo. Ele está enviando os irmãos adiante para que aquilo de que se gloriou a respeito deles não se mostre vazio, caso alguns macedônios venham com ele e os encontrem despreparados.Fontes: o próprio texto bíblico
- O nome Acaia referia-se, a princípio, a uma faixa estreita de território na Grécia, a noroeste do Peloponeso. No Novo Testamento, o nome é sempre usado no sentido posterior e mais amplo que os romanos lhe deram, para a província do sul como um todo.Fontes: Achaia
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 12
- Achaia · 38.720, 22.540 · versículo 2
- Macedonia · 41.600, 22.540 · versículos 2, 4
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org