2 Coríntios 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Phawuloos Tajaajila Ifiitiif Falmate
1Ani Phawuloos yennaa isin bira jiru nama, «Nama ila laafu» jedhame; yennaa isin irraa fagaadhe ammoo, «Nama ila jabaatu» jedhame; gadhi laaffinnaa fi arjummaa Kiristoosiitiin, 2ani yennaa isin bira dhufe ila jabeennaan akka na hin dubbachiinne isin kadhadha; worra akka yaada fooniititti deddeebina nu seyanu duratti ammoo, ila jabeennaan dubbatiisaaf barbaada. 3Biyya lafaa keessa leenulle, nuuti akka biyya lafaa hin lollu. 4Mey woraanaa keennalle ka kushee diigiisaaf dandeessisu, ka hunna Waaqaa qabu malee, meya woraanaa ka biyya lafaatii moti. 5Waaqa beekiisa irratti moroma'aa fi kijiba gufuu te'ee ka'u duudii hin balleessina; yaada namaa duudiille booji'aa Kiristoosiif akka ajajamu goona. 6Eega ajajamuun keessan muummowe, ajajama dhaba duudii adabiisaaf hin qophoonna.
7Isin waan ila duratti mudhatu qofa ilaaltan. Nami tokko ani ka Kiristoosii ti jedhee yoo ifi addate, nuutille akkuma isaatuu ka Kiristoosii te'uu kenna hubatuu ti. 8Marroo baallii Goottaan nuu kenneetiif, yoo guddoo ifi jajelle itti hin fokkiffadhu; baalliin tun isin ijaariisaaf malee, isin diigiisaaf hin kennanne. 9Ani xalayaa kiyyaan akka waan isin sodaachisiisatti jiruu akka yaaddanu hin fedhu. 10Worri gariin, «Ergaan Phawuloosii jajjaddu'uu fi ulfaattu'u; inni ammoo yennaa nu biratti dhaggamu dadhaba'a; dubbiin isaalle goofa» jedhan fa'a teeti. 11Worri akkasii waan nuuti fagoo jiraannee barreessinuu fi waan yennaa isin woliin jirru hunyu odduu garaa garummaan akka hin jirre hubatuu ti.
12Nuuti worra ifi saadutti ifi laakkowu'uuf yookiin isaaniin wol biratti ifi qannee ilaaliisaaf ila hin jabaannu. Isaan ammoo ifiinuu ifi waan madaalanuu fi ifiinuu ifi wol biratti qabanee ifi waan ilaalanuuf gowwoole'e. 13Nuuti ammoo haga isin bira geennulle'etti, meessaa tajaajila Waaqi nuu kenneen ifi jajaarra malee, haga irra tarree ifi hin jajnu. 14Isinille meessaa tajaajila keennaa keessa waan jirtanuuf, nuuti Oduu Gammadaa ta Kiristoosii gara keessan finnee yennaa dhunne meessaa san hin tarre. 15Tanaaf meessaa Waaqi nuu murteesse irra dabarree, hujii worra dhibi'iitiin haga malee ifi hin jajnu; addee akkasii dhugeeffannaan teessan akka guddattuu fi hujii teennalle haga meessaa Waaqi nuu murteesseetitti, odduu teessanitti irra caalaa akka babadhatu hin addanna. 16Maarre meessaa tajaajila nama dhibi'ii keessa seennee, hujii tanaan qara hujanteen adoo ifi hin jajin, biyyoota isiniin gamaatille'etti Oduu Gammadaa lallabuu hin dandeenna.
17Ammoo akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Ka ifi jajuu Gootta'aan ifi jajuu ti». 18Sababille nama Goottaan saadutti fudhatama qaba malee, nami ifi saadu fudhatama hin qabu.

Você sabia?
Cartas, presença e uma guerra que não é deste mundo
- Algumas pessoas avaliavam Paulo pela aparência e pela fala. Admitiam que as cartas dele eram pesadas e enérgicas, mas diziam que a presença física não impressionava e que o falar não tinha valor. Ele responde que o que é nas cartas, quando ausente, será também nas ações, quando estiver presente.Fontes: o próprio texto bíblico
- Ele descreve o conflito em termos militares, mas não como uma luta comum. Viver na carne, diz ele, não significa guerrear segundo a carne. As armas de que fala não são as do mundo; têm poder divino para derrubar fortalezas, desfazer argumentos e toda pretensão levantada contra o conhecimento de Deus, e levar todo pensamento à obediência a Cristo.Fontes: o próprio texto bíblico
- Paulo não quer gloriar-se além do campo de influência que Deus lhe designou, um campo que já inclui os leitores, pois foi o primeiro a chegar até eles com o evangelho de Cristo. Quem se gloria, diz ele, deve gloriar-se no Senhor; a aprovação não é de quem recomenda a si mesmo, mas daquele a quem o Senhor recomenda.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Corinth · 37.906, 22.879 · versículo 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org