2 Coríntios 13
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Gorsaa Fi Nageya Muumme'ee
1Gara keessan dhufiis kiyya kun yennaa sadeesso'oo ti; akkuma Barreeffam Woyyichi jedhu, «Himannaan marti dhugaa baatota lamaan yookiin sadiin mirkanootti». 2Ani yennaa lammeesso'oo isin ilaaliisaaf dhufee isin woliin jiru, isin ifi eeggachiiseera. Ammalle fagoo jiraadhee, worra tanaan qara cubbuu hujee fi worra dhibiille ifi eeggachiisa; amma yennaa gara keessan deebi'ee dhufu eennulle hin hilu. 3Isin ka ana keessa jiraatee dubbatu Kiristoos akka te'e mirkaneeffatiisaaf barbaaddan; ka isin keessatti mudhatulle hunna isaa ti malee, dadhabbii isaatii moti. 4Inni fannoo gubba'atti fannifamee ka du'e dadhabbi'iin te'ulle, amma hunna Waaqaatiin jiru'uun le'a; nuutille isa woliin dadhaboolee teeneerra; tokkummaa isin woliin qannuun ammoo, isa woliin hunna Waaqaatiin leena.
5Dhugeeffanna'aan akka jirtanu beekiisaaf ifi qorqora'a; haga ifi ilaala'a; Yesuus Kiristoos akka isin keessa jiru hin hubannee? Yoo akkas hin te'in haga ilaallatamaan jiddaneertan jechu'u. 6Nuuti haga ilaallatamaan akka hin jigin hin beettan jedhee addadha. 7Waan hantuu akka isin hin hunye, gara Waaqa daadimanna; wonni daadimannuufille nuuti haga ilaalcha taruu dhannee yoo dhagganne, isin yennaa maraa waan dansaa akka gootanuuf malee, haga ilaalcha tariisa keenna mudhisiisaafii moti. 8Nuuti dhuga'aaf hunya malee, waan dhuga'aan mormu tokkolle hujiisaaf hin dandeennu. 9Nuuti dadhaboolee teenee, isin ammoo jajjaba yennaa teetanu hin gammanna; nuuti akka isin mijuu teetanu daadimanna. 10Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan naaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii naaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti.
Nageya Muumme'ee
11Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee'a'a; leetoo teessan sirreeffadha'a; gorsa kiyya dhage'a'a; wolii gala'a; nageyaan le'a'a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.
12Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha'a.
13Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti. 14Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.

Você sabia?
Uma terceira vinda e um apelo final
- O autor diz que esta é a terceira vez que vai até os leitores e que já os advertiu na segunda vez em que esteve com eles. Ele cita a frase de que toda questão deve ser confirmada pelo testemunho de duas ou três testemunhas e adverte tanto os que pecaram antes quanto todos os demais: se voltar, não poupará ninguém.Fontes: o próprio texto bíblico
- Os leitores exigem prova de que Cristo fala por meio do autor. Ele contrapõe fraqueza e poder: Cristo foi crucificado em fraqueza, mas vive pelo poder de Deus; embora o autor e os que estão com ele sejam fracos em Cristo, ele diz que, pelo poder de Deus, viverão com ele para servir aos leitores. Ele pede que os leitores se examinem e se ponham à prova, para ver se estão na fé, e espera que reconheçam que ele e os que estão com ele não falharam nessa prova.Fontes: o próprio texto bíblico
- Ele escreve essas coisas estando ausente para que, quando estiver presente, não precise ser severo no uso da autoridade que o Senhor lhe deu — autoridade para edificar os leitores, e não para derrubá-los. Ele encerra exortando-os a alegrar-se, buscar a harmonia perfeita, encorajar uns aos outros, ter o mesmo modo de pensar e viver em paz, e acrescenta que o Deus de amor e de paz estará com eles. Pede também que se saúdem uns aos outros com um beijo santo, transmite saudações de todos os santos e termina com uma bênção que nomeia a graça do Senhor Jesus Cristo, o amor de Deus e a comunhão do Espírito Santo.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org