2 Coríntios 12
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mudhii Phawuloosii
1Ifi jajiisaan bu'aan dhaggamu jiraatuu dhabulle, ifi jajiisa yoo barbaachise yaadaan dhaggu'uu fi mudhii Goottaan naaf kenneen ifi jaja. 2Nama ka Kiristoosii te'e tokko beeka; nami kun woggaa kudha afuriin dura, haga ol gubbaa olii fudhatame; akki inni fudhatamelle nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka. 3Ifii ammoo nami kun gara addee gammadaa akka fudhatame hin beeka; teetuu malee nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka. 4Inni gara addee gammadaa fudhatamee, waan jecha namaatiin himamiisaa fi namille dubbatiisaaf hin dandeenne dhage'e. 5Ani nama akkana jiruun ifi jaja; marroo ifii kiyyaa ammoo, dadhabbii tiyya malee waan ifi jajadhuun hin qabu. 6Ani dhugaa waan dubbataaruuf, ifi jajiisa yoo barbaadelle ani hin gowwoomu; ammoo eennulle waan na irratti dhagguu fi waan na irraa dhage'u caalaa akka hin herrenneef, ifi jajuu irraa ifi qusadha.
7Mudhii guddoo tanaan ta kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore'ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa naa kenname. 8Wonni na rakkisu kun, akka na lakkittu yennaa sad gara Gootta'aa daadimadhe. 9Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada. 10Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada.
Yaada Phawuloos Worra Qorontoosiitiif Qabu
11Ani akka gowwa'aa dubbadhe; akka ani akkas dubbadhu isinitti na godhe; na deeggaruu ka qaddanu silaa isin; ani woyittuu laakkowamuu dhabulle, worra ergantoota gugurdoo jedhamane karaa tokkolle'een hin hanqadhu. 12Ani yennaa odduu teessan jiru, hujiin ani ossaan huje, akka ani ergamaa dhuga'aa te'e hin mirkaneessiti. Kunille beessisa, baasaa fi bilbaasota. 13Ani ijjumaa isinitti ba'aa te'a dhabuu kiyya malee, ani maaniin wolde'oota Kiristaanaa dhibii isin hanqise? Tunille akka yakka'aatitti ta laakkowantu yoo teete naa araarama'a.
14Gara keessan dhufiisaaf qophowuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee teessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu. 15Ani isiniif jedhee waan qabu duudii, ifille dabarsee adoo isiniif kenne guddoo hin gammada. Eega ani akkana guddisee isin jaaladhe, isin diqquma na jaalatanii ree?
16Maarre teetuutii, akka ani isin irratti ba'aa hin te'in tana wolii galla; ammoo maltumma'aa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seyaartan. 17Ani namoota gara keessan erge keessaa, karaa nama tokkochaatille'een woy isin irraa nyaadheera ree? 18Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woy isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree?
19Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra. 20Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin barbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a. 21Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha.

Você sabia?
Revelações, um espinho e a visita de Tito
- Este capítulo fala de um homem em Cristo que, quatorze anos antes, foi arrebatado ao terceiro céu e ao paraíso e ouviu coisas sagradas demais para palavras, que a uma pessoa não é permitido contar. Paulo diz que se gabará desse homem, e não de si mesmo, exceto nas suas fraquezas; diz também que, por causa dessas revelações sobremaneira grandes, recebeu um espinho na carne, que ele nunca nomeia.Fontes: o próprio texto bíblico
- Paulo chama o espinho de mensageiro de Satanás, dado para o atormentar, e diz que três vezes pediu ao Senhor que o afastasse. O nome Satanás significa adversário ou acusador; o Dicionário Bíblico de Easton (1897) observa que, no Novo Testamento, esse nome é usado de modo intercambiável com o diabo, e assim é empregado mais de trinta vezes.Fontes: o próprio texto bíblico · Satan
- Paulo diz que exortou Tito a visitá-los e enviou o nosso irmão com ele; em seguida, pergunta se Tito os explorou de algum modo. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) diz que Tito parece ter sido gentio, que Paulo se recusou a circuncidá-lo, e que o enviou de Éfeso a Corinto para encaminhar a coleta da igreja em favor dos santos pobres de Jerusalém.Fontes: o próprio texto bíblico · Titus
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org