Nations Bible

2 Crônicas 18

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Miikiyaasiin Raagichi Ahaab Ifi Eeggachiise

1Yoshaafaaxiin mootichi guddoo duroomee, ulfinna guddaalle yennaa dhaggate, fuudhaa fi heerumaan Ahaabii mooticha woliin firoome. 2Inni woggoota diqqo'oon duuba Ahaab dubbisu'uuf gara qachaa Samaariya'aatitti yennaa gad bu'e, Ahaab loon heddu'uu fi hoolee hedduu isaa fi namoota isaatiif qalchiisee, akka inni qachaa Raamoot-Giili'aadii loluuf dhugeeffachiise. 3Mootichi Israa'elii Ahaab, «Ati na woliin Raamoot-Giili'aad loliisaaf hin dhaxxaa?» jedhee, mooticha Yihuda'aa Yoshaafaax gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyyalle akkuma kolbaa teetii ti; nuuti si woliin dhandhee hin lolla» jedheen. 4Yoshaafaaxille mooticha Israa'eliitiin, «Qara, waan Mootiin Waan Maraa jedhu gaafadhu» jedhe. 5Achiin duuba mootichi Israa'elii Ahaab raagota dhibba afur wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aad dhandhee lolla moo yookiin ani hafu woyya?» jedhee gaafate; isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa qachaa san harka keetitti dabarsee waan kennuuf, dhaqii loli» jedhane. 6Yoshaafaax ammoo, «Isaan kana malee ka nuuti gaafannu raagaan Mootii Waan Maraa ka dhibiin as hin jiruu ree?» jedhe. 7Mootichi Israa'eliille Yoshaafaaxiin, «Nami nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafatuu dandeennu ka dhibiin tokkolle hin jira; garuu inni marroo tiyya yennaa mara ijjumaa waan hantuu malee, waan dansaa raaga waan hin dubbanneef, ani isa hin jibba; innille ilma Iimla'aa Miikiyaas» jedhee Yoshaafaaxiif deebise. Yoshaafaaxille, «Ee mooticha! Ati dubbii akkasii hin dubbatin!» jedhe. 8Achiin duuba mootichi Israa'elii qondaaltota keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Iimla'aa Miikiyaas ariiti'iin fidi!» jedhee ajaje. 9Mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ta ifii uffatanee karra qachaa Samaariya'aa dura eeddummee keessa barcumaa mootumma'aa ta ifii irra tee'anee, raagoti martinuu isaan duratti raaga raagane. 10Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan sibiila akka gaafaa hujatee, Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worra Sooriya'aa haga lafa irraa balleessitutti, gaafota kanaan isaan hin woraanta› jedha» jedhe. 11Raagoti worri kuun martinuu raaganee, «Raamoot-Giili'aaditti ol bayiitii loli! Hin injifatta. Mootiin Waan Maraa dabarsee harka keetitti kenna» jedhanee raaga dubbatane.

12Namichi akka Miikiyaas waamuuf ergamee dhaqe sun, «Kunoo, raagoti martinuu afaan tokkochaan marroo mootichaa waan dansaa dubbataneeran; maganne'e atille akkuma isaanii waan dansaa itti dubbadhu» jedheen. 13Miikiyaas ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Waanuma Waaqi kiyya natti dubbate qofa hin dubbadha» jedhe. 14Raagichi gara mootichaa yennaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas, Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo yookiin hin lakkinna?» jedhee gaafate; raagichille deebisee, «Qachaan sun dabarfamee harka keetitti waan kennamuuf, hin injifattaatii ol bayii loli» jedheen. 15Mootichi ammoo isaan, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka natti hin dubbanneef, ani yennaa meeqa si kakachiisuu na barbaachisa ree?» jedheen. 16Miikiyaasille deebisee, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolota tissee hin qannee koobota irra bittinnootteertuun dhagge; Mootiin Waan Maraalle, ‹Isaan kun sooressitoota waan hin qanneef, nageyaan gara mana ifii deebi'anuutii gad lakkis› anaan jedheera» jedhe. 17Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Namichi kun marroo tiyya waan hantuu malee, waan dansaa raaga akka hin dubbanne ani sitti hin hinnee ree?» jedhe. 18Miikiyaasille itti dabalee, «Waan Mootiin Waan Maraa dubbatu dhage'i; ani Mootiin Waan Maraa barcumaa mootumma'aa ka ifii irra tee'eeruun, ergantooti isaa middaa fi bitaa isaa dhaabbateertuun dhagge. 19Mootiin Waan Maraa, ‹Mootichi Israa'elii Ahaab dhaqee Raamoot-Giili'aad akka loluuf, achitti akka ijjeefamuufille eentu isa gowwoonsa ree?› jedhe; tokko waan tokko kuun waan dhibii jedhe. 20Achiin duuba Ayyaanni tokko gara duraa dhufee, Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin gowwoonsa› jedhe; Mootiin Waan Maraa isaan, ‹Maaniin isa gowwoonsita?› jedhee gaafate. 21Ayyaanni sun, ‹Ani dhaqee ayyaana dharaan raagota Ahaabii mara raaga dharaa dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraalle, ‹Ee, sii hin milkoottii, dhaqiitii tolchi!› jedheen. 22Tanaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa afaan raagota teeti tanaa keessa ayyaana dharaa keyeera. Marroo teeti balaa dubbateera» jedhe.

23Achiin duuba ilmi Kine'aana'aa Zedeqiiyaan gara Miikiyaasii dhaqee boqoo isaa keessa kabalee, «Ayyaanni Mootii Waan Maraa kun karaa kamiin na bira dabaree sitti dubbate?» jedhee isa gaafate. 24Miikiyaasille deebisee, «Kunoo, gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedheen. 25Mootiin Israa'elii Ahaab, «Miikiyaas qaba'aatii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessa'a! 26Isaaniin, ‹Mootichi: Nama kana hidha'a! Haga ani nageyaan deebi'utti sagale'ee fi bisaan malee, waan dhibii itti hin kennina'a jedheera› jedha'aan» jedhe. 27Miikiyaas deebisee, «Yoo ati nageyaan deebite, Mootiin Waan Maraa natti hin dubbanne» jedhe. Inni itti dabalee, «Kolbaan tun marti, dhage'a'a!» jedhe.

Injifatamiisaa Fi Du'iisa Ahaabii

28Achiin duuba mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax Raamoot-Giili'aaditti duulane. 29Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedhe. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule. 30Yennaa san mootiin Sooriya'aa ajajjoota loltootaa worra garreettaa fardaan harkifamuutiin, «Mootii Israa'elii qofa malee, nama tokkolle hin lolina'a!» jedhe. 31Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun, akkuma Yoshaafaax dhaggiteen, «Kun mootii Israa'elii ti» jedhane. Maarre isaan isa loliisaaf itti garagalane. Yoshaafaaxille qoonqoo ol qabatee iyyee, Mootiin Waan Maraalle isa qarqaare; Waaqi jara san irraa deebise. 32Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun akka inni mootii Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisanee biraa deebi'ane. 33Isaan keessaa namichi tokko duuchi-balleessii daaya ifii darbatee, uffana sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru wodhakka'aan woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba deebisiitii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje 34Gaafa san lolli o'ee, Ahaabiin mootichi gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; inni galgaluma san du'e.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A aliança com Acabe e a queda em Ramote-Gileade

  • O rei Josafá de Judá formou uma aliança por casamento com o rei Acabe de Israel e o visitou em Samaria. Ali, Acabe o convenceu a participar de uma campanha militar conjunta para recuperar a cidade transjordânica de Ramote-Gileade dos arameus.Fontes: o próprio texto bíblico · Jehoshaphat · Ramoth-gilead
  • Antes de marchar para a guerra, quatrocentos profetas liderados por Zedequias, filho de Quenaaná, garantiram a vitória aos reis junto à porta de Samaria. Contudo, o profeta Micaías, filho de Imla, predisse a derrota e a morte de Acabe, sendo por isso enviado à prisão sob a custódia do governador Amom.Fontes: o próprio texto bíblico · Micaiah · Zedekiah · Amon
  • Acabe tentou se proteger na batalha entrando no combate disfarçado, enquanto Josafá permaneceu com seus trajes reais. Apesar dessa precaução, um arqueiro inimigo disparou seu arco ao acaso e atingiu Acabe entre as juntas de sua armadura, levando o rei à morte ao pôr do sol.Fontes: o próprio texto bíblico · Ahab · Ramoth-gilead

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 2, 9
  • Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículos 10, 30, 34

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.