2 Crônicas 17
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yoshaafaax Mootii Yihuda'aa Te'e
1Ilmi isaa Yoshaafaax addee Aasaa abbaa ifiititti mootii te'ee, Israa'el loliisaaf ifi jabeeffate. 2Inni qachaa biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara keessa loltoota keye. Lafa Yihuda'aa keessa qachaa Efreemii ka abbaan isaa Aasaan qabate mara keessalle waardiyoota ifii keye. 3Yoshaafaax akkuma abbaan abbootii isaa ta durii Daawiti jalqaba mootummaa ifiititti deddeebi'e waan deddeebi'eef, Mootiin Waan Maraa isa woliin jiraate; inni Ba'aal hin barbaanne. 4Inni Waaqa abbaa ifii barbaadatee, ajaja isaa hordofe malee, akka mootota Israa'elii ta isaan qaraa hin deddeebine. 5Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootummaa Yoshaafaaxii ta Yihuda'aa harka isaatitti jabeesse. Namooti Yihuda'aa marti kennansa adda addaa isaaf fidanee, inni durumma'aa fi ulfinna guddaa dhaggate. 6Gadhaan isaa Mootii Waan Maraatiif ajajamiisaaf jajjabaatee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu biyya Yihuda'aa keessaa balleesse.
7Yoshaafaax mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti qachoota biyya Yihuda'aa keessatti akka barsiisanuuf qondaaltota ifii keessaa Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakaariyaas, Naataani'elii fi Miikiyaas erge. 8Isaan Woliin Lewwoota keessaa: Shemaa'iyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaa'el, Shemiiraamoot, Yonaataan, Adoniyaa, Tobiiya'aa fi Tob-Adoniyaa, hayyoota keessaalle'ee Elshaama'aa fi Yehoraam erge. 9Isaan Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa fuudhanee dhaqanee, qachoota Yihuda'aa keessatti kolbaa barsiisane. Isaan qachoota Yihuda'aa mara keessa deemanee odduu kolba'aatitti barsiisane.
10Gosi biyya adda addaa ta adaala biyya Yihuda'aa jirtu Mootii Waan Maraa waan sodaatteef, Yoshaafaax irratti lola kaasuu hin barbaanne. 11Worri Filisxeemotaa gariin Yoshaafaaxii mootichaaf kennansa hedduu fidanee, meetiille gabbarane; worri Arabaalle korbeeyyii hoole'ee kuma torbaa fi dhibba torba, korbeeyyii re'e'ee kuma torbaa fi dhibba torba fidanee isaaf kennane. 12Yoshaafaax ittuma guddataa, jabaataalle ideeme. Inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanuu fi qachaa gootaraa midhaaniitii fi meya adda addaa itti galchanu ijaare. 13Inni qachaa biyya Yihuda'aa keessatti sagalee bacaa tuulchisiise; loltoota jajjaboolle qachaa Yerusaalemii keessa keye. 14Laakkossi isaanii akka maatii maatii isaaniititti asii gad jiran: Yihudaa keessaa ajajaan kumaa Adina'a; inni loltoota jajjaba kuma dhibba sad ka ajaju. 15Isatti aanee Yohaannaan ajajaan loltootaa, loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ka ajaju. 16Isatti aanee ajajaan loltootaa Amaasiyaan ilmi Ziikrii, ka Mootii Waan Maraatiif tajaajiliisaaf fedha qabu, loltoota jajjaba kuma dhibba lama ka ajaju. 17Gosa Beniyaaminii keessaa Eliyaadaan, loltichi janni loltoota kuma dhibba lama worra guube'ee fi wonte'een lolu ka ajaju. 18Isatti aanee Yehozaabaad loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama lolaaf qophowane ka ajaju. 19Isaan kun worra mootichi biyya Yihuda'aa keessaa qachoota dalleya dhaka'aa qabanu mara akka eeganuuf keessa keye adoo hin dabalatin worra qofitti isa tajaajilane.

Você sabia?
As reformas e o fortalecimento de Josafá
- No terceiro ano de seu reinado, Josafá iniciou uma campanha educativa por todo o país. Ele enviou oficiais reais, levitas e sacerdotes por todas as cidades de Judá com o Livro da Lei do SENHOR para instruir o povo diretamente.Fontes: o próprio texto bíblico · Jehoshaphat
- Para proteger seu reino contra o reino do norte, Israel, Josafá posicionou tropas e guarnições pelas cidades fortificadas de Judá e nas cidades de Efraim que seu pai Asa havia conquistado anteriormente.Fontes: o próprio texto bíblico · Jehoshaphat · Asa
- Como os reinos vizinhos temiam fazer guerra contra Judá, Josafá recebeu tributos expressivos, incluindo prata dos filisteus e rebanhos de 7.700 carneiros e 7.700 bodes trazidos pelos árabes.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org