1 Samuel 22
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daawiti Gara Goda Qachaa Adulaamii Biraatitti Baqate
1Daawiti qachaa Gaatiitii bayee gara goda qachaa «Adulaam» jedhamu bira jiruutitti baqate; obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa marti tana dhage'anee achi gara isaa dhaqane. 2Worri rakkate marti, worri liqaan irra jiruu fi worri jireenni itti hammaateeru marti namooti gara dhibba afurii isa biratti wolitti qabamane; inni ajajaa isaanii te'e.
3Daawiti achii ka'ee gara qachaa Miispha'aa ka biyya Mo'aabii keessaa dhaqee, mootii Mo'aabiitiin, «Maganne'e, waan Waaqi naaf godhu haga beekutti, abbaan kiyyaa fi haati tiyya si bira turanuu ti» jedhe. 4Maarre inni mootii Mo'aabii biratti isaan lakkisee, isaanille haga Daawiti kushee jadduu keessa dhokatee ture san mara mooticha san bira turane.
5Achiin duuba Gaadiin raagichi Daawitiin, «Kushee jadduu tana keessa hin turin; ka'iitii gara biyya Yihuda'aa deemi!» jedhe. Maarre Daawiti achii ka'ee gara gongomaa Kaaretii dhaqe.
Saa'ol Nob Keessatti Hayyoota Ijjeese
6Saa'ol gaafa tokko Daawitii fi namooti isa woliin jiranu akka mudhatane dhage'e. Saa'ol eboo ifii qabatee qachaa Giibe'aa keessa kooba irra muka «Tamariiski» jedhamu tokko jala tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa marti adaala isaa dhaabbataneeraniiyyu. 7Saa'ol tajaajiltoota ifii worra isa bira dhaabbateeruun, «Isin worri Beniyaaminii Dhage'a'a; ilmi Iseyii ficha'aa fi addee muka woyni'ii itti dhaabbatanu isin maraaf hin kennaa ree? Inni ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa isin mara hin godhataa ree? 8Isin marti tanaaf na irratti mala dhoottanii ree? Ilmi kiyya ilma Iseyii woliin yennaa gondooratu nami tokkolle natti hin hinne. Akkuma adhaa ilmi kiyya yennaa tajaajilaa kiyya na irratti kaasee akka inni riphee na eeggatu yennaa godhe, isin keessaa nami tokkolle marroo tiyyaaf quuqamee natti hin hinne» jedhe.
9Achiin duuba nami qachaa Edoomii Do'eeg, ka tajaajiltoota Saa'olii woliin dhaabbateeru deebisee, «Ilmi Iseyii gara qachaa Nobii, ilma Ahiixubii Ahiimelek bira dhufuun dhaggeera; 10Ahiimelekille marroo isaa Mootii Waan Maraa gaafatee, gala'aa fi shallaagaa Goliyaadii Filisxeemichaalle isaaf kenne» jedhe. 11Achiin duuba mootichi nama ergee, Ahiimelekii hayyicha ilma Ahiixubii, maatii abbaa ifii maraa fi worra Nob keessatti hayyoota te'ane mara waansisee, isaan marti gara mootichaa dhufane. 12Yennaa san Saa'ol, «Ee, ilma Ahiixubii amma dhage'i!» jedhe.
Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira, goottaa kiyya!» jedheen.
13Saa'olille isaan, «Akkuma adha godhu kana, ilmi Iseyii na irratti ka'ee akka na gaadu, daabbo'oo fi shallaagaa isaaf kennitee, marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisaan, isa woliin maaf na irratti mala dhoottane?» jedhe. 14Ahiimelek deebisee mootichaan, «Soddaan mootichaa, ajajaa eeddota teetii te'ee mana keeti keessatti ka ulfinna qabu, tajaajiltoota teeti mara keessaa akka Daawitii ka addatame eennu? 15Ani marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisa adha jalqabee ree? Waawwo'o! Ani tajaajilaan keeti marroo waan kanaa guddisee yookiin diqqeesseelle waan tokkolle waan hin beenneef, tajaajilaa keetii yookiin maatii abbaa kiyyaa mara hin komatin» jedhe.
16Mootichi ammoo, «Ahiimelek! Atii fi maatiin abbaa keetii martinuu dhugumaan hin duutan» jedhe. 17Achiin duuba mootichi eeddota adaala isaa dhaabbataneeranuun, «Hayyooti Mootii Waan Maraa tun marti Daawitiif golanee, baqatiisa isaa adoo beekanuu natti himuu waan didaneef, itti garagala'aatii isaan ijjeesa'a» jedhe. Tajaajiltooti mootichaa ammoo harka ifiitiin hayyoota Mootii Waan Maraa ijjeesiisaaf hin barbaanne. 18Achiin duuba mootichi Do'eegiin, «Ati hayyoota tana ijjeesi» jedhe. Maarre Do'eeg nami qachaa Edoomii, itti garagalee, guyyaa san hayyoota saddeettamii shan ta woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffataneeranu ijjeese. 19Qachaa hayyootaa Nobitti duulchisee, dhiiraa fi dubartii, ijoolle'ee fi annoolee, qotiyyoo, harre'ee fi hoolee mara shallaaga'aan ijjeese.
20Akaakoon Ahiixubii ilmi Ahiimelekii Abiyaataar ammoo miliqee bayee gara Daawitii baqatee, 21Saa'ol hayyoota Mootii Waan Maraa akka ijjeese Daawititti hime. 22Daawitille Abiyaataariin, «Ani nama qachaa Edoomii Do'eeg yennaa achitti dhagge, akka inni dhugumaan waan mara Saa'olitti himu gaafasuma beeke. Maarre ijjeefamiisa maatii abbaa keetii maraaf ka itti gaafatamu ana. 23Nami si ijjeesiisaaf barbaade, nama na ijjeesiisaaf barbaade waan te'eef, ati na woliin turi; hin sodaatin. Ati na woliin nageyaan leeta» jedhe.

Você sabia?
Davi em Adulão e o massacre em Nobe
- Quando Davi se refugiou na caverna de Adulão, juntaram-se a ele sua família e cerca de quatrocentos homens endividados, aflitos ou descontentes. Davi colocou temporariamente seus pais sob a proteção do rei de Moabe em Mispá, antes de o profeta Gade instruí-lo a retornar à terra de Judá.Fontes: o próprio texto bíblico · Adullam · Jesse · Gad
- Nobe era uma cidade sacerdotal próxima a Jerusalém onde o tabernáculo ficava durante o reinado de Saul. Ao descobrir que o sumo sacerdote Aimeleque havia dado provisões e a espada de Golias a Davi, os guardas de Saul se recusaram a ferir os sacerdotes, mas Doegue, o edomita, matou oitenta e cinco sacerdotes e destruiu a cidade.Fontes: o próprio texto bíblico · Nob · Ahimelech · Doeg
- Abiatar, filho de Aimeleque e descendente de Eli, foi o único sacerdote que escapou do massacre em Nobe. Ele fugiu para junto de Davi levando o éfode sacerdotal, permanecendo ao lado dele durante o exílio e tornando-se mais tarde sumo sacerdote no reinado de Davi.Fontes: o próprio texto bíblico · Abiathar · Ahitub
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 3, 4
- Ramah · Hoje: within 1 km of Tel el Ful · 31.823, 35.231 · versículo 6
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org