Nations Bible

1 Samuel 21

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Daawiti Saa'ol duraa Baqate

1Daawiti gara qachaa Nobii addee hayyichi Ahiimelek jiru deeme. Hayyichi Ahiimelekille hollataa Daawiti qophatiisaaf gad itti bayee, «Nami tokkolle si gula hin jiruu? Ati maaf qofuu deenta?» jedheen. 2Daawiti deebisee Ahiimelekii hayyichaan, «Mootichi, ‹Marroo waan ani si ergeetii fi si ajajee kana nami tokkolle hin beekin› jedhee na ajajeera; namoota kiyya woliin eessatti akka wol woldeennu isaanitti himeera. 3Ati amma sagalee maan ifi biraa qadda? Xaltaa daabbo'oo shan yookiin waanuma dhaggame naaf kenni» jedhe. 4Hayyichi ammoo deebisee Daawitiin, «Ani daabboo nami marti nyaatu hin qabu; namooti keeti dubartii bira geyiisa irraa yoo ifi eegatanee jiraatane ammoo daabboon woyyittiin hin jirti» jedhe.

5Daawitille deebisee, «Akkuma qara baratame haga baaneen jalqannee nuuti dubartoota bira geyiisa irraa ifi eeganneerra; yennaa ergaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti woyyuu hin te'in ergannuuyyuu dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eegannaayyu; adha fa'a irra caalaa attam dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eeganne ree?» jedhe.

6Maarre daabboo Waaqa dura dhikaattu ta Mootii Waan Maraa duraa fuudhanee daabboo o'itu'uun bakka buusane san malee ta dhibiin waan hin jirreef, hayyichi xaltaa daabboo woyyitti'ii san fuudhee Daawitiif kenne.

7Gaafa san tajaajiltoota Saa'olii keessaa ajajaan tissitootaa, nami biyya Edoomii Do'eeg fuula Mootii Waan Maraa dura akka turu godhamee achi jiraayyu.

8Daawiti, «Haajaan mootichaa ariifachiisaa waan te'eef, ani shallaagaa yookiin meya lolaa kiyya hin fidanne; ati shallaagaa yookiin eboo ifi biraa hin qadduu?» jedhee Ahiimelek gaafate.

9Hayyichille deebisee, «Shallaagaan Goliyaadii filisxeemichaa, ka ati dhooqa Elaa keessatti ijjeettee, kunoo woya'aan maramee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin duuba jira; isa san malee ka dhibiin as waan hin jirreef, yoo barbaadde isuma fudhadhu» jedhe.

Daawitille, «Shallaagaan akkasii waan hin jirreef, isuma san naaf kenni» jedhe.

Daawiti Gara Gaatii Baqate

10Daawiti gaafuma san Saa'ol duraa baqatee, gara mootii Gaatii gara Akiishii dhaqe. 11Tajaajiltooti Akiishii ammoo isaan, «Mootiin biyyaa Daawiti isa kanaa motii? Ka worri sirbu, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawiti ammoo kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhanee sirbaneef isa kanaa motii?» jedhane.

12Daawitille dubbii tana gadha'atti qabatee, mootii Gaatii Akiishi guddoo sodaate. 13Maarre inni isaan duratti akka nama qalbii tuqamee te'e; yennaa isa qabanelle balbala karraa irratti tattaraaraa, gorora ifii areeda irra yaasaa akka nama maraatee te'e. 14Achiin duuba Akiishi tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, nami kun maraata'a; maaf gara kiyya fiddanne? 15Ani maraataa dhabee jennaan, akka inni na duratti maraatuuf, nama kana gara kiyya fiddanee? Nami akkanaa mana kiyya dhufuu qabaa?» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A fuga de Davi para Nobe e Gate

  • Nobe era uma cidade sacerdotal perto de Jerusalém onde o tabernáculo estava instalado durante o reinado de Saul. A espada de Golias, a quem Davi havia vencido no vale de Elá, ficava guardada ali, envolvida em um pano atrás do éfode, como um troféu sagrado.Fontes: o próprio texto bíblico · Nob · Goliath
  • Ao receber os pães sagrados e a espada de Aimeleque em Nobe, Davi foi observado por Doegue, o edomita, chefe dos pastores do rei Saul, que estava detido perante o Senhor.Fontes: o próprio texto bíblico · Doeg
  • Davi buscou refúgio em Gate, uma das cinco cidades reais dos filisteus e terra natal de Golias. Quando os servos do rei Aquis o reconheceram pelos cânticos que celebravam suas vitórias militares, Davi protegeu-se fingindo loucura junto aos portões da cidade.Fontes: o próprio texto bíblico · Achish · Gath

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Valley of Elah · 31.675, 34.998 · versículo 9

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.