Nations Bible

1 Samuel 13

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Saamu'el Saa'ol Xixe

1Saa'ol yennaa mootii te'e nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtamii lama Israa'eloota bulche. 2Saa'ol Israa'eloota keessaa nama kuma sad file. Namooti kum lama qachaa, «Miikmaashi» jedhamu ka biyya koobittii Bet'el keessa Saa'ol woliin akka jiraatanu, kum tokko ammoo biyya Beniyaaminii qachaa Giibe'aa keessa Yonaataan woliin akka jiraatanu, worra hafe ammoo gara mana ifiititti akka deebi'anu geegesse.

3Yonaataan garee loltoota Filisxeemotaa ta qachaa Gebaa keessa jiranu lole. Worri Filisxeemotaalle tana dhage'ane. Saa'olille, «Ibrooti dhageettuutii» jedhee lafa mara keessatti tultullaa afuussise. 4Israa'elooti marti, «Saa'ol garee loltoota Filisxeemotaa lole; worri Filisxeemotaa Israa'eloota jibbe» oduu jettu dhage'ane; maarre kolbaan marti Saa'ol woliin duuliisaaf Giilgalitti wolitti qabante.

5Worri Filisxeemotaa garreettaa fardaan harkifamu kuma soddoma, abbootii fardaa kuma jaa fi loltoota bindillaa ta laakkossi isaanii akka maansa abbaayaa qarqaraa woliin, Israa'eloota loliisaaf wolitti qabamane. Isaan dhaqanee qachaa «Miikmaashi» jedhamu ka Bet-Aween irraa gara aduun baatu jiruu qubatane. 6Israa'elooti haalli keessa jiranu sodaachisaa akka te'ee fi loltooti isaaniille muddama guddaa keessa akka jiranu yennaa dhaggane, godaa fi ciggaa qore'ee keessa, odduu rassa'aa keessa, bowwa'aa fi boolla keessa seenanee dhokatane. 7Worra Ibrootaa keessaa gariin laga Yordaanosii gamatti bu'anee gara lafa Gaadiitii fi lafa Giil'aadii deemane.

Saa'ol ammoo Giilgalitti hafe; namooti isa woliin jiranu marti guddoo sodaatanee hollatane. 8Innille akkuma Saamu'el isatti hime guyyaa torba isa eege; Saamu'el ammoo gara Giilgalii hin dhunne; loltooti Saa'oliille gara gara bittinnowiisa jalqabane. 9Maarre Saa'ol, «Kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa as gara kiyya fida'a!» jedhee, kennansa gubamu dhikeesse. 10Akkuma inni kennansa gubamu dhikeessee fixeen, yoosuma Saamu'el dhufe. Saa'olille isa qophatiisaaf gad baye. 11Saamu'el ammoo, «Wonni ati hujje maan?» jedhee isa gaafate. Saa'olille deebisee, «Kolbaan akka na biraa bittinnowiisatti jirtu, atille guyyaa hin dhufa jettetti akka dhufaa hin jirre, worri Filisxeemotaalle Miikmaashitti akka wolitti qabamane yennaa dhagge, 12ani, ‹Worri Filisxeemotaa na loliisaaf gara Giilgalii gad hin dhufan, anille haga ammaa qarqaarsaaf, Mootii Waan Maraa hin gaafanne!› jedhee herrege. Tanaaf, kennansa gubamu dhikeesse» jedhe. 13Saamu'elille Saa'oliin, «Ati waan gowwumma'aa hujje. Ajaja Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje hin eeganne. Silaa Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti Israa'eloota irratti haga bara baraa si'iif hin jabeessaayyu. 14Amma ammoo mootummaan teeti hin jabaattu. Mootiin Waan Maraa nama akka gadhaa isaa isaaf te'u dhaggateera. Ati ajaja Mootii Waan Maraa waan hin eegatiniif, Mootiin Waan Maraa bulchaa kolbaa isaa akka te'u isa filateera» jedhe.

15Achiin duuba Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa lafa Beniyaamin keessaa dhaqe. Saa'olille worra isa woliin hafe laakkowe; isaanille gara nama dhibba jaa ti. 16Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan worra isaan woliin hafane woliin lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa turane; worri Filisxeemotaa ammoo qachaa Miikmaashii keessa qubatane. 17Gareen loltoota worra Filisxeemotaa kutaa saditti qoodamanee bayane. Gareen tokko karaa Ofraatiin gara lafa Shuwaalii deebi'ane; 18gareen lammeesso'oo karaa Bet-Horoonii, gareen sadeesso'oo karaa meessaa dhooqa Zebo'iimii karaa fuullee goomole'ee gorane.

19Worri Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa shallaagaa yookiin eboo hin tumatin» waan jedhaneeranuuf, lafa Israa'elii mara keessa worri sibiila tumu hin jiruuyyu. 20Maarre Israa'elooti marti maarasha'aa fi qottoo, agara'aa fi haantuu qorqorsiifatiisaaf gara worra Filisxeemotaa dhaqan. 21Maarasha'aa fi qottoo qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama saddeetii, agaraa, horooro'oo fi sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuu qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama afurii kaffalan. 22Maarre guyyaa lolaa, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataan malee loltoota isaan woliin jiranu keessaa shallaagaa yookiin eboo nami qabu tokkolle hin jiru.

23Yennaa san loltooti Filisxeemotaa takka karaa gara Miikmaashii qaxxaamursu dooyiisaaf deemane.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A impaciência de Saul e a ameaça filisteia

  • Os filisteus mantinham o monopólio do trabalho com metais para impedir que os israelitas fabricassem armas. Por isso, os israelitas precisavam ir até os filisteus e pagar para afiar suas ferramentas agrícolas de ferro, de modo que apenas Saul e seu filho Jônatas possuíam espadas ou lanças.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Diante de uma força filisteia esmagadora, Saul esperou sete dias em Gilgal pela chegada de Samuel para oferecer sacrifícios. Como seus soldados amedrontados começaram a se dispersar, Saul ofereceu o holocausto por conta própria, levando Samuel a declarar que a dinastia de Saul não perduraria.Fontes: o próprio texto bíblico · Gilgal
  • O confronto militar ocorreu na acidentada região montanhosa de Benjamim, com as tropas filisteias acampadas em Micmás e os homens de Saul posicionados em Geba. Um desfiladeiro íngreme conhecido como a passagem de Micmás separava os dois exércitos rivais.Fontes: o próprio texto bíblico · Michmash · Geba

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículo 7
  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 7
  • Beth-horon · Hoje: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · versículo 18

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.