Nations Bible

1 Samuel 12

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Saamu'el Nageya Dhaame

1Saamu'el Israa'eloota maraan, «Kunoo, ani waan isin jettane mara isiniif dhage'ee mootii isiniif mootonseera; 2kunoo, nama mootii te'ee isin sooressu dhaggattaneertan; ani dulloomee arrii baaseera; kunoo, ijoolleen tiyyalle isin woliin jirti. Ani bara dargaggummaa tiyyaatiin jalqabee haga adhaa isin sooresseera. 3Kunoo, isin dura dhaabbadheera; Mootii Waan Maraatii fi mootii inni muude duratti dhugaa na irratti baya'a. Ani qotiyyoo eennuu fudhadheera? Harree eennuu fudhadheera? Eennu sobeera? Eennu cunqurseera? Dhaggee akka hin dhagginee isi'iin te'iisaaf, eennu irraa beesee safu'uu fudhadheera? Na irratti dhugaa baya'aatii, anille adde'etti isiniif hin deebisa» jedhe.

4Isaanille, «Ati nu hin sonne yookiin nu hin cunqursine yookiin nama tokko irralle'ee waan tokkolle hin fudhanne» jedhanee deebisane. 5Saamu'el isaaniin, «Harka kiyya keessatti waan tokkolle akka isin hin dhaggin, Mootiin Waan Maraatii fi mootiin inni muude adha isin irratti dhugaa hin bayan» jedhe. Isaanille, «Ee, Mootiin Waan Maraa dhugaa-baya'a» jedhane.

6Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa ka Muuse'ee fi Aaron muudee, abbootii teessan ta duriille biyya Gibxi'ii keessaa baase. 7Tanaaf ani hujii balchumma'aa ta Mootiin Waan Maraa isinii fi abbootii teessaniifille huje maraaf, Mootii Waan Maraa duratti waan isin ifi eeggachiisuuf, isin as dhaabbadha'a! 8Yaaqoob maatii ifii woliin biyya Gibxi'iititti yennaa gale, worri Gibxi'ii isaan cunqursee, isaan Mootiin Waan Maraa akka isaan qarqaaruuf gara isaa iyyane; Mootiin Waan Maraalle Muuse'ee fi Aaron worra abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'iitii baasanee addee tana akka qubatanu godhane isaaniif erge. 9Isaan ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dedhane; tanaaf, inni harka ajajaa loltoota Hazoorii Siisera'aatitti, harka Filisxeemotaatii fi harka mootii Mo'aabiititti dabarsee isaan kenne; isaanille abbootii teessan ta durii injifatane. 10Abbootiin teessan ta duriille, ‹Nuuti cubbuu hunyeera; Mootii Waan Maraa lakkinnee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti tajaajilleerra; akka nuuti si tajaajilluuf, amma ammoo harka diinota keennaa jalaa nu baasi› jedhanee gara Mootii Waan Maraa iyyane. 11Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Yiruub-Ba'aal, Bedaan, Yifta'aa fi ana Saamu'el isiniif ergee, harka diinota adaala keessan jiranuu jalaa isin baase; isinille nageyaan leetane. 12Mootiin Amoonii Nahaashi isin loliisaaf akka dhufiisatti jiru yennaa dhaggitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootii keessan adoo te'eeruu, isin anaan, ‹Waawwo'o, mootii nu bulchu barbaanna› jettane.

13«Mootii isin filattane, ka isin gaafattane kunoo ti! Mootiin Waan Maraa isiniif mootonseera. 14Isin Mootii Waan Maraa sodaattanee, isa tajaajiltanee, isaaf ajajantanee, ajaja isaa irratti yoo ka'uu dhaddane, isinii fi mootiin keessan ka isin bulchu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo hordottane, wonni dansaan isiniif hin teeti. 15Ammoo Mootii Waan Maraatiif ajajamiisa dhaddanee, ajajaa isaa irralle'etti yoo kaatane, inni akkuma abbootii teessan ta durii adabe isinille hin adaba. 16Tanaaf, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, waan guddoo Mootiin Waan Maraa ila teessan duratti godhu ilaala'a. 17Amma yennaan ta qamadii haammattanuu motii? Mootiin Waan maraa mandiisu'uu fi bokkeya akka fidu ani gara isaa hin daadimadha; isin mootiin akka isiniif mootomu gaafatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu akka hujane, yennaa san hin hubattan» jedhe.

18Maarre Saamu'el gara Mootii Waan Maraa daadimate; guyyuma san Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya fide; kolbaan marti Mootii Waan maraatii fi Saamu'el guddoo sodaatane. 19Kolbaan marti Saamu'eliin, «Cubbuu teenna mara irratti, mootiin akka nu'uuf mootomu gaafatiisaan cubbuu teenna mara irratti hammeenna kana waan hunyeef, akka hin duuneef nu tajaajiltoota teetiif gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu!» jedhane.

20Saamu'elille deebisee kolba'aan, «Hin sodaatina'a! Isin hujii hantuu tana mara hujjaneertan. Te'ulle Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaan waaqonfadha'a malee, isa irraa gara dhibii hin deebi'ina'a. 21Isaan waan woy hin baane waan te'aneef, waan duwwaa bu'aa hin qanne yookiin ka isin baasuu hin dandeenne hin waaqonfatina'a. 22Mootiin Waan Maraa isin kolbaa ifii tolfatiisaaf waan jaalateef, marroo maqaa guddaa ifiitiif jedhee isin hin lakkisu. 23Ani karaa dansa'aa fi waan qajeelaa isin barsiisa malee, marroo teessaniif daadimatiisa lakkisiisaan Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiis kiyya na irraa fagaatuu ti. 24Isin Mootii Waan Maraa qofa sodaadha'aatii gadhaa tokkochaa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a. Waan guddoo inni isiniif godhelle hin dedhina'a! 25Hujii hantuu hujiisa yoo hin lakkisin ammoo, isinii fi mootiin keessanille ijjumaa hin baddan» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O discurso de despedida de Samuel e o sinal da chuva

  • Antes de transferir formalmente a liderança para o rei Saul, Samuel desafiou publicamente toda a nação a testemunhar se ele alguma vez havia tomado um boi, aceitado suborno ou oprimido alguém durante sua liderança. A assembleia confirmou sua total integridade.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Samuel relembrou aos israelitas a história do povo, ressaltando que, sempre que se arrependiam da idolatria, Deus enviava libertadores como Jerubaal (outro nome de Gideão), Jefté e o próprio Samuel para livrá-los dos opressores.Fontes: o próprio texto bíblico · Gideon · Jephthah
  • Para demonstrar a gravidade de terem pedido um rei terreno, Samuel clamou a Deus para enviar trovões e chuva durante a colheita do trigo, um período habitualmente seco na região. A tempestade repentina fez o povo temer a Deus e suplicar pela intercessão de Samuel.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 6, 8
  • Hazor · Hoje: Tel Hazor · 33.018, 35.569 · versículo 9
  • Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículo 9
  • Ammon · 31.955, 35.934 · versículo 12

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.