Nations Bible

Salmos 9

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Waaqa Muraa Haqaa Muruuf Galata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Du'a ilmaa» jedhantee beekkantutti faarfatante.

1Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa;

baasa ati goote mara hin odeessa.

2Ani sitti gammadee hin burraaqa;

Waaqa Ol Aana'a,

ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa.

3Diinoti kiyya gara duubaa yennaa deebi'anu,

isaan gufatanee fuula keeti duraa badan.

4Ati haqa kiyyaa fi haajaa kiyya waan ilaalteef,

barcumaa mootumma'aa keeti irra teettee,

muraa haqaa murteerta.

5Ati gosa biyya adda addaa xixxee,

hamaaleyyii balleessite;

maqaa isaaniille bara baraa haga bara baraa

haxoottee balleessite.

6Diinoti keenna haga bara baraa dhumataneeran.

Qachooti gugurdaan isaanii badaneeran;

Duufeyi isaaniille ijjumaa badeera.

7Mootiin Waan Maraa ammoo

haga bara baraa bulcha;

inni mura'aaf,

barcumaa mootumma'aa ka ifii

jabeessee dhaabbateera.

8Inni balchumma'aan biyya lafaa hin bulcha;

gosa biyya adda addaa haqaan bulcha.

9Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,

addee itti baqatanu;

yennaa rakko'oo dalleya jaba'a.

10Ee Mootii Waan Maraa,

ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef,

worri maqaa keeti beeku sitti addata.

11Mootii Waan Maraa ka Xiyoon keessa te'ee bulchuuf,

faaruu leellisaa faarsa'a.

Waan inni godhe mara

gosa biyya adda addaa oddu'utti odeessa'a.

12Inni dhiiga dhangala'eef haluu hin baya;

iyya worra cunqurfameelle hin dedhu.

13Ee Mootii Waan Maraa, naaf marari.

Rakkoo diinoti kiyya natti fidanu ilaali;

du'a irraa na hamburi.

14Achiin duuba ani karra qachaa Xiyoonii keessatti

waan ittiin si leellisu mara isaanitti hin hima.

Ati waan na fayyitteef,

gammadaan firinxiixa.

15Gosi biyya adda addaa

boolluma ifii qotane bu'ane;

miilli isaanii tiyyuma isaan afaneen qabame.

16Mootiin Waan Maraa,

muraa ifii balchitti'iin ifi beessise;

hamaaleyyiin hujuma harka ifiitiin qabamane.

17Worri hamaaleyyi'ii fi

gosi biyya adda addaa ka Waaqa dedhu marti,

gara addee worri du'e jiruu gad hin bu'an.

18Worri rakkataan ammoo

yoomille hin dedhamanu;

addiin worra hiyyeeyyi'iille

haga bara baraa baddee hin hattu.

19Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!

Nami hin mootomin;

gosi biyya adda addaa

si duratti muraa dhaggattuu ti.

20Ee Mootii Waan Maraa,

akka isaan si sodaatanu godhi;

nama foon uffate te'uu isaanii akka beekanu godhi.

¿Sabías que…?

Alabanza por la Justicia Divina y Refugio

  • El salmo menciona a Dios habitando en Sion y alabanzas proclamadas en las puertas de la Hija de Sion. Históricamente, Sion era la colina suroriental de Jerusalén que David tomó de los jebuseos para construir su ciudadela y palacio, conociéndose como la Ciudad de David.Fuentes: el propio texto bíblico · Zion
  • La dedicatoria inicial asigna el salmo al director del coro con la melodía de 'La muerte del hijo.' El texto también conserva términos musicales o litúrgicos antiguos como 'Higaión' y 'Selah,' que probablemente señalaban interludios instrumentales o pausas de reflexión.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Los versículos 15 y 16 recurren a la figura de fosos de caza y redes ocultas para ilustrar la justicia divina, describiendo cómo las naciones hostiles quedan atrapadas en las mismas trampas que prepararon para los demás.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 11, 14

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.