Salmos 10
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Muraa Haqaa dhaggatiisaaf Daadimata Dhikaate
1Ee Mootii Waan Maraa,
ati maaf fagaattee dhaabbatta?
Yennaa nuuti rakkannu maaf ifi dhoffatta?
2Hamaaleyyiin kooraan worra hiyyeeyyii ari'an;
maluma namatti dhowane saniin
ifumaaf qabaman.
3Nami hamaan halchaa gadhaa ifiitiin koora;
inni worra joljolu eebbisee,
Mootii Waan Maraa abaara.
4Nami hamaan waan kooruuf
Waaqa hin barbaadu;
yaada isaa keessa Waaqi hin jiru.
5Wonni marti isaaf hin teeti.
Inni muraa Waaqaa hubatuu hin dande'u;
diinota ifii mara irratti hin murga.
6Inni gadhaa ifii keessatti,
«Wonni na tachoosu hin jiru;
dhaloota mara keessatti
rakkinni na hin dhaqqabu» jedhee yaadata.
7Afaan isaa abaarsaan,
dharaa fi sodaachisiisaan guutameera;
inni arraba ifiitiin
maltumma'aa fi waan hantuu dubbata.
8Inni ollaa cina'atti riphee,
worra qarqaarsa hin qanne gaada;
worra yakkaa hin qanne hin ijjeesa.
9Inni akka neenqaa dhokatee gaada;
worra hiyyeeyyii qabiisaaf gaada;
inni tiyyoo ifiitiin
worra qarqaarsa hin qanne qabee harkisa.
10Worri hiyyeeyyiin jiganee bututan;
hunna isaa jalatti hin jigan.
11Nami hamaan gadhaa ifii keessatti,
«Waaqi dedheera;
fuula ifii gollateera;
inni ijjumaa hin dhaggu» jedha.
12Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!
Ee Waaqa hunna teeti mudhisi!
Worra qarqaarsa hin qanne hin dedhin.
13Nami hamaan maaf Waaqa tuffata?
Maaf gadhaa ifii keessatti,
«Inni na hin adabu» jedha ree?
14Ee Mootii Waan Maraa,
ati ammoo hin dhaggitta;
rakkinnaa fi gadda dhaggitee
yennaa mara qarqaarsaaf hin qophootta.
Worri rakkataan harka keetitti ifi kennata;
atille ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne
hin qarqaarta.
15Hunna nama hama'aa cassi;
nami waan hantuu huju
haganaa achi deebi'ee
waan hantuu akka hin hunye, isa adabi.
16Mootiin Waan Maraa
bara baraa haga bara baraa mooti'i;
gosi biyya adda addaa
worri waaqota dhibii waaqonsu
lafa isaa irraa hin badan.
17Ee Mootii Waan Maraa,
ati daadimata worra gad aana'aa hin dhageetta;
ati iyya isaanii caqattee,
isaan hin jajjabeessita.
18Nami lafaa ka foon uffate
worra dhibii akka hin bararassine,
worra cunqurfameef,
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef haqa hin murta.

¿Sabías que…?
Un clamor por justicia contra los arrogantes
- El Salmo 10 describe a los opresores mediante imágenes vívidas de cazadores y depredadores silvestres, comparándolos con un león al acecho en la espesura o con alguien que tiende emboscadas cerca de las aldeas para atrapar a los indefensos en una red.Fuentes: el propio texto bíblico
- Los malvados en este salmo se caracterizan por su creencia en la total impunidad, asumiendo falsamente que Dios oculta Su rostro, se olvida y nunca les pedirá cuentas por su violencia.Fuentes: el propio texto bíblico
- En respuesta a la injusticia social, el salmista recurre a Dios específicamente como el amparo de los huérfanos y el defensor de los oprimidos, pidiéndole que quebrante el poder del malhechor.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org