Nations Bible

Salmos 74

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Kolbaan Akka Baatuuf Daadimata Dhikaate

Wolaloo Asaafii.

1Ee Waaqa, ati maaf ijjumaa nu lakkitte?

Hoolota tika keeti jala jiranu irratti,

aariin teeti maaf bobeette?

2Kolbaa teeti ta durii jalqaddee ifiif filatte,

ta gosa teeti akka te'anuuf

garbummaa keessaa wodatte,

gaara Xiyoonii,

ka dhuttee irra qubatte qaabadhu.

3Diinoti waan mana keeti keessaa

mara balleessaneeran;

koyiitii waan diigamee hafe kana ilaali.

4Diinoti keeti mana keeti keessaa bookkisane;

beessisa ifii ittiin beekkamanulle

achi dhaabbataneeran.

5Isaan namoota gongomaa keessaa muka muriisaaf,

agaraa fudhatanu fakkaatan.

6Seesa muka irraa qiriixamee hujame mara,

agara'aa fi burrisaan butuchane.

7Isaan mana keeti ibiddaan gubane;

addee maqaan keeti itti waamamu batteessane.

8Isaan gadhaa ifii keessatti,

«Ijjumaa isaan hin balleessina» jedhane;

isaan lafa san keessatti

addee Waaqi itti waaqonfamu mara gubane.

9Haganaa achi beessisi hin jiraatu;

raagille hin jiraatu;

Kun haga yoomii akka te'u,

nu keessaa nami beeku hin jiru.

10Ee Waaqa haga yoomii diinoti sitti murgan?

Haga yoomii nyaaphoti maqaa keeti tuffatan ree?

11Ati maaf isaan hin adabin?

Maaf isaan hin balleessin?

12Ee Waaqa, durii duriitii jalqaddee,

ati mootii kiyya;

ati fayyisiisa keeti

lafa irratti fidde.

13Ati hunna teetiin abbaayaa gargar kutte;

mataa bineensota jawwee fakkaatuu

ka abbaayaa keessaa butuchite.

14Ati mataa hedduu bineensa naacha fakkaatu

ka abbaayaa keessaa

ka, «Lewaataan» jedhamu butuchite;

foon isaa bineensota goomole'eetiif,

sagalee gootee kennite.

15Ati maddaa fi caancoo akka maddu goote;

laga yennaa mara yaa'u gossite.

16Guyyaan keeti; halkanille keeti;

adu'uu fi ji'alle addee isaaniititti sittuu keye.

17Ka meessaa lafaa tolche si'i;

bonaa fi gannalle sittuu dade.

18Ee Mootii Waan Maraa,

diinoti keeti attam akka si irratti murgane,

kolbaan gowwaan

maqaa keeti attam akka tuffatte qaabadhu.

19Lubbuu kolbaa teetii worra akka saphaliisaa,

bineensatti dabarsitee hin kennin.

Jiruu kolbaa rakkattuu teetii

haga bara baraa hin dedhin.

20Lafa addee dukkanaa keessatti,

hunnaan nama irratti ka'iis waan guuteeruuf,

ati gondooroo teeti qaabadhu.

21Worri cunqurfame fokkifatee

akka deebi'u hin godhin;

worri hiyyeeyyi'ii fi deegi

maqaa keeti leellisanuu ti.

22Ee Waaqa ka'i! Waan keeti falmadhu;

worri gowwaan

guyyaa guutuu akka sitti murgu qaabadhu.

23Hogaa nyaapha keetiitii fi

harqiisa diina keetii hin dedhin.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Lamento por el santuario destruido

  • Los Salmos 73 al 83 se atribuyen a Asaf, un músico levita y director del coro de David. Puesto que el Salmo 74 lamenta el incendio y la destrucción total del santuario, muchos eruditos lo asocian con los posteriores "hijos de Asaf", un gremio de poetas y cantores que continuaron su tradición.Fuentes: Asaph (Levite) · el propio texto bíblico
  • El salmo apela a Dios para que recuerde el monte Sion, una prominente colina de Jerusalén donde David estableció su ciudadela y donde se alzaba el santuario como morada del nombre divino.Fuentes: Mount Zion · el propio texto bíblico
  • La destrucción del santuario se describe de manera gráfica con la metáfora de leñadores talando un bosque, con invasores destrozando las tallas de madera con hachas y picos antes de quemar por completo el lugar sagrado.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Mount Zion · 31.772, 35.229 · versículo 2

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.