Salmos 73
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Kitaaba Sadeesso'oo
Haqa Waaqaa
Faaruu Asaafii.
1Worra Israa'elootaa ka gadhaa qulqullu'uutiif,
Waaqi dhugumaan dansa'a.
2Ani akka kiyyatti ammoo, miilli kiyya fallaadee,
mucucaadhee jigiisaaf diqqoo hafe.
3Ani worri hamaan qananoomuun dhaggee,
worra ifi jaju hinaafe.
4Isaan dhiboo waan hin qanneef,
nafi isaanii fayya'a; gabbaalle'e.
5Isaan akka worra dhibi'ii rakkinna hin qabanu;
akka kolbaa dhibi'ii balaan isaan hin dhaqqabu.
6Tanaaf, isaan koora akka seesa mormaa
mormatti naqataneeran;
hunnaan nama irratti ka'iisa
akka woya'aa uffataneeran.
7Ila isaanii coomatti iitessee gad baase;
gadhaa isaanii hammeennatti guutee irraa dhangala'e.
8Isaan namatti murgaa waan hantuu dubbatan;
kooraan nama cunqursan.
9Afaaniin Waaqa ol-gubba'aa arrassan;
arrabaan lafa duudii dhaqqaban.
10Tanaaf, kolbaan Waaqaa gara isaanii deebitee,
waan isaan jedhanu mara fudhatti.
11Isaan, «Waaqi attam beekuu dande'a?
Waaqi Ol-Aanaan beekkumsa qabaa?» jedhan.
12Worri hamaan akkas jiran;
yennaa mara qanannumma'aan le'aa,
durummaa ede'atan.
13Gadhaa kiyya qulqulleeffachuun,
yakkaa hujiisa irraa
ifi eeggachuun kiyya tolumaa ree?
14Guyyaa guutuu balaan na dhaqqabe;
ganama mara adabame.
15Ani adoo, «Akkuma isaanii hin dubbadha» jedhee jiraadhee,
kolbaa teeti dabarsee kenneeraayyu.
16Ani yennaa waan kana hubatiisaaf itti yaade ammoo,
akka malee rakkisaa natti teete.
17Ani haga Dunkaanii Woyyittii seenee,
waan worri hamaan te'u hubadhutti,
akka malee na rakkitte.
18Ati dhugumaan lafa mucucaattu irra
isaan dhaabbachiitta;
jiganee akka badanu isaan goota.
19Isaan attam attam dedhuma badane!
Isaan attam attam bararaqiisaan muxuqi jedhane!
20Akkuma wonni oojju'uun dhaggane,
yennaa dammaqane dhabantu,
Ee Gootta'a, yennaa ati kaatu,
isaan ila teeti duraa hin dhabaman.
21Yennaa lubbuun natti hadhootte,
yennaa gadhaan na cite,
22ani nama gowwaa,
woy hubatuu hin dandeenne te'ee,
si duratti akka hori'ii te'e.
23Te'uu malee,
ani yennaa mara si'uma woliin jira;
atille harka kiyya middicha na qadda.
24Ati gorsa keetiin na sooressita;
muummee irratti gara ulfinnaa na hin fudhatta.
25Ol-gubba'atti si malee eennu qaba ree?
Lafa irralle'etti si malee ka ani barbaadu,
ka dhibiin hin jiru.
26Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande'an;
Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi
qooda kiyya ka bara baraa ti.
27Kunoo, worri si irraa fagaatu hin bada;
worra si'iif hin addatanne ati hin balleessita.
28Anaaf ammoo gara Waaqa dhikaatiisi dansa'a;
hujii teeti mara odeessiisaaf,
ani si Goottaa Mootii Waan Maraa
addee itti baqadhu godhadheera.

¿Sabías que…?
La prosperidad de los impíos y el santuario
- El Salmo 73 da inicio al Libro III de los Salmos y se atribuye a Asaf, un levita, músico y vidente que fue uno de los directores de coro del rey David. Un conjunto de doce salmos (el Salmo 50 y los Salmos 73 al 83) está vinculado a él y a su escuela de cantores.Fuentes: Asaph (Levite) · el propio texto bíblico
- El salmista atraviesa una intensa crisis de fe al dudar del valor de su propia rectitud mientras observa la riqueza despreocupada y la aparente tranquilidad de los malvados. Esta inquietud solo se resuelve cuando entra en el santuario de Dios y comprende el destino final de ellos.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org