Salmos 41
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Daadimata Yennaa Dhibe'ee
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1Nami worra hiyyeeyyi'iif yaadu ka gammade;
guyyaa rakkinnaa, Mootiin Waan Maraa isa hin baasa.
2Mootiin Waan Maraa isa hin eega;
jiruulle'een isa hin leesisa;
inni lafa irratti isa hin gammachiisa;
halchaa diinotaatiifille dabarsee isa hin kennu.
3Taqee inni dhibamee irra jiru irratti
Mootiin Waan Maraa isa hin qarqaara;
fayyisee taqee dhibo'oo irraa isa hin kaasa.
4Ani akka kiyyatti, «Ee Mootii Waan Maraa,
ani waan si yakkeef,
na marariitii, dhibee irraa na fayyisi» jedheera.
5Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatanee
«Inni yoom du'a?
Maqaan isaa yoom bada?» jedhan.
6Worri na ilaaliisaaf dhufu,
dubbii sobaa haasowan;
gadhaa ifiititti waan hantuu qabatanee,
yennaa gad bayane, isii odeessan.
7Worri na jibbu marti
marroo tiyya wolitti hasaasan;
isaan waan hantuu na irratti yaadaa,
8«Dhukkubi hamaan isa qabeera;
inni addee irkate sanii deebi'ee hin ka'u» jedhan.
9Jaalli kiyya ka natti dhikaatuuyyuu,
ka ani itti addadhu,
ka sagalee na woliin nyaate, na irratti ka'eera.
10Ee Mootii Waan Maraa, ati na marari;
diinota kiyya akka ani haluu bayu,
dhibee tiyya irraa ol na kaasi.
11Diinoti kiyya injifachaa na irratti waan hin dhaggatiniif,
akka ati natti gammadde ani tanaan beeka.
12Sababa dhugaamessummaa tiyyaatiif,
ati na hin qarqaarta;
fuula keeti dura haga bara baraa na hin jiraachitta.
13Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii
bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti!
Ameen! Ameen!

¿Sabías que…?
Oración en la Enfermedad y la Traición
- El salmo comienza con una bendición para quien se preocupa por el pobre o desvalido, vinculando la compasión hacia los necesitados con el auxilio divino en momentos de aflicción y enfermedad.Fuentes: el propio texto bíblico
- El salmista lamenta que incluso un amigo íntimo de confianza que compartía su pan se haya vuelto en su contra, lo que resalta una profunda ruptura de la lealtad y la comunión de mesa en la antigüedad.Fuentes: el propio texto bíblico
- El salmo concluye con una solemne doxología que alaba al Dios de Israel 'desde la eternidad y hasta la eternidad', sellada con un doble 'Amén'.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org