Salmos 40
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Faaruu Leellisaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1Ani ossaan Mootii Waan Maraa eegadhe;
innille gara kiyya deebi'ee iyya tiyya dhage'e.
2Inni boolla caffa'aa,
linxixxoo dhoqqe'ee keessaa na baase.
Inni miila kiyya rassaa irra dhaabbachiisee,
addee jadduu ani ideemu naa kenne.
3Inni faaruu haareya
leellisa Waaqa keennaa afaan kiyya keessa keye.
Worri hedduun tana dhagganee isa sodaatanee,
Mootii Waan Maraatitti addatan.
4Nami Mootii Waan Maraatitti addatu,
gara worra koorameeyyi'iitii fi,
dharaameyyi'ii deebi'iisaan ka itti hin addanne,
ka gammade.
5Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,
baasa hedduu nuu gooteerta;
ka akka keetii hin jiru!
Ati waan baasaa nuu yaadatteerta.
Laakkossi waan kanaa guddoo baca'a;
ani ijjumaa odeessee fixee hin dande'u.
6Ati ciinca'aa fi kennansa hin barbaaddu;
horiin addee ciinca'aa irratti akka ciinceffamu,
yookiin ciincaa araara cubbu'uu hin barbaaddu.
Tanaa manna, gurra sii dhage'u naaf kenniteerta.
7Tanaaf anille, «Marroo tiyyaaf
kitaaba maramaa keessatti akkuma barreeffante,
kunoo, ani dhufeera;
8Waaqa kiyya,
ani fedhii teeti muummessuu halcha;
seerri keeti gadhaa kiyya keessa jira» jedhe.
9Ani wolde'a guddicha keessatti,
balchummaa teeti odeessa.
Ee Mootii Waan Maraa,
akkuma ati beettu ani odeessuu ijjumaa hin lakkisu.
10Ani balchummaa teeti gadhaa kiyya keessatti
hin dhossine;
ani addatamummaa teetii fi
fayyisiisa keeti odeesseera.
Wolde'a keeti guddicha duraa
jaala keeti ka bara baraatii fi
addatamummaa teeti hin dhossine.
11Ee Mootii Waan Maraa,
ati marartii teeti na hin dhooggatin;
jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teeti
yennaa mara na eeganuu ti.
12Rakkoon hedduun haga hin qanne na marsiteerti;
haga ani woy dhagguu dadhabutti,
cubbuun tiyya na liqinsiteerti;
cubbuun tun rifeensa mataa kiyyaa caalti;
anille jajjabaatiisa dadhabeera.
13Ee Mootii Waan Maraa, maganne'ee na baasi;
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
14Worri na ijjeesiisa barbaadu marti
fokkifatanee qaanowanuu ti.
Worri miidhama kiyya halchu marti
salphinnaan gara duuba deebi'anuu ti.
15Worri, «Baga, baga» naan jedhu,
fokkoo ifiitiin nayanee goganuu ti.
16Worri si barbaadu marti ammoo
si'itti gammadanee ilillisanuu ti;
Worri fayyisiisa keeti jaalatanu marti
yennaa mara,
«Mootiin Waan Maraa gudda'a!» jedhanuu ti.
17Akka kiyyatti, ani rakkata'a; dadhabaalle'e;
Gootta'a na hin dedhin.
Ka na qarqaaruu fi ka na baasu si'i;
Ee Waaqa kiyya, hin turin.
¿Sabías que…?
Liberación, obediencia y clamor por auxilio
- El Salmo 40 combina el agradecimiento por un rescate pasado con una súplica urgente de auxilio. Comienza celebrando la liberación de un pozo de desesperación y del lodo cenagoso, pero luego pasa a pedir protección frente a aflicciones y adversarios circundantes.Fuentes: el propio texto bíblico
- El texto resalta que la devoción interior y la obediencia se valoran por encima de los sacrificios rituales. El salmista declara que Dios no exigió holocaustos ni ofrendas por el pecado, sino un siervo dispuesto que se deleita en hacer la voluntad divina con la ley en el corazón.Fuentes: el propio texto bíblico
- El autor enfatiza repetidamente el deber del testimonio público ante la gran asamblea. En lugar de mantener en privado la fidelidad, la justicia y la devoción de Dios, el salmista las proclama abiertamente a la comunidad congregada.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org