Salmos 105
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Baasa Waaqi Kolbaa Israa'eliitiif Godhe
1Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;
maqaa isaa waammadha'a;
waan inni huje
gosa biyya adda addaa oddu'utti beessisa'a.
2Isa faarfadha'a; faaru'uun isa leellisa'a.
Waan bilbaasa inni huje mara odeessa'a.
3Maqaa isaa woyyichaan ifi jaja'a;
gadhaan worra Mootii Waan Maraa barbaaduu
gammadee firinxiixuu ti.
4Mootii Waan Maraatii fi jabeenna isaa barbaada'a;
yennaa mara fuula isaa barbaada'a.
5Hujii baasaa ta inni huje,
bilbaasota, muraa inni kennelle qaabadha'a;
6Isin ijoolleen Abrahaamii tajaajilaa isaa,
isin ilmaan Yaaqoobii worri isaaf filatantane
tana qaabadha'a.
7Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna;
inni biyya lafaa duudi'itti mura.
8Inni gondooroo ifii haga bara baraa,
jecha ifii ka ajaje
haga dhaloota kumaatitti hin dedhu.
9Inni gondooroo Abrahaam woliin gondoore,
kakuu Yisihaqiif kakate hin dedhu.
10Tun Yaaqoobiif Seerata,
Israa'eliif gondooroo bara baraa akka teetuuf jabeessee,
11Mootiin Waan Maraa, «Qooda ati dhaaltu akka teetu,
ani lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe.
12Yennaa san laakkossi kolbaa Waaqaa hin bacanne;
isaan laakkossaan worra diqqaa, biyya ormaatitti galee,
13gosa biyya tokkoo irraa gara gosa biyya tokkoo,
mootummaa tokko irraa
gara kolbaa dhibi'ii asii fi achi worra daaqaa ture.
14Mootiin Waan Maraa ammoo
nami tokkolle akka isaan cunqursu hin goone;
inni isaaniif jedhee mootota xixee,
15«Worra ani muudadhe hin tuqina'a;
raagota tiyya hin miidhina'a» jedhe.
16Mootiin Waan Maraa lafa irratti beela buuse;
sagalee isaanii mara balleesse.
17Ammoo inni namicha tokko
ka garbicha te'ee gurgurame,
Yoseef isaaniin dura erge.
18Isaan wodaroo sibiilaa miila isaatitti keyanee,
wodaroo sibiilaatiin hidhane.
19Wonni Yoseef dursee dubbate haga muummottutti,
jechi Mootii Waan Maraa haga isa ilaale.
20Mootichi biyya Gibxi'ii
ka gosa biyya adda addaa bulchu,
nama ergee isa hiikisiisee, bilisa isa baase.
21Inni mana ifii irratti goottaa,
qabeenna ifii mara irratti bulchaa isa godhate.
22Qondaaltota mootichaa akka fedhe akka gorsu,
gorsitoota mootichaalle
qarummaa akka barsiisu godhe.
23Achiin duuba Israa'el gara biyya Gibxi'ii dhaqee,
maatiin Yaaqoobii biyya Kaamiititti alagaa teete.
24Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii baceessee,
diinota isaanii caalaa isaan jabeesse.
25Worri Gibxi'ii akka kolbaa isaa jibbitu,
tajaajiltoota isaatitti mala akka dhoottu godhe.
26Achiin duuba inni tajaajilaa ifii Muuse'ee fi
Aaronii ifii filate erge.
27Isaan beessisa bilbaasa isaa worra Gibxi'ii oddu'utti,
waan maade'ee lafa kaamii keessatti hujane.
28Mootiin Waan Maraa
dukkana ergee lafa dukkaneesse;
worri Gibxi'ii ammoo waan inni jedhe mormane.
29Inni bisaan isaanii gara dhiigaa jijjiiree,
qurxummii isaaniille akka du'anu godhe.
30Biyya isaanii,
kolloon moototaalle adoo hin hafin
raachi keessa guute.
31Mootiin Waan Maraa dubbannaan
faachii fi bookeen
biyya isaanii duudii keessa dhufane.
32Bokkeya isaanii bokkeya dhaka'aa godhee,
lafa isaanii maratti mandiisuu buuse.
33Woynii isaaniitii fi harruu isaanii balleessee,
muka lafa isaanii butuche.
34Inni dubbannaan awwaannisi,
korophiis laakkowanee hin dandeenne dhufane.
35Isaan waan bisilee lafa isaanii keessaa mara,
midhaan lafa isaaniille nyaatane.
36Mootiin Waan Maraa
biyya Gibxi'ii keessaa
angafa te'ee ka dhalate mara,
ilma isaanii angaficha mara ijjeese.
37Achiin duuba inni
Israa'elooti meeti'ii fi worqii
fudhatanee akka bayanu godhe;
gosa isaanii keessaa
tokkolle nami duubatti hafe hin jiru.
38Worri Gibxi'ii guddoo waan isaan sodaataneef,
yennaa Israa'elooti bayanu gammadane.
39Mootiin Waan Maraa
akka golla'aa duumensa diriirsee,
halkan ifa akka isaanii kennu
ibidda isaaniif qopheesse.
40Isaan gaafannaan inni barbadi-kille isaaniif fide;
ol-gubbaa irraa sagalee isaanii kennee isaan quusse.
41Inni rassaa dhoosee, bisaan keessaa lola'ee,
akka lagaa goomolee keessa yaa'e.
42Inni addii ifii woyyittii,
tajaajilaa ifii Abrahaamiif kenne qaabate.
43Inni kolbaa ifii gammadaan,
worra isaaf filame ililleetti'iin akka bayanu godhe.
44Inni lafa gosa biyya adda addaa isaaniif kenne;
maarre isaan lafa worri dhibiin itti elowe fudhatane.
45Tunille akka isaan seerata isaatii fi
seera isaa eegatanuuf teete.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
¿Sabías que…?
El recuerdo del pacto y los prodigios divinos
- El Salmo 105 se refiere a Egipto como la "tierra de Cam", reflejando la tradición genealógica bíblica que vincula a los pueblos del noreste de África y del valle del Nilo con Cam, hijo de Noé.Fuentes: el propio texto bíblico · Ham · Egypt
- El salmo destaca la experiencia de José en Egipto, recordando su dura prisión inicial con grilletes de hierro antes de que el faraón lo liberara para supervisar la casa real y aconsejar a los ancianos del reino.Fuentes: el propio texto bíblico · Joseph (son of Jacob)
- El himno histórico enmarca el camino de Israel desde las promesas patriarcales dadas a Abraham, Isaac y Jacob hasta la herencia de la fértil tierra de Canaán tras su liberación de la servidumbre egipcia.Fuentes: el propio texto bíblico · Canaan · Abraham
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Canaan · 32.767, 35.333 · versículos 11, 12, 16
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 17, 23, 28, 31, 37, 38, 43
- Ham · Hoy: Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 23, 27
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org