Nations Bible

Salmos 104

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Leellisa Abbaa Dadaatiif Dhikaate

1Ee lubbuu tiyya, Mootii Waan Maraa leellisi.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ati attam attam gudda'a!

Ulfinnaa fi arnya uffatteerta.

2Ati ifa akka woya'aa ifitti maratte;

ol-gubbaa akka dunkaani'ii diriirsite.

3Ati utubaa mana keetii

bisaan ol-gubba'aa irra dhaabbachiitte;

duumensa garreettaa fardaan harkifamu godhatte;

koola qilleensaa irra teettee gulutte.

4Ati qilleensa ergamaa keeti,

bobe'a ibiddaa tajaajilaa keeti godhatte.

5Akka isiin ijjumaa hin raafanne,

ati lafa hundee isi'ii irratti dhaabbachiitte.

6Abbaayaa akka woya'aa lafatti uffitte;

bisaan gaarota golle.

7Yennaa ati xixxe, bisaan baqate;

qoonqoo mandiisu'uu teeti yennaa dhage'e dheete.

8Gaarota gubbaa dhangala'ee,

gad dhooqa keessa,

gara addee ati isaaf qopheessitee dhaqe.

9Akka deebi'ee lafa hin golline,

meessaa inni dande'ee hin dabarre,

ati isaaf goote.

10Ati maddi dhooqa keessa akka yaa'u goote;

isaan koobota wodhakkaa yaa'an.

11Bineensoti isaan unan;

harreen diidaalle untee dheebuu baati.

12Sinbirrooti bisaan san biratti mana ijaarratan;

isaan dameelee oddu'uu wocan.

13Gubbaa irraa bokkeyaan gaarota bisaan obaatta;

lattille waan ati hujjeen guutanti.

14Marri hori'iif akka latu,

namaafille sagalee waan te'uuf,

lafa irraa midhaan akka latu goota.

15Woyniin gadhaa namaa akka gammachiittu,

zayitiin fuula namaa akka cululussitu,

sagaleen akka nama jabeessitu goota.

16Mukooti Mootii Waan Maraa birbirsooti Libaanonii,

ka inni dhaabe bisaan guddaa dhaggatan.

17Sinbirrooti isaan keessatti mana ijaarratan;

qongaan birbirsa irratti hin gala.

18Gaaroti dhedheeraan ka goda'aa ti;

holli rassa'aa lafa osoleen itti baqattu.

19Ji'a yennaa akka gargar baasuuf dadde;

aduulle yennaa seensuma ifii hin beetti.

20Ati dukkana dadde; isiin halkan teeti;

yennaa san bineensoti badda'aa luuxanee bayan.

21Neenqoti dardarooti adamo'oof dhangaa dhowan;

sagalee ifii Waaqa irraa barbaadatan.

22Yennaa aduun baatu,

deebi'anee mandhee ifii keessa ciisan.

23Achiin duuba nami gara hujii ifii bayee,

haga galgalaatitti hujii ifii huja.

24Ee Mootii Waan Maraa,

hujiin teeti attam attam baca'a!

Ati isaan mara qarumma'aan daddeerta;

latti waan ati daddeen guutanteerti.

25Kunoo, abbaayaan guddittiin guddo'oo fi badhoon achi jirti;

bineensi didiqqa'aa fi gugurdaan,

wonni lubbuu qabu bindillaan achi keessa jiran.

26Abbaayaa san irra hobolooti gugurdoon hin ideeman;

bineensi naacha fakkaatu,

ka «Lewaataan» jedhamu achi keessa taphata.

27Sagalee yenna'aan akka isaaniif kennitu,

isaan kun marti si eeggatan.

28Yennaa ati isaaniif kennitu,

isaan wolitti qabatan;

yennaa ati harka keeti isaaniif diriirsitu,

isaan waan dansaa hin quufan.

29Yennaa ati isaan irraa garagaltu,

isaan guddoo sodaatan;

yennaa ati hafuura isaanii isaan keessaa fudhatu,

isaan hin du'an;

gara biyye'ee hin deebi'an.

30Yennaa ati hafuura keeti itti baafatu,

isaan hin dadaman;

ati lafa deebittee haareya goota.

31Ulfinni Mootii Waan Maraa

haga bara baraa jiraatuu ti;

Mootiin Waan Maraa hujii ifiitiin gammaduu ti.

32Inni ilaalchaan ka lafa rommisiisu;

tuqiisaan gaara keessaa ka aara baasu.

33Ani bara jiruu tiyyaa mara

Mootii Waan Maraatiif hin faarsa;

ani haga jiru mara

Waaqa kiyya faaru'uun hin leellisa.

34Yaadi gadhaa kiyyaa isa gammachiisuu ti;

ani Mootii Waan Maraatiin hin gammada.

35Cubbaaleyiin lafa irraa badanuu ti;

hamaaleyyiin haganaa achi hin jiraatin.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

¿Sabías que…?

El esplendor de la creación y el orden natural

  • El Salmo 104 describe el mundo natural como un entorno ordenado donde cada criatura tiene su propio hábitat, desde las altas montañas para las cabras monteses y los riscos para los damanes hasta los manantiales en los valles para los asnos salvajes y las aves.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El salmo destaca los célebres cedros del Líbano, árboles imponentes propios de la famosa y elevada cordillera montañosa al norte de Israel, presentándolos como regados y sustentados directamente por Dios.Fuentes: el propio texto bíblico · Lebanon
  • El salmo presenta el inmenso mar abierto como un lugar de asombro y abundancia en lugar de terror, describiendo barcos que navegan por sus aguas junto al Leviatán, mostrado aquí como una criatura formada simplemente para retozar en las profundidades.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 16

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.