Nations Bible

Proverbios 28

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

1Nami hamaan adoo nami hin ari'in baqata;

nami balchaan ammoo akka neenqaa ifi addata.

2Kolbaan yennaa finqila kaatu,

bulchitooti isi'ii hin heddatti;

nama hubata'aa fi beekaa yoo qabaatte ammoo

mootummaan isi'ii jabaattee hin dhaabbatti.

3Bulchaan hiyyeessa cunqursu

akka bokkeya midhaan balleessuu ti.

4Worri seera lakkisu nama hamaa leellisa;

worri seera eegatanu ammoo isaaniin morma.

5Nami hamaan haqa hin beeku;

worri Mootii Waan Maraa barbaadatu ammoo

guutumaa guutu'utti haqa beekan.

6Dureessa ideensi isaa micciirama'aatii mannaa,

hiyyeessa komii hin qanne woyya.

7Ka seera eegu ilma qalbeeffata'a;

ka gadhitoo woliin jaalomu ammoo

abbaa ifii salphisa.

8Nami liqaa dhala gudda'aatiin qabeenna ede'atu,

nama hiyyeessaa nawuuf hin kuusa.

9Nama seeraaf hin ajajanne,

daadimati isaatuu akka malee hin jibbisiisa.

10Nami nama qajeelaa karaa hama'atti geessu,

boolla ifumaa qote keessa hin bu'a;

nami komii hin qanne ammoo

waan dansaa hin dhaala.

11Nami dureessi qaroo ifi seya;

hiyyeessi hubantii qabu ammoo

qorqoree keessa isaa hin beeka.

12Nami balchaan yennaa injifatu,

martinuu hin gammadan;

nami hamaan yennaa baallii qabatu ammoo

namooti hin dhokatan.

13Nami cubbuu ifii dhoffatu,

hin milkowu;

nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoo

marartii hin dhaggata.

14Nami yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatu

ka gammade;

nami mataa jabaatu ammoo rakkinna keessa gala.

15Bulchaan hamaan worra qarqaarsa hin qanne irratti

akka neenqa dhangaa dhowuu

yookiin akka doobbaa hiixatee woy qabuu ti.

16Bulchaan hubantii hin qanne

akka malee nama cunqursa.

Ka bu'aa haqa hin te'in jibbu ammoo

bara dheeraa hin le'a.

17Nami nama ijjeese,

haga du'utti baqataa hin le'a;

nami tokkolle isa hin qarqaarin.

18Nami komii hin qanne waan hantuu irra hin bu'u;

nami micciiramaan ammoo dedhuma jiga.

19Nami lafa qotatu sagalee bacaa hin qabaata;

nami waan bu'aa hin qanne hordofu ammoo hin deega.

20Nami addatamaan guddoo hin eebbifama;

nami durumma'aaf ariifatu ammoo

adoo hin adabamin hin hafu.

21Nama wol caalchisuun dansa'aa moti;

garuu nami bixee daabbo'oo takkatti'iif jedhee

dokonkora huja.

22Nami donni duroomiisaaf ariifata;

hiyyuun akka isa eegattu hin beeku.

23Nama afaaniin nama kookkisu caalaa,

ka balleessaa namatti himee nama xixutti

dhuma irratti saadama.

24Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii saamee,

«Kun dokonkoraa moti» jedhu,

inni jaala nama woy balleessuu ti.

25Nami joljolaan lola kakkaasa;

nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo

hin milkowa.

26Nami ifitti addatu gowwa'a;

nami qarumma'aan deddeebi'u

ammoo waan hantuu irra hin bu'u.

27Nami hiyyeessaaf kennu womaa hin dhabu;

nami hiyyeessa ilaalee lakkisu ammoo

abaarsa hedduu fudhata.

28Yennaa namooti hamooleen baallii fudhatanu,

kolbaan hin dhokatti;

yennaa isaan badanu ammoo

balchooti hin bacatti.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Justicia, Liderazgo e Integridad

  • Proverbios 28 vincula el buen gobierno con la estabilidad social, señalando que la rebelión política multiplica los gobernantes, mientras que una persona de entendimiento mantiene el orden. Compara al gobernante impío y opresor sobre un pueblo indefenso con fieras depredadoras, como un león rugiente o un oso voraz.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo resalta la relación vital entre la obediencia a la ley y la vida espiritual, advirtiendo que apartar el oído de la ley vuelve abominable incluso la oración. En cambio, quienes guardan la ley se oponen con firmeza a los malvados y conservan el discernimiento moral.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Varios proverbios abordan la justicia económica y declaran que las riquezas acumuladas mediante usura o intereses abusivos terminarán pasando a manos de quien se compadece de los pobres. Se elogia el trabajo diligente de la tierra frente a la persecución de ilusiones vanas.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.