Proverbios 27
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Waan Guyyaan fidu waan hin beenneef,
waan boru te'uun ifi hin jajin.
2Nami si jajuu ti malee, ati ifi hin jajin;
nami dhibiin si jajuu ti malee, afaan keetiin ifi hin jajin.
3Dhakaan hin ulfaata;
maansille ba'a'a.
Nunnussaan gowwaan tuttuqee nama aarsu ammoo,
isaan lachuu caalaa hin ulfaatti.
4Mufiin gadhi-jabeenna;
aariin lola'a;
hinaaffaa dura ammoo
eentu dhaabbatuu dande'a?
5Jaalala dhokate caalaa,
xixicha mudhatu woyya.
6Sunqaa diinaatii mannaa,
jaalli si madeessu woyya.
7Nama quufe,
dammi itti bushowa;
nama beelote ammoo
wonni hadhowuuyyuu itti mi'owa.
8Nami qe'ee ifii keessaa baye,
akka sinbirree mana ifii keessaa baatee ti.
9Fiqire'ee fi qayyi nama gammachiisan;
gammachiisiis jaalaalle
gorsa dansaa isaa irraa madda.
10Jaalota teetii fi jaalota abbaa keetii hin lakkisin;
yennaa rakkinnaa mana obboleessa keetii hin dhaqin;
obboleessa fagoo jiruu mannaa,
ollaa dhikoo jiru woyya.
11Ilma kiyya,
nama na arrassuuf deebii kennuu akka ani dande'u,
ati qaroo te'i;
gadhaa kiyyalle gammachiisi.
12Nami qalbeeffataan waan hantuu dhaggee duraa baqata;
nami hubantii hin qanne ammoo ittuma ideemee,
rakkoo keessa seena.
13Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu;
haga inni waan alagaan fudhate san deebisutti
woyaa san qabadhu.
14Nami barii ganamaan ka'ee,
qoonqoo ol qabatee nama yoo eebbise,
eebbi sun abaarsa nama sanitti fakkaata.
15Niitiin dubbattittiin akka mana
guyyaa roobaa dhim'isaa ooluu ti.
16Isii ittisiis qilleensa ittisiisa,
yookiin zayitii harkaan qabiisa.
17Akkuma sibiilli sibiila cabbu,
namille nama cabba.
18Nami muka harru'uu kunuunsu
midhaan isi'ii hin nyaata;
nami goottaa ifii eegulle
ulfinna hin dhaggata.
19Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu,
yaadi namaalle eennummaa namaa mudhisa.
20Addeen worri du'e jiruu fi
addeen badi'ii ijjumaa hin quuttu;
ilti namaalle ijjumaa hin quuttu.
21Meeti'ii fi worqiin addee itti baqisiisanu keessatti
akkuma haga ilaallatamanu,
namille leellifamiisaan haga ilaalama.
22Gowwaa akka midhaanii
mooyye'etti tuma'aan yoo tuntelle,
gowwummaa isa keessaa baasuu hin dandeettu.
23Hoolee teeti haala attamii keessaa akka jirtu
midhassii beeki;
loon keetille midhassii tiffadhu.
24Sababille durummaan haga bara baraa hin jiraatu;
kallachille dhalootaa dhalootatti hin dabaru.
25Marri gogaan haamamee,
marri haarenni yennaa latu,
marri koobota irraa yennaa wolitti qabamu,
26buruusoo hoolota teetiitiin daara hin baata;
re'oota teetille'een fichaa hin bitatta.
27Soorata keetiif, soorata maatii teetiitiif,
soorata tajaajiltoota teetiifille ka gewu,
aanan re'e'ee hin qabaatta.

¿Sabías que…?
Amistad, Prudencia y Diligencia Cotidiana
- Proverbios 27 enfatiza las relaciones auténticas, contrastando los besos engañosos del enemigo con las heridas fieles del amigo. Describe la interacción interpersonal constructiva mediante la conocida metáfora del hierro que afila al hierro, y aconseja acudir al vecino cercano antes que al pariente lejano en tiempos de aflicción.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo recurre a ilustraciones prácticas de los oficios y la vida doméstica antigua, como la refinación de plata y oro en crisoles y hornos, la molienda de granos con mortero y mazo, y la observación del propio rostro reflejado en el agua.Fuentes: el propio texto bíblico
- La sección final expone la realidad estacional de una economía agropastoril. Exhorta a supervisar con atención los rebaños y manadas, advirtiendo que las riquezas y las coronas no duran para siempre, mientras que el cuidado diligente de la tierra y el ganado provee vestido, leche de cabra y sustento para la casa.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org