Números 25
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Worri Mo'aabii Israa'eloota Dokonkorse
1Israa'elooti Shiixiimitti yennaa qubataneeranu, dhiirti isaanii dubartoota Mo'aabotaa woliin sagaagalane. 2Dubartooti sun worra dhiiraa san gara ciincaa waaqota ifiititti waamane; isaanille ciincaa san nyaatanee, waaqota isaaniitiif sagadane. 3Tanaaf Israa'elooti Ba'aal Phe'or waaqonfatiisa jalqaddee, Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aare. 4Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Aariin tiyya guddoon Israa'eloota irraa akka deebitu, ati sooreyyii kolbaa tanaa mara fuudhiitii, ila guyya'aatiin fuula kiyya duratti fannisi» jedhe. 5Maarre Muuseen abbootii mura'aa ta Israa'elootaatiin, «Tokko tokkoon keessan nama keessan ka Ba'aal Phe'or waaqonfatiisa jalqabe ijjeesa'a» jedhe.
6Achiin duuba Muuse'ee fi wolde'i kolbaa Israa'elii duudiin Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhaabbatanee adoo isaan bowanuu, Israa'eloota keessaa tokkochi iluma isaanii duratti, dubartii worra miidiyaanii takka fudhatee gara maatii ifii dhufe. 7Akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas yennaa tana dhagge, ka'ee wolde'a keessaa bayee, eboo fudhatee, 8namicha Israa'elicha gula gara dunkaani'ii seenee, eboo darbatee, namichaa fi dubartittiille woraanee isaan lamaanuu wolitti fullaase. Achiin duuba balaan kolbaa Israa'elii irraa dhaabbate. 9Te'uu malee, balaa saniin namoota kuma diddamii afuritti du'e.
10Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 11«Kolbaa Israa'elii keessaa akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas marroo tiyyaaf waan hinaafeef, ani hinaaffaa tiyyaan akka isaan hin fixanneef, mufii tiyya isaan irraa deebiseera. 12Tanaaf, akka ani Gondooroo tiyya ta nageyaa isa woliin gondooradhu, Fiinehaasitti himi. 13Inni ana Waaqa ifiitiif waan hinaafeef, kolbaa Israa'eliitiifille gumaa cubbu'uu waan kenneef, Gondooroon hayyummaa bara baraa isaaf, isaan duuballe sanyii isaatiif hin teeti» jedhe.
14Maqaan namicha Israa'elicha ka dubartittii worra Miidiyaanii woliin ijjeefamee Ziimiirii ilma Saaluwa'aa ti; inni sooressa fira Shimi'oonii ti. 15Maqaan dubartittii worra Miidiyaanii ta ijjeefantee Kozbi; isiin intala Zuurii, ka gosa Miidiyaan keessatti sooressa fira tokkoo ti.
16Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 17«Worra Miidiyaanii kana akka diinaatitti laakkowa'aatii fixa'a; 18wonni tana gootanuuf, isaan Phe'oritti, obboleettii isaanii, ta guyyaa balaan Phe'oritti bu'e ijjeefante, intala sooressa isaanii hujii Kozbiitiin sobanee isin miidhaneeran» jedhe.
¿Sabías que…?
Una Crisis de Idolatría en Sitim
- El nombre Sitim significa "acacias". Situado en las llanuras de Moab, al este del río Jordán, este valle fue el último campamento de los israelitas antes de entrar en la tierra de Canaán.Fuentes: Shittim · Moab · el propio texto bíblico
- Baal era la principal deidad masculina en la religión fenicia y cananea. Asociado con la cumbre del monte Peor, el culto local a Baal-peor incluía sacrificios y comidas rituales que sedujeron a los israelitas a la apostasía.Fuentes: Baal · Peor · el propio texto bíblico
- Finees era hijo del sumo sacerdote Eleazar y nieto de Aarón. Luego de que su intervención detuviera una plaga devastadora que cobró 24.000 vidas, Dios le otorgó un pacto perpetuo de paz y sacerdocio para su descendencia.Fuentes: Phinehas (Levite) · Eleazar · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Moab · Hoy: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 1, 2
- Peor · Hoy: within 1 km of Khirbet Ayun Musa · 31.777, 35.738 · versículos 3, 5, 18
- Midian · 28.495, 35.012 · versículos 15, 18
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org