Números 24
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Bala'aam Israa'eloota eebbisuun Mootii Waan Maraa akka gammachiitte yennaa dhagge, inni fuula ifii gara goomole'ee deebifate malee, akka yennaa dhibi'ii waan ittiin moru barbaadatiisa hin dhandhe. 2Bala'aam ol ilaalee, worri Israa'elii gosa gosaan qubataneeranuun yennaa dhagge, Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee, 3ergaa dubbattee,
«Ergaan Bala'aamii ilma Be'orii,
ergaan nama ilti isaa banantee,
4ergaan nama jecha Waaqaa dhage'uu,
ka mudhii ka waan mara dande'uu dhagguu,
ka isa duratti gad jigeeruun,
ilti isaa banantee kana:
5«Ee Yaaqoob, dunkaanoti teeti,
ee Israa'el quttumi keeti,
attam attam dansa'a!
6«Isaan akka meexxii banqaaxxuu,
akka oorruu bisaan biraa ti;
isaan akka hargiisa
Mootiin Waan Maraa dhaabee ti;
isaan akka hindheensa bisaan biraa ti.
7«Sakkeelloo isaanii keessaa
bisaan hin yaa'a;
sanyiin midhaan isaanii
bisaan guddaa hin dhaggatti.
«Mootiin isaanii mootii Agaagii hin caala;
mootummaan isaaniille hin leellifanti.
8«Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase,
inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti.
Inni gosa biyya adda addaa
diinota isaanii hin kukkuta;
lafee isaaniille hin butucha;
daaya ifiitiin woraanee isaan fullaasa.
9«Isaan irkatanee,
akka neenqa dhala'aatii
fi neenqa kormaa gad ciisane;
isaan kaasiisaaf ka itti guulu eennu?
«Worri si eebbisu eebbifamuu ti!
Worri si abaaru abaaramuu ti!» jedhe.
10Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamitti aaree bobe'ee, harka dhowee, «Ani akka ati diinota kiyya abaartuuf si waame; ati ammoo kunoo yennaa sad isaan eebbitte. 11Amma ariifadhuu gara mana keetii deemi! Ani silaa, ‹Gatii dansaa si'iif hin kaffala› jedheeraayyu. Mootiin Waan Maraa ammoo gatii dhaggatiisa si dhoogge» jedhe.
12Bala'aamille deebisee, Balaaqiin, «Ani ergantoota teeti ta ati natti ergitetti himee, 13‹Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa dubbadha male, jecha isaa irra dabaree, fedha kiyyaan waan dansaa yookiin waan badduu godhiisaaf hin dande'u› hin jenneeyyuu? 14Maarre amma ani gara kolbaa tiyyaa deebi'ee deemaara; gara duraa ammoo waan kolbaan Israa'elii tun kolbaa teeti irratti godhu'uuf jirtu koy sitti hima» jedhe.
Ergaa Bala'aamii Ta arfeesso'oo
15Achiin duuba ergaa dubbatee,
«Ergaan Bala'aamii ilma Be'orii,
ergaan nama ilti isaa banantee,
16Ergaan nama jecha Waaqaa dhage'uu,
ka beekkumsa Ol Aana'aa qabuu,
ka mudhii ka waan mara dande'uu dhagguu,
ka isa duratti gad jigeeruun,
ilti isaa banantee kana:
17«Ani isa dhagga, ammoo ammaa moti;
ani isa ilaala, ammoo dhiko'ottii moti.
Bakalchi Yaaqoob keessaa hin baya;
Israa'el keessaa
uleen bokkuu mootumma'aa hin ka'a.
Sooreyyii worra Mo'aabii hin butucha;
buqqii mataa ilmaan Sheetii mara hin caccassa.
18Edoom hin qabatanti;
Se'iir ta diina isaa teetelle ta isaa hin teeti;
Israa'el ammoo jabaataatuma hin ideenti.
19Sanyii Yaaqoobii keessaa
bulchaan tokko hin dhufa;
worra qachaa guddicha keessatti hafelle
hin balleessa» jedhe.
20Achiin duuba Bala'aam
gara worra Amaaleqii ilaalee,
ergaa ifii dubbatee,
«Gosa biyya adda addaa oddu'utti
worri Amaaleqii ka qaraa te'ee ture,
muummeen isaanii ammoo
badii bara baraa ti» jedhe.
21Achiin duuba inni gara worra Qenootaa ilaalee,
ergaa ifii dubbatee,
«Addeen quttuma teessanii addachiittu'u;
mandheen teessan
rassaa keessatti ijaaranteerti.
22Ammoo yennaa worri Asoorii isin booji'e,
isin worri Qenootaa hin baddan» jedhe.
23Ammalle inni ergaa ifii dubbatee,
«Aanne'e, yennaa Waaqi tana godhu
eentu jiraata ree?
24Qarqara Kitiimiitii ammoo
hobolooti gugurdoon hin dhufan;
isaan Asoorii fi Ebeer hin qabatan;
isaanille ifiifuu
haga bara baraa hin badan» jedhe.
25Achiin duuba Bala'aam ka'ee gara mana ifii deebi'e; Balaaqille karaa ifii deeme.

¿Sabías que…?
Los Últimos Oráculos de Balaam
- A diferencia de sus intentos anteriores, Balaam no recurrió a la adivinación antes de su tercer oráculo, sino que volvió su rostro hacia el desierto. Al ver a Israel acampado tribu por tribu, el Espíritu de Dios vino sobre él para pronunciar una bendición en lugar de una maldición.Fuentes: el propio texto bíblico · Balaam
- Los oráculos de Balaam mencionan a Agag y a Amalec, una tribu nómada que habitaba entre el mar Muerto y el mar Rojo, cuyos reyes llevaban el nombre de Agag. Aunque Amalec fue descrito como la primera de las naciones, Balaam predijo su destrucción final.Fuentes: el propio texto bíblico · Agag · Amalek
- En su profecía final, Balaam miró hacia el futuro distante, anunciando una estrella de Jacob y un cetro de Israel que aplastarían a Moab y tomarían posesión de Edom, la escarpada región montañosa también llamada Seir.Fuentes: el propio texto bíblico · Jacob (Israel) · Edom · Seir
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 8
- Moab · Hoy: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículo 17
- Edom · 30.746, 35.604 · versículo 18
- Amalek · 30.648, 34.422 · versículos 20, 24
- Asshur · Hoy: Assur · 35.457, 43.263 · versículos 22, 24
- Kittim · Hoy: Cyprus · 35.000, 33.000 · versículo 24
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org