Nations Bible

Marcos 4

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu

1Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu. 2Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee:

3«Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye. 4Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. 5Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe. 6Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge. 7Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune. 8Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!» jedhe.

9Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti» jedhe.

Mammaassi Maaf Akka Barbaachise

10Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane. 11Yesuus deebisee, «Dhossaan mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama. 12Wonni himamuufille,

«‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle,

ijjumaa akka hin dhaggine;

dhage'anee dhage'aneelle,

ijjumaa akka hin hubanne;

gara Waaqaa deebi'anee

innille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe.

Hiikkaa Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu

13Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree? 14Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa. 15Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti. 16Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti.

17«Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan yennaa ka'u yoosuma jigan. 18Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti. 19Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan. 20Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti» jedhe.

Mammaassa Ifa Gombisoo Jalaa

21Yesuus itti aansee, «Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii? 22Wonni dhokatteertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhossa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati. 23Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti» isaaniin jedhe.

24Yesuus itti dabalee, «Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama. 25Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama» isaaniin jedhe.

Mammaassa Midhaan Ifumaan Mudhee Guddatuu

26Yesuus itti aansee, «Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti. 27Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata. 28Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa. 29Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama» jedhe.

Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii

30Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna? 31Isiin akka midhaan Sanaafici'ii ti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata. 32Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti» jedhe.

33Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime. 34Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike.

Yesuus Bubbee Cadhisiise

35Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka'aa, gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe. 36Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane. 37Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin bisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette. 38Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.

39Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e. 40Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.

41Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Parábolas del reino junto al mar

  • Marcos 4 comienza con Jesús enseñando a una gran multitud desde una barca en el mar y termina con una violenta tormenta de viento sobre esas aguas. Una cronología del episodio fecha estas parábolas junto al mar y el milagro en un solo día del año 28 d. C.Fuentes: el propio texto bíblico · Seaside Parables and Miracle
  • Al explicar lo del sembrador, Jesús dice que Satanás viene y quita la palabra sembrada junto al camino. El nombre Satanás significa adversario o acusador y, en el Nuevo Testamento, se usa de manera intercambiable con el diablo más de treinta veces.Fuentes: el propio texto bíblico · Satan
  • Jesús dice que el reino de Dios es como la semilla que brota y crece mientras el sembrador duerme y despierta, aunque no sabe cómo: la tierra produce la cosecha por sí sola, primero el tallo, luego la espiga y después el grano que madura. También lo compara con un grano de mostaza, la más pequeña de todas las semillas sembradas en la tierra, que llega a ser la mayor de todas las plantas del huerto, con las aves anidando a su sombra. No les decía nada a las multitudes sin una parábola, pero en privado se lo explicaba todo a sus propios discípulos.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.