Marcos 3
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise
1Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu. 2Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu. 3Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe. 4Achiin duuba jaralle'een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane. 5Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi'ee fayye.
6Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane.
Gumiin Guddoon Gara Yesuus Dhutte
7Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii, 8qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ta gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte. 9Gumiin guddoon sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime. 10Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane. 11Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane.
12Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate
13Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane. 14Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu, 15durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.
16Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni «Pheexroos» jedhee moggaase, 17Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni «Bo'anerges» jedhee moggaase; akkas jechuulle, «Ilmaan Mandiisu'uu» jechu'u. 18Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii «Hinaatticha» jedhamee beekkamee fi 19Yihudaa nama qachaa keriyootii, ka isa dabarsee kenne.
Yesuusii fi Bi'el Zebul
20Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante. 21Kolbaan, «Inni maraateera» waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane.
22Barsiisoti Seeraa worri Yerusaalemii dhufane ammoo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane.
23Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasuu dande'a? 24Mootummaan takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti. 25Maatiin takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti. 26Maarre Seexannille ifi falmee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaa ti malee dhaabbachu'uuf hin dande'u.
27«Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu'uuf hin dande'a.
28«Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama. 29Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.
30Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe.
Haadhaa fi Obboleeyyan Yesuusii
31Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane. 32Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane.
33Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe. 34Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana! 35Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.

¿Sabías que…?
Multitudes, los Doce y la acusación de Satanás
- Varios de los hombres que Jesús designó como los doce habían sido pescadores en Galilea. Simón, a quien llamó Pedro, y su hermano Andrés eran de Betsaida; Santiago y Juan, hijos de Zebedeo, pescaban en sociedad con Pedro. Jesús llamó a esos hermanos Boanerges, “Hijos del Trueno”; el Diccionario Bíblico de Easton (1897) dice que probablemente recibieron ese nombre por su audacia y su energía.Fuentes: Simon Peter · Andrew · James (Son of Zebedee) · el propio texto bíblico
- La gente se agolpaba desde Galilea, Judea, Jerusalén, Idumea, el otro lado del Jordán y la región de Tiro y Sidón, porque había oído lo que Jesús hacía. Tiro y Sidón eran antiguas ciudades fenicias del Mediterráneo; Sidón estaba a unas veinticinco millas al norte de Tiro. Bajo los romanos, Judea era la más meridional de las tres divisiones de Palestina, distinta de Galilea.Fuentes: el propio texto bíblico · Tyre · Sidon · Judea
- Unos escribas que habían bajado de Jerusalén decían que Jesús estaba poseído por Beelzebul y que expulsaba demonios por el príncipe de los demonios. Él respondió preguntando cómo Satanás puede expulsar a Satanás. Satanás significa “adversario” o “acusador”; en el Nuevo Testamento el nombre se usa de manera intercambiable con el diablo, y el Diccionario Bíblico de Easton (1897) también lo llama Beelzebub.Fuentes: el propio texto bíblico · Satan
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 7
- Judea · Hoy: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 7
- Idumea · 31.525, 35.102 · versículo 8
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 8, 22
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 8
- Sidon · Hoy: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículo 8
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículo 8
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org