Mateo 19
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yesuus Dhirsaa Fi Niitiin Akka Wol Hin Lakkinne Barsiise
1Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, Galiilaa lakkisee laga Yordaanosiitiin gama gara lafa Yihuda'aa dhaqe. 2Gumiin guddoon isa hordottee, innille achitti isaan fayyise.
3Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, «Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?» jedhanee isa gaafatane.
4Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe. 5Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te'an. 6Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
7Fariisaayoti, «Abbaan manaa woraqata lakkeessaa kenneefii akka isii lakkisu, Muuseen maaf ajaje ree?» jedhaneen.
8Yesuus deebisee, «Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti. 9Anille isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami haadha manaa ifii lakkisee ta dhibii fuudhu, hin gaarayyeeffata» isaaniin jedhe.
10Barattooti isaa deebisanee, «Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya» jedhaneen. 11Yesuus deebisee, «Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu. 12Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti» isaaniin jedhe.
Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise
13Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane; 14Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa'a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina'a» jedhe. 15Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme.
Namicha Dargaggeessa Dureessa
16Achiin duuba namichi tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf, hujii dansaa maan hujuu qaba?» jedheen.
17Yesuus deebisee, «Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu» jedheen.
18Namichi dargaggeessi, «Ajajooti kam inni?» jedheen. Yesuus deebise, « ‹Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dharaan dhugaa hin bayin; 19haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu» jedheen. 20Dargageessille deebisee, «Ani ajajoota kana eegadheera; ammaa wonni narraa dhidhateeru maan?» jedhe. 21Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te'uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi'iif kenni; ol-gubba'atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.
22Dargaggeessi sun tana yennaa dhage'e, karra guddoo waan qabuuf, gaddaa achii deeme.
23Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba'aatitti galiisi guddoo rakkisa'a. 24Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe.
25Barattooti isaa yennaa tana dhage'ane, guddoo maalalanee, «Eentu fayyuu dande'a ree?» jedhane.
26Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande'antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande'anti» jedhe.
27Achiin duuba Pheexroos deebisee, «Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?» jedhe.
28Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, biyya lafaa haareya dhuttutti, Ilmi Namaa barcumaa mootummaa ulfinna ifii gubbaa yennaa tee'u, isin worri na hordottanelle barcumaa mootumma'aa kudhanii lama gubbaa teettanee, gosa Israa'elii kudhanii lamatti murtan. 29Nami naaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata. 30Ammoo worri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a» isaaniin jedhe.

¿Sabías que…?
Matrimonio, niños y el costo de seguir
- Después de terminar estas palabras, Jesús dejó Galilea y fue a la región de Judea al otro lado del Jordán, donde lo siguieron grandes multitudes y él las sanó. Los judíos llamaban a Galilea Galil; también se la conocía como Galilea de los gentiles, y la Galilea Superior se distinguía de la Inferior. Bajo los romanos, en el tiempo de Cristo, Judea era la más meridional de las tres divisiones de Palestina, distinta de Galilea y de Samaria, y un relato fechado llama a esta enseñanza enseñanza en Perea, con inicio en el año 30 d. C.Fuentes: el propio texto bíblico · Galilee · Judea · Jesus Teaches in Perea
- Algunos fariseos vinieron para poner a prueba a Jesús, preguntando si era lícito que un hombre se divorciara de su mujer por cualquier motivo, y apelaron a la orden de Moisés de que el hombre diera a su mujer un certificado de divorcio y la despidiera. Jesús respondió que Moisés permitió el divorcio por la dureza de corazón de ellos, aunque no había sido así desde el principio.Fuentes: el propio texto bíblico
- Cuando Pedro dijo que él y los demás lo habían dejado todo para seguir a Jesús, hablaba como un hombre formado para ser pescador. Llamado originalmente Simón, era hijo de Jona, y su pueblo natal era Betsaida, en la costa occidental del mar de Galilea, donde se había criado en ese oficio.Fuentes: el propio texto bíblico · Simon Peter
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 1
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 1
- Judea · Hoy: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 1
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org