Nations Bible

Mateo 18

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Ka Caalu Eennu

1Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen. 2Inni daa'ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, 3«Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa'immaanii hin te'in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba'aatitti hin galtanu. 4Eennulle ka akka daa'ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba'aa keessatti mara ka caalu te'a. 5Eennulle daa'ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata.

Gara Cubbu'uu Ataabuu

6«Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa natti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te'e, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya'aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya. 7Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne'e! Wonni gufachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e! 8Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya. 9Ilti teetille yoo si gufachiitte, ifi keessaa baasii gati; ila lamaan qabaattee qilee ibiddaatitti gatamiisaa mannaa, ila takkaa qabaattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya» jedhe.

Mammaassa Hoolee Baddee

10Yesuus, «Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha'a. [ 11Ilmi Namaa worra bade fayyisiisaaf dhufe.] 12Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu? 13Ani dhugumaan isinitti hima, inni yoo isii dhagge, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada. 14Akkasuma worra didiqqaa kana keessaa tokkolle akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba'aatii moti.

Nama Yakkeef Maan Godhuu Akka Barbaachisu

15«Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage'e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. 16Inni yoo si hin dhage'in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi. 17Inni yoo isaan dhage'uu dide, wolde'a kiristaanaatitti himi; wolde'a kiristaanaalle yoo dhage'uu dide, akka worra Yihudoota hin te'iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkow.

18«Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a. 19Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha. 20Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.

Woliif Araaramuu

21Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen. 22Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaa ti malee, haga yennaa torbaati si'iin hin jedhu.

23«Waan kanaaf mootummaan ol-gubba'aa mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatiisaaf barbaade tokko fakkaatti. 24Inni yennaa herreguu jalqabe, nama inni beenyaa beesee irraa qabu tokko itti fidane. 25Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje. 26Maarre hojjataan sun miila isaatitti jigee, ‹Naa ossadhu, anille waan maraa sii hin kaffala› jedhee kadhate. 27Goottaalle isaaf nayee, beenyaa isaalle lakkiseefii, akka deemuuf gad lakkise. 28Hojjataan sun ammoo, akkuma gad bayeen, hojjatuma akka isaa meetii dhibba tokko beenyaa irraa qabutti bayee, hudheelle isa qabee, ‹Beenyaa kiyya naaf deebis› jedheen. 29Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‹Naa ossadhu, ani sii kaffala› jedhee isa magannifate. 30Inni ammoo dide; achiin duuba qabee dhaqee haga inni beenyaa isaa kaffalutti mana hidha'aatitti galchisiise. 31Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te'e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te'e san mara goottaa isaaniititti himane. 32Achiin duuba goottaan isa waansisee, ‹Ati hojjataa hamaalessa! Waan na magannifatteef ani beenyaa san mara sii lakkise. 33Akkuma ani si mararfadhe, atille hojjataa akka keetii mararfatu'uu hin mallee ree?› jedheen. 34Aari'iin goottaan isaa haga inni beenyaa isa irra jiru mara kaffalutti worra isa rakkisutti dabarsee kenne.

35«Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Humildad, reconciliación y perdón

  • Los discípulos se acercan a Jesús y preguntan quién es el mayor en el reino de los cielos, y él invita a un niño pequeño a ponerse de pie en medio de ellos, diciendo que quien se humilla como ese niño es el mayor. Un esquema cronológico fecha estas enseñanzas sobre humildad, tentación y reconciliación en el año 29 d.C. y les asigna un solo día.Fuentes: el propio texto bíblico · Teachings on Humility/Temptation/Reconciliation
  • Pedro, que pregunta cuántas veces debe perdonar a un hermano que peca contra él, se llamaba originalmente Simón y había sido entrenado como pescador en Betsaida, en la costa occidental del mar de Galilea. Sugiere siete veces; Jesús responde que no siete veces, sino setenta y siete veces, y habla de un rey que perdona a un siervo que debía diez mil talentos. Ese siervo después se niega a perdonar a otro siervo, compañero suyo, que le debía cien denarios.Fuentes: el propio texto bíblico · Simon Peter
  • Cuando un hermano peca contra ti, la instrucción es confrontarlo en privado y, si no escucha, llevar a una o dos personas más, para que todo asunto quede establecido por el testimonio de dos o tres testigos. Si aun así se niega, el asunto debe contarse a la iglesia y, si no escucha ni siquiera a la iglesia, ha de ser considerado como un pagano o un recaudador de impuestos.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.