Mateo 13
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu
1Guyyuma san Yesuus manaa bayee dhaqee abbaayaa Galiila'aa bira tee'e. 2Gumiin hedduun isa biratti wolitti qabannaan, inni hoboloo takka keessa seenee barsiisiisaaf tee'e; kolbaan hedduulle qarqara abbaaya'aa dhaabbatteertiiyyu. 3Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti himiisaaf ka'ee, «Caqasa'a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye. 4Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. 5Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago'oo waan hin qanneef ariifattee muute. 6Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde. 7Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii huute. 8Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddoma buutte. 9Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedhe.
Mammaassi Maaf Akka Barbaachise
10Achiin duuba barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Ati maaf mammaassaan kolba'atti dubbatta?» jedhane gaafatane. 11Yesuus deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne. 12Ka qabuuf, itti dabalantee hin kennantiif, bacaalle hin qabaata; ka wo hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatanti. 13Wonni ani mammaassaan isaanitti dubbadhuuf, isaan adoo ilaalanuu hin dhagganu, adoo caqasanuu hin dhage'anu, yookiin hin hubatanu. 14Maarre raagi Isaayaas dubbatte isaan irratti muummoweera; wonni raagamelle,
«‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu,
ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu,
15qalbiin isaanii waan sigiddeef,
gurri isaanii hin dhage'u,
ilti isaanii dunuunfatteerti,
maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu,
gurra isaaniille'een hin caqasanu,
qalbii isaaniitille'een hin hubatanu, hin deebi'anulle'e,
anille silaa isaan hin fayyisaayyu› jedhe.
16«Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane. 17Ani dhugaa isinitti hima, raagoti heddu'uu fi kolbaan balchooti hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf halchanee, ammoo hin dhaggine, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo hin dhageenne» jedheen.
Hiikkaa Mammaassa Namicha Sanyii Facaasuu
18Yesuus itti dabalee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maan akka te'e dhage'a'a. 19Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata. 20Sanyiin lafa dhakittii irratti facaafante, nama jecha dhage'ee yoosuma gammadaan fudhatu; 21Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata. 22Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu. 23Sanyiin biyyee dansaa irra buute ammoo, sun nama jecha dhage'ee hubatu, ka dhugumaan midhaan buusu, tokkochi midhaan dhibba, ka dhibiin midhaan jaatama, ka dhibiille midhaan soddoma buusan» jedhe.
Mammaassa Jigida'aa
24Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti. 25Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi'iititti jigidaa facaasee deeme. 26Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate. 27Tajaajiltooti abbaa ficha'aalle dhufanee, ‹Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?› jedhaneen. 28Inni deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Tajaajiltooti deebisanee, ‹Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?› jedhaneen. 29Inni ammoo deebisee, ‹Waawwo'o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. 30Haga yennaa haamma'aatitti jigida'aa fi qamadiille wolumaan guddatanuu ti; yennaa haamma'aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa'aatii jigidaa buqqisa'aa laddee ladde'een hidha'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha'a› jedhaan» jedhe.
Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii
31Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa midhaan sanaafici'ii ka nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti; 32midhaan isi'ii midhaan mara caalaa diqqaata, yennaa guddatte ammoo waan ficha'atti facaafame mara caaltee muka teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii keessatti mana ifii ijaarratti» jedhe.
Mammaassa Uuko'oo
33Yesuus ammalle mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee bullaa safartuu sadiin wolitti mattee, bullaa san mara bukeessitu fakkaatti» jedhe.
Mammaassi Maaf Akka Mammaakame
34Yesuus mammaassaan waan kana mara gumi'itti dubbate; mammaassaan male waan tokkolle isaanitti hin dubbanne. 35Wonni raagaan,
«Mammaassaan afaan saaqadha;
dadama biyya lafaatii jalqabee waan dhokate dubbadha» jedhe tanaan muummotte.
Yesuus Mammaassa Marroo Jigida'aa Hiike
36Achiin duuba Yesuus gumii lakkisee mana seene. Barattooti isaalle gara isaa dhikaatanee, «Mammaassa jigidaa fichaa qamadi'ii keessaa nuu hiiki» jedhaneen.
37Yesuus deebisee, «Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti; 38fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; 39diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti. 40Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti. 41Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu'uu te'ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee, 42addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan. 43Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedheen.
Mammaassa Karra Dhokatteertuu
44Yesuus, «Mootummaan ol-gubba'aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate.
45«Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; 46daldaltichi dooqa gatii gudda'aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate.
47«Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa caccoo qurxummi'ii ta abbaaya'atti afanee qurxummii adda addaa duudii qadde fakkaatti; 48caccoon yennaa guutte, isaan gara cina'aa harkisanee, gad tee'anee, qurxummii dadansaa saaxaraa keessa keyatanee, babadduu ammoo gatane. 49Yennaa muummee biyya lafaalle akkasuma hin teeti. Ergantooti Waaqaa dhuttee worra hamoota worra balchoota irraa gargar baattee, 50addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti hin qolaansan» jedhe.
51Yesuus, «Kana mara hubattaneertanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaan deebisanee, «Ee» jedhane. 52Innille isaaniin, «Tanaaf barsiisaan Seeraa ka mootummaa ol-gubba'aatiif leenji'e, abbaa manaa ka meya mana ifii keessaa waan haareyaa fi waan dullattii gad baasu fakkaata» jedhe.
Yesuus Naaziretitti Tuffatame
53Yesuus yennaa mammaassa kana fixate, addee san lakkisee deeme.
54Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, «Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaasi kunille maan?» jedhane. 55Kun ilma namicha muka bocuutii motii? Haati isaa Maariyaam jedhantii motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihuda'aa motii? 56Obboleettoti isaalle martinuu nu woliin jiranii motii? Inni waan kana mara eessaa dhaggate? 57Tanaaf isaan isa tuffatane. Yesuus ammoo isaaniin, «Raagaan tokko addee dhibi'itti malee, biyya ifiitii fi mana ifii keessatti ulfinna hin dhaggattu» jedhe. 58Sababa dhugeeffatiisa dhaba isaaniitiif, inni bilbaasota hedduu achitti hin hunye.

¿Sabías que…?
Parábolas del Reino de los Cielos
- El día que describe este capítulo, Jesús salió de la casa y se sentó junto al mar. La multitud creció tanto que subió a una barca y enseñó desde allí, mientras la gente permanecía de pie en la orilla, y no les habló nada sino en parábolas. Una cronología fecha estas parábolas junto al mar en el año 28 d.C.Fuentes: el propio texto bíblico · Seaside Parables and Miracle
- Cuando los discípulos preguntaron por qué hablaba al pueblo en parábolas, Jesús respondió que el conocimiento de los misterios del reino de los cielos se les había dado a ellos, pero no a las multitudes. Dijo que la profecía de Isaías se cumplía en las multitudes: seguirían oyendo y viendo, pero jamás entenderían ni percibirían, porque su corazón se había endurecido. El Easton’s Bible Dictionary (1897) describe a Isaías como hijo de Amoz, que profetizó durante los reinados de Uzías, Jotam, Acaz y Ezequías.Fuentes: el propio texto bíblico · Isaiah
- Más tarde, Jesús llegó a su ciudad natal, enseñó en la sinagoga, y la gente se ofendió por causa de él. Preguntaron si era el hijo del carpintero, nombraron a su madre María y a sus hermanos Jacobo, José, Simón y Judas, y señalaron que sus hermanas vivían entre ellos; a causa de la incredulidad de ellos, no hizo muchos milagros allí. María es identificada como esposa de José y madre de Jesús, Simón como uno de los hermanos del Señor, y una cronología fecha este segundo rechazo en Nazaret en el año 29 d.C.Fuentes: el propio texto bíblico · Mary (Mother of Jesus) · Simon · 2nd Rejection at Nazareth
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Nazareth · 32.702, 35.298 · versículo 54
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org