Nations Bible

Mateo 12

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa

1Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane. 2Worri Fariisaayotaa yennaa tana dhagge, «Ilaa, barattooti teeti Guyyaa Sanbataatiin waan seerri hin eeyyanne godhiisatti jirti» Yesuusiin jedhane. 3Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee? 4Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate. 5Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbataatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin laakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee? 6Ani isinitti hima, ka Galma Waaqaa caalu as jira. 7Isin ammoo, ‹Ani marartii barbaada malee, ciinca'aa moti› jechuun maan akka te'e adoo beettanee jiraattanee, worra yakkaa hin qannetti yakkaa itti hin murtanuuyyu. 8Ilmi Namaa Sanbata irralle'etti Gootta'a» isaaniin jedhe.

Namicha Harka Laashoweeru Tokko

9Yesuus addee san lakkisee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seene; 10namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?» jettee isa gaafatte. 11Yesuus deebisee, «Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu? 12Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma» jedhe. 13Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, «Harka keeti diriirsi» jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te'e. 14Fariisaayoti ammoo gad bayanee, attamiin akka isa ijjeesanu mala isatti dhowane.

Tajaajilaa Waaqi Filate

15Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee, 16marroo isaa eennulle'etti akka hin dubbanne isaan ajaje. 17Kunille ka raagicha Isaayaasiin raagame akka muummowuuf te'e.

18Wonni raagamelle, «Kunoo, tajaajilaan kiyya, ka ani filadhe,

jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddoo itti gammadde.

Ayyaana kiyya isa gubbaa hin keya,

innille worra Yihudoota hin te'iniif muraa dhuga'aa hin lassa.

19Inni hin moromu yookiin hin iyyu,

yookiin eennulle karaa keessatti qoonqoo isaa hin dhage'u.

20Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti

leemmee caddee haanxottelle hin cassu;

yookiin ifa kululu hin dhaanfu.

21Worri Yihudoota hin te'inille addii isatti hin godhatan» jedhe.

Yesuusii Fi Bi'el Zebul

22Achiin duuba namicha ballaa dubbatee hin dandeenne ka ayyaanni hamaan qabeeru tokko gara Yesuusii fidane; Yesuus isa fayyise, maarre namichi dubbatiisaa fi dhaggiisa dande'e. 23Gumiin marti baaseffattee, «Inni Ilma Daawitii te'innaa?» jette.

24Worri Fariisaayotaa ammoo yennaa tana dhage'ane, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaa calla'aan durriisota baasa» jedhane.

25Yesuus yaada isaanii beekee, «Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu. 26Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree? 27Ani hunna Bi'el Zebuliitiin yoo durriisa baase, hordofattooti teessan hunna eennuutiin durriisota baasan? Tanaaf hordofattooti teessanuu isinitti hin muran. 28Ani ammoo Ayyaana Waaqaatiin yoo durriisa baase, mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteerti.

29«Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a. 30Eennulle ka golii tiyya hin te'in na moroma, nami na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa. 31Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu. 32Nami Ilma Namaatiin moromee wo jedhu araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyichaan moromee wo jedhu ammoo, bara kanalle'etti te'ee bara dhufu'uu jirulle'etti araara hin dhaggatu.

Mukaa Fi Midhaan Isaa

33«Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, midhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan. 34Isin ilmaan buuti'ii! Isin hamoolee adoo teetanuu, attamiin waan dansaa dubbatiisa dandeettan? Waan gadhaa guute afaan dubbata. 35Nami dansaan waan dansaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle waan hantuu gadhaa ifii keessaa waan hantuu baasa. 36Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; 37Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti» jedhe.

Barsiisoti Beessisa Gaafatte

38Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, nuuti akka ati beessisa nu dhaggisiittu barbaanna» jedhaneen. 39Yesuus ammoo deebisee, «Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf. 40Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura. 41Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, sababille lallaba Yoonaasiitiin cubbuu irraa deebiteerti; kunoo, ka Yoonaas caalu as jira! 42Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!» jedhe.

Bayee Deebi'iisa Ayyaana Hama'aa

43Yesuus, «Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bayu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a, ammoo hin dhaggatu. 44Achiin duuba, ‹Ani mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. Yennaa deebi'u, manni duwwaa te'ee, haxowamee, qophoweeruun dhagga. 45Achiin duuba Ayyaanni hamaan sun Ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamoota te'ane dhaqee fida; isaanille itti galanee achi le'an; haalli nama sanii ka durii caalaa ka duubarraa kun itti hammaata. Maarre dhaloota hamaa kana irralle'etti akkanuma hin te'a» jedhe.

Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii

46Adoo Yesuus gumi'itti dubbatiisatti jiruu, haadhaa fi obboleeyyan isaa, isa dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbataneeraniiyyu. [ 47Yennaa san nami tokko Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti si dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbatiisatti jiran» jedheen.] 48Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa eennu, obboleeyyan tiyyalle eennu fa'a?» jedheen. 49Achiin duuba gara barattoota ifii harkaan akeekee, «Kunoo ti! Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya! 50Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Señor del sábado y las señales del Reino

  • Cuando los fariseos lo cuestionaron por recoger espigas en sábado, Jesús citó el relato del Antiguo Testamento donde David comió los panes consagrados cuando tuvo hambre. Argumentó que la necesidad humana y hacer el bien tienen prioridad sobre las normas rituales, declarándose Señor del sábado.Fuentes: el propio texto bíblico · David
  • Tras expulsar un demonio de un hombre ciego y mudo, Jesús fue acusado de actuar por medio de Beelzebú, el príncipe de los demonios. Jesús rechazó la acusación, explicando que un reino o casa dividida contra sí misma no puede sostenerse y que expulsar demonios por el Espíritu de Dios demuestra la llegada de su reino.Fuentes: el propio texto bíblico · Satan
  • En respuesta a quienes pedían una señal milagrosa, Jesús señaló al profeta Jonás, comparando los tres días de Jonás en el vientre del pez con su propia muerte y sepultura venideras. Advirtió que los habitantes de Nínive y la Reina del Sur juzgarían a esa generación porque respondieron a Jonás y a Salomón, mientras que alguien mayor estaba ahora presente.Fuentes: el propio texto bíblico · Jonah · Nineveh · Solomon

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Nineveh · 36.359, 43.153 · versículo 41
  • South · Hoy: Sheba · 15.348, 44.206 · versículo 42

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.