Nations Bible

Levítico 25

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Woggaa Torbeesso'oo Ta Fooraa

1Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti Muuse'een, 2«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani isiniif kennu sanitti yennaa galtanu, foora sanbataa ka woggaa torbeesso'oo mara lafa qotiisa lakkisiisaan ana Mootii Waan Maraa ulfeessa'a. 3Woggaa jaa fichaa keessanitti facaafadha'aa, muka woyni'ii keessanille quxadha'aatii, midhaan keessan galfadha'a. 4Woggaan torbeesso'oo ammoo foora sanbataa ka woggaa torbaa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome; fichaa keessanitti hin facaafatina'a; muka woyni'ii keessanille hin quxina'a. 5Midhaan haaga'ee hin haammatina'a. Muka woyni'ii ka hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a. Lattille woggaa fooraa qabaattuu ti. 6Foora sanbataa ka woggaa torbaa keessa wonni latti baachu marti si'iif, garboota teeti ta dhiiraatii fi ta dubarti'iitiif, hojjataa qaxaramee hujuu fi alagaa yenna'aaf isin woliin le'uuf sagalee te'uu ti. 7Horii keetii fi bineensa biyya teeti keessa jiranu maraafille sagalee te'uu ti.

Jila Woggaa Shantameesso'oo

8« ‹Woggaa fooraa torba yennaa torba laakkow; wolumatti woggaa afurtamii sagal hin te'an. 9Achiin duuba ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'oo, guyyaa gumaa cubbu'uu, biyya teessan addee maratti tultullaan afuufamuu ti. 10Woggaa shantameesso'oo woyyoonsa'a; namoota biyya teessan keessa jiru maraaf bilisummaa lassa'a. Woggaan tun jila woggaa shantameesso'oo isiniif teetuu ti. Woggaa tanatti tokko tokkoon keessan gara qabeenna maatii teessaniitii fi gara fira keessanii deebi'a'a. 11Woggaan shantameesso'oo tun jila woggaa shantameesso'oo isiniif teetuu ti; ficha'atti hin facaafatina'a; midhaan ifiin late yookiin woynii hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a. 12Woggaan shantameesso'oo jila woggaa shantameesso'oo waan teeteef, ta woyyoonte isiniif teetuu ti; waan fichaa keessatti ifiin late callaa nyaadha'a.

13« ‹Woggaa shantameesso'oo tana keessa nami martinuu gara qabeenna ifii deebi'uu ti. 14Isin lafa yoo wolitti gurgurtane yookiin yoo wol irraa bitattane wol hin dagina'a. 15Isin akka bacinna laakkossa woggoota jila woggaa shantameesso'ootiif hatteetitti shallaga'aatii nama biyya teessanii irraa bitadha'a. Innille akka laakkossa woggoota midhaan irraa galfatiisa dande'anuutitti shallagee gurguruu ti. 16Wonni inni isinitti gurguru laakkossa woggaa isin midhaan irraa galfattanuun waan te'eef, yoo woggaan hedduu teete, gatii itti dabala'a; yoo woggaan diqqoo teete gatii irraa cassa'a. 17Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te'eef, ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, wol hin dagina'a.

18« ‹Lafa irra nageyaan akka leetanu, seerata kiyya eegadha'a; seera kiyyaaf ajajamiisaafille ifi eegadha'a. 19Achiin duuba latti midhaan hin kenniti; isinille nyaattanee quuttanee, nageyaan hin leetan.

20« ‹Isin: yoo hin facaafatin yookiin midhaan yoo hin galfatin woggaa torbeesso'oo keessa maan nyaanna jettanee gaafattan fa'a te'a. 21Woggaa jayeesso'ootitti latti midhaan woggaa sadiif gewu akka isiniif kennitu ani eebba kiyya isiniif hin erga. 22Woggaa saddeetesso'ootitti midhaan yennaa facaafattanu, midhaan galisoo san nyaattan; haga midhaan woggaa sagaleesso'oo galfattanulle'etti midhaanuma san nyaatan.

Seera Lafa Wodiisaa

23« ‹Latti tiyya waan teeteef, isin ammoo alagaa yenna'aaf lafa tiyya irra jirtanu waan teetaneef, latti gurgurantee achumaan hin hafin.

24« ‹Lafa ifiif qabattane mara keessatti mirgi lafa deebisanee wodatanu jiraatuu ti. 25Isin worra Israa'elii keessaa nami tokko hiyyoommatee, lafa ifii yoo gurgure, nami fira aantii isaa deebisee isaaf wodatuu ti. 26Nami sun fira aanti'ii ka lafa san isaaf wodu yoo hin qabaatin, inninuu deebisee wodatiisaaf karra yoo dhaggate ammoo, 27lafa san haga itti gurgureen jalqabee, woggoota dabarane laakkowee, waan irraa hafe namichaaf deebisuu ti. 28Deebisee wodatiisaaf harki isaa yoo hanqate ammoo, haga jila woggaa shantameesso'ootitti, latti sun abbuma bitate san harka turtuu ti; woggaa shantameesso'ootitti abbaa qara gurgureef deebituu ti; namichi keessaa bayee gara lafa ifii deebi'uu ti.

29« ‹Nami tokko qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu keessa jiru keessatti mana ifii yoo gurgure, gurgureen duuba woggaa tokko keessatti wodatiisaaf mirga qaba. 30Manni sun woggaa tokko keessatti yoo hin wodamin, manni qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu san keessaa sun, namicha bitatee fi sanyii isaatiif te'uu ti; manni sun woggaa shantameesso'ootitti hin wodamin. 31Manooti ollaa dalleya dhaka'aa hin qanne keessa jiranu ammoo akka mana diida keessa jiruutitti laakkowamanee, wodamanee, woggaa shantameesso'oo keessa deebifamanuu ti. 32Te'uu malee, worri Lewwootaa manoota qachaa isaanii keessa jiranu yennaa mara wodatiisaaf mirga qaban. 33Manooti qachoota Lewwootaa keessa jiranu, odduu Israa'elootaatitti qabeenna Lewwootaa waan te'aneef, worri Lewwootaa mana qachoota ifii keessaa gurguranee yoo wodatiisa dhabane, woggaa shantameesso'ootitti manni sun Lewwootaaf deebi'uu ti. 34Addeen horii itti bobbaafatanu ta adaala qachaa isaanii jirtu ammoo qabeenna isaanii ka bara baraa waan teeteef, hin gurguramin.

Liqaa Hiyyeessaaf Kennuu

35« ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee ifi qarqaariisa yoo dadhabe, akka inni odduu teessan le'iisa dande'u, akkuma nama alaga'aatii fi nama yenna'aaf odduu teessan jiru qarqaartanu isa qarqaara'a. 36Isin ammoo ana Mootii Waan Maraa keessan sodaadha'a; akka inni odduu teessan le'uuf, waan tokkolle dhalaan isa irraa hin fudhatina'a. 37Beesee teeti dhalaan isaaf hin liqeessin; sagalee isatti gurgurtu irraa bu'aa hin barbaadin. 38Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka lafa kana'aanii isiniif kenniisaaf, Waaqa keessanille isiniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isin baase.

Garboolee Woduu

39« ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee isinitti ifi yoo gurgure, akka garbaatitti isa hin hujisiisin. 40Isin biratti inni akka nama qaxaramee hujuu yookiin akka nama yenna'aaf odduu teessan jiruutitti laakkowamuu ti; inni haga woggaa shantameesso'ootitti isinii hujuu ti. 41Achiin duuba innii fi ijoolleen isaa bilisa bayanee fira ifii, gara qabeenna abbootii ifii ta duriititti deebi'uu ti. 42Israa'elooti tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase waan te'aneef, akka garbaa hin gurguramin. 43Isin ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, gadhi-jabeennaan isaan hin bulchina'a. 44Garboota teessan ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii gosa biyya adda addaa ta adaala keessan jiranu keessaa bitatuu hin dandeettan. 45Akkasuma worra yenna'aaf odduu teessan le'uu fi worra fira isaanii ka biyya teessan keessatti dhalate bitatiisa hin dandeettan; isaan qabeenna keessan hin te'an. 46Akka qabeenna keessanii ijoolleen teessan isaan dhaaltuu ti; bara jiruu isaanii mara garboota isaan godhatuu dandeettan. Te'uu malee Israa'eloota obboleeyyan teessan gadhi-jabeennaan hin bulchina'a.

47« ‹Nami alagaan yookiin nami yenna'aaf odduu teessan le'u tokko yoo duroome, nami biyya teessanii tokko hiyyoommatee nama alaga'aa ka odduu teessan le'utti yookiin nama fira alaga'aa sanitti yoo ifi gurgure, 48inni ifi gurgureen duuba mirga wodamiisaa hin qaba. Nami obboleessa isaa, 49wosiilli isaa yookiin ilmi wosiila isaa yookiin sanyii worra isaa keessaa nami tokko isa wodiisa hin dande'a yookiin inninuu yoo karra dhaggate ifi wodatiisa hin dande'a. 50Inni woggaa ifi itti gurgureen jalqabee haga woggaa shantameesso'ootitti nama isa bitate san woliin yennaa isaa laakkowanuu ti; gatiin inni ittiin lakkifamu akka laakkossa woggoota saniititti, akka nama qaxaramee huju tokkoof kaffalamutti shallagama. 51Woggaan hedduun hattee yoo jiraatte, gatii inni ittiin ifi gurgure keessaa, gatiin laakkossa woggaa hatte sanii shallagantee, gatii wodoo ifii isaaf kaffaluu ti. 52Haga jila woggaa shantameesso'ootitti woggaan diqqoon callaan yoo hattee jiraatte, haga woggaa hatte saniititti gatii isaaf kaffaluu ti. 53Inni akka nama wogga'aa gara wogga'aatitti qaxaramee le'uu ti; namichi isa bitate sun isin duratti gadhi-jabeennaan isa hin bulchin. 54Akka kanaan yoo wodamiisa dhabe, innii fi ijoolleen isaa jila woggaa shantameesso'ootitti gad lakkifamanuu ti. 55Isin kolbaan Israa'elii tajaajiltoota tiyya; isin tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan› jedhiin» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El Año Sabático y el Año del Jubileo

  • La ley dada en el monte Sinaí estableció un ciclo agrícola de siete años en el que la tierra descansaba cada séptimo año, seguido por un quincuagésimo Año del Jubileo tras siete ciclos de siete años. Comenzando en el Día de la Expiación con el toque de una trompeta, el Jubileo proclamaba libertad, daba descanso a la tierra y devolvía las tierras ancestrales a sus familias originales.Fuentes: el propio texto bíblico · Mount Sinai
  • La tierra no podía venderse a perpetuidad porque los israelitas eran considerados forasteros y residentes en una tierra que pertenecía a Dios. En consecuencia, las transacciones inmobiliarias funcionaban como arrendamientos, con precios calculados según el número de cosechas restantes hasta el siguiente Jubileo.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo incluye protecciones para los israelitas empobrecidos, prohibiendo el cobro de intereses en préstamos y la servidumbre perpetua de compatriotas. Puesto que Dios los había librado de Egipto, cualquier israelita obligado por deudas a servir debía ser tratado como jornalero y liberado en el Jubileo.Fuentes: el propio texto bíblico · Egypt

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 38
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 38, 42, 55

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.