Nations Bible

Levítico 24

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Issaa

1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ifi yennaa mara akka ifu, Israa'elooti zayitii qulluu muka ejersaa irraa cunfantee dhimbiibante akka sii fiddu ajaji! 3Aaron Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti, gollaa dhugaa bayaatiin alatti, galgalaa haga ganamaatitti, ifa yennaa mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti; kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. 4Aaron waan issaa irra keyanu ta worqii qulluu irraa hujante san irratti, ifi sun akka hin dhaanne ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti.

Daabboo Waaqaaf Dhikaattu

5«Bullaa dansaa fuudhiitii xaltaa daabbo'oo kudhanii lama, tokko tokkoon isaa kiiloogiraama lama lama ka te'e bilcheessi. 6Xaltaa daabbo'oo san xarapheessaa worqii qulluu irraa hujame irratti tarree lamaan, jaan jaaniin fuula kiyya dura wol irra naqi. 7Xaltaa daabbo'oo san woliin qooda yaadannoo kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu akka te'u, hixaana qulluu tarree lamaan san irra kaayi. 8Aaron bakka kolbaa Israa'elii bu'ee daabboo tana, Sanbata mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti. Tun Gondooroo bara baraa teetuu ti. 9Daabboon tun qooda Aaroniitii fi qooda ilmaan isaa ti; kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatanuu ti. Kun seerata haga bara baraa ti» jedhe.

Yakka'aa Fi Adabbii

10Nami haati isaa dubartii Israa'elii teete, ka abbaan isaa nama Gibxi'ii te'e tokko odduu Israa'elootaatitti gad bayee, Israa'elicha tokko woliin wol lolane. 11Ilmi dubartii Israa'elii sun maqaa Waaqaa abaaree waan faanshesseef, gara Muuse'ee isa fidane; haati isaa intala Dibrii nama gosa Daanii ti; maqaan isi'ii «Shelomiit» jedhama. 12Fedhi Mootii Waan Maraa haga isaanitti mudhatutti, isaan mana hidha'aatitti isa galchane.

13Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 14«Nama maqaa Waaqaa abaaree faanshesse san addee quttumaatiin alatti baasi. Worri faanshessiisa isaa dhage'e marti akka inni yakkaa huje dhugaa bayiisaaf harka ifii mataa isaa irra keyanuu ti; achiin duuba wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti. 15Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami maqaa Waaqa ifii abaaru marti cubbuu waan hujeef, itti hin gaafatama. 16Nami maqaa Mootii Waan Maraa faanshessu ijjeefamuu ti! Kolbaan wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti; alagaalle te'u yookiin dhalataa biyyaalle te'u nami maqaa Waaqaa faanshessu ijjeefamuu ti.

17« ‹Nami nama yoo ijjeese ijjeefamuu ti. 18Nami horii namaa ijjeese abbaa saniif horuma gosa sanii bakka buusuu ti. 19Nami tokko nama yoo miidhe, wonni inni nama irratti godhe sun isa irralle'etti godhamuu ti. 20Yoo inni lafee namaa casse, lafeen isaalle cadduu ti; yoo inni ila namaa balleesse, ilti isaalle badduu ti; yoo inni ilkaan nama casse, ilkaan isaalle cabuu ti. Akkuma nama dhibii miidhe, innille miidhamuu ti. 21Nami horii ijjeese, horii ijjeese san bakka buusuu ti; nami nama ijjeese ammoo ijjeefamuu ti. 22Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama alaga'aa fi nama dhalataa biyyaa te'eefille seeruma tokko qabaadha'a› jedhi» jedhe.

23Achiin duuba Muuseen waan kana mara kolbaa Israa'eliititti hime; isaan namicha san addee quttumaatiin alatti baasanee dhaka'aan tumanee ijjeesane. Akka kanaan kolbaan Israa'elii waan Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje mara goote.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Las Lámparas del Tabernáculo, el Pan y la Igualdad ante la Ley

  • A Aarón se le ordenó cuidar del candelabro de oro puro fuera del velo del Testimonio desde la tarde hasta la mañana, usando aceite puro de olivas prensadas traído por los israelitas. Junto al candelabro había una mesa de oro puro con doce panes dispuestos en dos hileras con incienso puro, renovados cada día de reposo y consumidos exclusivamente por Aarón y sus hijos en un lugar sagrado.Fuentes: el propio texto bíblico · Aaron
  • Una disputa en el campamento involucró a un hombre cuya madre, Selomit hija de Dibri, pertenecía a la tribu de Dan, mientras que su padre era egipcio. Cuando el hombre blasfemó el Nombre durante una pelea, fue puesto bajo custodia hasta que Moisés recibiera instrucciones divinas sobre cómo proceder.Fuentes: el propio texto bíblico · Shelomith · Dibri · Dan
  • La ordenanza dada en este pasaje estableció que la misma norma jurídica se aplicaba tanto al extranjero como al natural del país. También reiteró el principio de justicia proporcional, resumido como fractura por fractura, ojo por ojo y diente por diente.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.