Nations Bible

Josué 6

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Jinnana Qachaa Yeriko'oo

1Sodaa Israa'elootaatiif, balbalti seensuma karra qachaa Yeriko'oo cufantee eegamaa turte. Nami tokkolle seenuu yookiin bayuu hin dandeenne. 2Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ilaa, ani qachaa Yeriko'oo, mootii isaatii fi loltoota isaa woliin harka keetitti dabarsee kenneera. 3Atii fi loltooti teeti haga guyyaa jaa, guyyaa keessatti yennaa tokko qachaa Yeriko'oo gogeessaan mara'a. 4Hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabattee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deentuu ti. Guyyaa torbeesso'ootitti hayyooti tultullaa afuuttuun, atii fi loltooti teeti qachaa san yennaa torba cinaa mara'a. 5Isaan qoonqoo tultulla'aa adoo wol irraa hin kutin, tultullaa yennaa afuufanuun dhageettane, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee iyyituu ti. Achiin duuba dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa hin jiga; kolbaan sun nami tokkoon tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenuu ti» jedhe.

6Iyaasuun ilmi Nunii hayyoota waamee, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii, isin hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabadha'aatii Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deema'a» jedhe. 7Inni kolba'aan, «Deema'aatii, qachaa gogeessaan marsa'a; worri meya lolaa hidhate Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deemuu ti» jedhe.

8Iyaasuun kolba'atti dubbateen duuba, hayyooti torba worri Mootii Waan Maraatiin dura tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabatee deemu, tultullaa san afuufaa dura deemane; Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraalle isaan gula deeme. 9Worri meya woraanaa hidhateerulle, hayyoota tultullaa afuufanuun dura deeme; worri kuun ammoo, hayyooti adoo wol irraa hin kutin tultullaa afuuttuun, Saanduqa Gondooro'ootiin duuba deeme. 10Iyaasuun ammoo, «Haga ani, ‹Iyya'a› jedhee isinitti himutti hin iyyina'a; qoonqoon teessan hin dhage'amin, dubbiin takkaalle afaan keessan keessaa hin bayin» jedhee jara ajaje. 11Maarre Iyaasuun Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa yennaa tokko qachaa akka maru godhe. Achiin duuba isaan addee quttumaatitti deebi'anee achi bulane.

12Iyaasuun barii halkan ka'e; hayyootille Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atte. 13Hayyooti torba worri tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabateeru, adoo woli irraa hin kutin tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura deemane. Worri meya woraanaa hidhateeru isaaniin dura deeme; worri kuun ammoo Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin duuba deemane. 14Guyyaa lammeesso'oo yennaa tokko gogeessaan qachaa maranee, addee quttumaatitti deebi'ane; haga guyyaa jaa akkasuma godhane.

15Guyyaa torbeesso'ootitti barii yennaa boruun dayya'u ka'anee, akkuma qaraa yennaa torba qachaa marane; guyyaan isaan yennaa torba gogeessaan qachaa cinaa marane gaafa kana qofa. 16Martoo torbeesso'ootitti yennaa hayyooti tultullaa afuuttu, Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa qachaa kana waan isiniif kenneef iyya'a! 17Qacha'aa fi wonni qachaa keessa jiru marti akka woreegamanuuf, Mootii Waan Maraatiif murteeffamaneeran; Rahaabiin sagaagaltittiin dootuu nuuti erganne waan dhossiteef, isi'ii fi worri isii woliin mana isi'ii keessa jiru callaan hafanuu ti. 18Isin ammoo quttuma Israa'elootaatitti rakko'oo fi badii akka hin finne waan ijjumaa balleeffamuu qabu fudhatiisa irraa ifi eeggadha'a. 19Meeti'ii fi worqiin, mey sageettu'uu fi sibiila irraa hujame marti Mootii Waan Maraatiif ka woyyoomane waan te'aneef addee karra Mootii Waan Maraatitti maffamuu qaban» jedhe.

20Maarre hayyooti tultullaa afuutte. Kolbaan akkuma tultullaa dhageetteen, qoonqoo guddo'oon iyyite; dalleenni qacha'aalle jige. Achiin duuba kolbaan sun nami tokko tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenee qabate. 21Isaan waan qachaa san keessa jiru duudii dhiiraa fi dubartii, dargaggootaa fi jaarsolee, loon, hoole'ee fi harree shallaaga'aan ijjeesiisaan Mootii Waan Maraatiif murteessane.

22Iyaasuun achiin duuba dootuu lamaaniin, «Gara mana namittii sagaagaltuu sanii dhaqa'aatii, akkuma isi'iif kakattanetti isi'ii fi worra isii woliin mana isi'ii keessa jiru baasa'a» jedhe. 23Maarre isaan deemanee abbaa isi'ii, haadha isi'ii, obboleeyyan isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara baasane; maatii isi'iille mara fidanee quttuma Israa'elootaatiin ala qubachiisane. 24Achiin duuba isaan meetii, worqii, meya sageettu'uu fi sibiila irraa hujame addee karra Mootii Waan Maraa keyanee, qacha'aa fi waan isa keessa jiru mara ammoo ibiddaan gubane. 25Iyaasuun ammoo Rahaabiin sagaagaltittiin ergantoota qachaa Yeriko'oo dooyiisaaf ergamane san dhossitee waan baatteef, isii, maatii isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara du'a irraa hambure. Sanyiin isi'ii haga adhaa biyya Israa'elii keessa jirti.

26Yennaa san Iyaasuun,

«Nami qachaa Yeriko'oo deebisee ijaariisaaf ka'u

Mootii Waan Maraa duratti

ka abaarame hin te'a.

Nami hundee isaa buusu

ilma angaficha ifii hin dhaba;

nami karra dalleyaa dhaabu

ilma maandhicha ifii hin dhaba»

jedhee jabeessee isaan kakachiise.

27Maarre Mootiin Waan Maraa Iyaasuu woliin jiraayyu; gurri isaalle lafa san duudii keessatti dhage'ame.

¿Sabías que…?

La caída de Jericó

  • Situada a unos ocho kilómetros al oeste del río Jordán en medio de un palmeral, Jericó era la ciudad más destacada del valle del Jordán y una fortaleza clave en la tierra de Canaán.Fuentes: Jericho · el propio texto bíblico
  • Josué ordenó salvar a Rahab y a toda su familia por haber escondido a los dos espías enviados a inspeccionar la ciudad, tras lo cual se establecieron a vivir entre los israelitas.Fuentes: Rahab · el propio texto bíblico
  • La marcha alrededor de Jericó siguió un orden singular: hombres armados y siete sacerdotes que tocaban trompetas de cuerno de carnero delante del arca del pacto rodearon la ciudad una vez al día durante seis días y siete veces en el séptimo día.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jericho · Hoy: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículos 1, 2, 17, 20, 25, 26

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.