Josué 5
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Moototi Amoorotaa worri laga Yordaanosiitiin gama gara aduun seentuu jiru duudi'ii fi moototi Kana'aanotaa worri irga abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu duudiin, haga kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii buutu akka Mootiin Waan Maraa laga gosse yennaa dhage'ane, sodaatanee akka gaga'aa baqane; isaan sababa Israa'elootaatiif jajjabeenna dhabane.
Israa'elooti Giilgalitti Haqanqabaa Qabatane
2Yennaa san Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Dhakaa qara qabu qopheeffadhuutii ammalle ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabi» jedhe. 3Maarre Iyaasuun dhakaa qara qabu qopheeffatee, Gibi'aat-Haaraalotitti ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabe. 4Wonni Iyaasuun isaan haqanqabaa qabeef kana: namooti biyya Gibxi'iitii bayane marti, dhiirti worri woggaan isaanii duulaaf geye duudiin, biyya Gibxi'iitii bayanee adoo goomolee keessa deemanuu du'ane. 5Namooti biyya Gibxi'ii keessaa bayane duudiin haqanqabaa qabataneeraniiyyu; biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba worri goomolee keessatti dhalate duudiin ammoo, haqanqabaa hin qabanne. 6Israa'elooti Gibxi'ii yennaa bayane worri woggaan isaanii duulaaf geette duudiin jecha Mootii Waan Maraatiif waan ajajamuu dhabaneef, haga isaan dhumatanutti kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa deemaa turte. Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta sanyii isaaniitiif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale san, akka isaan hin dhaggine kakate. 7Iyaasuun ijoollee Mootiin Waan Maraa addee abbootii isaaniititti kaase haqanqabaa qabe; isaan karaa irratti haqanqabaa waan hin qabatiniif, haqanqabaa qabatanee hin jiranu.
8Kolbaan duudiin haqanqabaa qabatteen duuba, haga madaan isaanii fayyitu addee quttumaatitti turane. 9Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ani adha salphinna keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin irraa konkolaachise» jedhe. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Giilgal» jedhame.
10Israa'elooti Giilgalitti qubatanee adoo jiranuu, ji'a keessaa guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala diida Yeriko'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane. 11Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin duuba midhaan lafa sanii, daabboo uukoo hin qannee fi akumm'ee nyaatane. 12Guyyaa isaan midhaan lafa sanii nyaataneen jalqabee, mannaan bu'iisa lakkise; Israa'elooti woggaa san keessa midhaan latti Kana'aanii baattu nyaatane malee, eega san deebi'anee mannaa hin dhagganne.
Mudhii Iyaasu'uu
13Iyaasuun qachaa Yeriko'ootitti yennaa dhikaate, nama shallaagaa buqqifatee dhaabbateeru tokko ifiin duratti dhaggee, gara isaa dhaqee, «Ati gara keenna moo gara diina keennaa ti?» jedhee gaafate.
14Namichille deebisee, «Ani gara keessan yookiin gara diinaatille'e moti; ammoo ajajaa loltoota Mootii Waan Maraa te'ee dhufeera» jedhe.
Iyaasuulle lafatti jigee sagadeefii, «Goottaa kiyya, maan akka ani godhu barbaadda?» jedhee deebise.
15Ajajaan loltoota Mootii Waan Maraa deebisee Iyaasu'uun, «Addeen ati dhaabbatteertu tun woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedhe. Iyaasuulle akkasuma godhe.

¿Sabías que…?
Renovación de la Alianza y el Comandante del Ejército del Señor
- Durante los cuarenta años de peregrinación por el desierto, la generación de israelitas nacida en el camino no había sido circuncidada. Tras cruzar el Jordán, Josué realizó el rito en Gabaat-ha-aralot, cerca de Gilgal, utilizando cuchillos de pedernal, marcando la renovación del pacto y la eliminación del oprobio de Egipto.Fuentes: el propio texto bíblico · Gilgal · Gibeath-haaraloth
- Los israelitas celebraron la Pascua en las llanuras de Jericó el día catorce del mes. Al día siguiente de comer grano tostado y panes sin levadura del fruto de la tierra de Canaán, el maná milagroso cesó de caer.Fuentes: el propio texto bíblico · Jericho · Canaan
- Cerca de Jericó, Josué encontró a un hombre con una espada desenvainada que se identificó como el comandante del ejército del Señor en lugar de tomar partido. Josué se postró rostro en tierra con reverencia y se le ordenó quitarse las sandalias, pues el lugar en que estaba era santo.Fuentes: el propio texto bíblico · Joshua · Jericho
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Great Sea · Hoy: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 1
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 1
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 4, 5, 6, 9
- Jericho · Hoy: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículos 10, 13
- Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 12
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org