Joel 3
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mootiin Waan Maraa Gosa Biyya Adda Addaatitti Hin Mura
1Mootiin Waan Maraa,
«Bara sanii fi yennaa sanitti,
boojuu Yihuda'aatii fi Yerusaalemii
yennaa deebisu,
2gosa biyya adda addaa mara wolitti qabee,
dhooqa Yoshaafaaxiititti hin geessa;
sababa isaan kolbaa tiyya Israa'el
biyya ormaatitti bittinneessanee,
lafa tiyya qoqoodataneef,
achitti isaanitti mura.
3Kolbaa tiyya ta booji'ante qoodamiisaaf,
hixaa buufataneeran;
ilmaan dhiiraa
dubartii woliin sagaagalaneef gatii kennanee,
ijoollee durraa daadhii woyni'iititti gurguratanee
ittiin unane.
4«Isin worri Xiiroosii fi Sidoonii, adaala Filisxeemotaa keessa worri jirtanu maraayyuu, maan ana irraa qaddan? Ana haluu bayiisaaf teetanii? Yoo akkas teetanu te'e, ani hujii teessan ariifadhee mataa keessanitti hin deebisa. 5Meeti'ii fi worqii tiyya, akkasuma meya kiyya ka gatii guddoo qabu fudhattanee galma keessan keessa keyattaneertan. 6Namoota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii biyyaa isaanii irraa fageessiisaaf, worra Giriikootaatitti gurgurtaneertan. 7Amma ani addee isin isaan itti gurgurtane san lakkisanee akka ka'anu isaan hin godha. Waan isin isaan gootane, anille isin hin godha. 8Ani ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa namoota Yihuda'aatitti akka gurguramanu hin godha; isaanille dabarsanee namoota Saaba'aa, ka biyya fago'ootitti isaan hin gurguratan.
9«Lassii tana gosa biyya adda addaatitti lassa'a;
lolaaf qophowa'a;
loltoota kakkaasa'a;
loltooti teessan martinuu as dhikaatanee lolanuu ti.
10Qottoo teessan shallaagaa,
haantuu teessan eboo tunsiifadha'a;
nami dadhabaalle, ‹Ani jaba'a› jedhuu ti.
11Isin gosi biyya adda addaa duudiin,
dafa'aa baya'aatii,
dhooqatti wolitti dacha'a'a!» jedha.
Ee Mootii Waan Maraa loltoota teeti gad ergi.
12Gosi biyya adda addaa martinuu ka'anee,
gara dhooqa Yoshaafaaxii dhaqanuu ti;
ani Mootiin Waan Maraa,
gosa biyya adda addaa ta adaala saniititti muriisaaf,
achi hin tee'a.
13Hammeenni isaanii guddoo bacateera;
akka midhaan geye haantu'uun haamanu isaan haama'a;
akka unkuruura woyni'ii addee itti cunfanutti guutanee dhiitanu dhiita'a!
14Guyyaan Mootiin Waan Maraa dhooqa mura'aa keessatti muru dhikaateera;
tanaaf gumiin bindillaan dhooqa mura'aa keessatti wolitti qabanteerti.
15Adu'uu fi ji'i hin dukkanowan;
urjootille ifa hin kennanu.
16Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessaa akka neenqaa dhangaa dhowa;
Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a;
gubba'aa fi latti hin raafaman;
Mootiin Waan Maraa ammoo kolbaa ifii Israa'eliif,
addee itti baqatanu kushee hin te'a;
Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eebbisa
17Tanaaf kolbaa isaatiin, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan,
Waaqa keessan akka te'e hin beettan;
Gaara woyyicha kiyya Xiyoon irra hin le'a;
Yerusaalemille qachaa woyyicha hin teeti;
ormi deebi'ee ijjumaa isii hin qabatu.
18«Guyyaa sanitti gaarri duudiin muka woyni'ii hin uffata;
kooba irratti loon aanan mirganu hin dhaggaman;
lagi Yihudaa keessa jiru duudiin bisaaniin guutama;
Galma Waaqaa keessaa bisaan hin burqa;
dhooqa muka gololchaa hin obaasa.
19«Sababa namooti Gibxi'iitii fi namooti Edoomii Yihudaa irratti hammeennaan ka'anee,
biyya isaanii keessatti
dhiiga nama balleessaa hin qannee dhangalaasaneef,
biyyi Gibxi'ii goomolee hin teeti;
Edoomille goomolee ona hin teeti.
20Ammoo biyya Yihuda'aa keessa kolbaan haga bara baraa hin leeti; Yerusaalem keessalle dhalootaa haga dhalootaatitti hin leeti;
21Haluu dur namoota Yihuda'aatii fi namoota Yerusaalemiitiif hin baasin ture,
amma hin baasaaf.
Ani Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irra hin le'a» jedheera.

¿Sabías que…?
El juicio en el Valle de Josafat
- El Valle de Josafat se presenta como el lugar de reunión donde las naciones serán juzgadas por dispersar al pueblo de Dios y repartir Su tierra. El nombre se relaciona con Josafat, un rey de Judá que fortificó su reino y buscó eliminar la idolatría de la tierra.Fuentes: Valley of Jehoshaphat · Jehoshaphat · el propio texto bíblico
- El capítulo denuncia a las antiguas ciudades costeras fenicias de Tiro y Sidón, junto con Filistea, por llevarse plata y oro a sus templos y vender cautivos de Judá y Jerusalén a los griegos. La profecía declara que ese trato recaerá sobre sus propias cabezas.Fuentes: Tyre · Sidon · el propio texto bíblico
- Joel convoca a las naciones a prepararse para el conflicto forjando sus rejas de arado en espadas y sus hoces en lanzas. Son llamadas a congregarse en el valle de la decisión, donde se dictará el juicio divino.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 6, 16, 17, 20
- Valley of Jehoshaphat · 31.780, 35.240 · versículos 2, 12
- Philistia · 31.664, 34.546 · versículo 4
- Sidon · Hoy: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículo 4
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículo 4
- Sheba · 15.348, 44.206 · versículo 8
- Valley of Decision · Hoy: Valley of Jehoshaphat · 31.780, 35.240 · versículo 14
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 16, 17, 21
- Edom · 30.746, 35.604 · versículo 19
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 19
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org