Joel 2
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Guyyaa Mootii Waan Maraa
1Xiyoonitti tultullaa afuufa'a!
Gaara Xiyoonii woyyicha irratti
qoonqoo dammassitu dhageessisa'a!
Guyyaan Mootii Waan Maraa ariifatee waan dhufaaruuf,
worri lafa san le'u marti hollatuu ti!
2Guyyaan sun guyyaa dukkanaatii fi dimimmisaa,
guyyaa duumensaatii fi dukkana duuddu'uu ti;
akka boruun dayya'ee gaara irra babadhatu,
awwaannisi baca'aa fi hunnaamessi lafa guuta.
Wonni waan kana fakkaatu tanaan dura hin teene,
haganaa achille ijjumaa hin teetu.
3Dura isaaniitiin ibiddi gubaa deema;
duuba isaaniille'een bobe'i gubaa deema;
latti isaan bira hin geyin,
oorruu Edenii fakkaatti;
latti isaan bira dabarane ammoo,
goomolee duwwaa fakkaatti;
wonni isaan jalaa miliqu tokkolle hin jiru.
4Isaan farda fakkaatan;
akka farda lolaa gulufan.
5Akka garreettaa fardaa hididdisaa,
gaarota gubbaa utaalan;
akka ibidda huura gubuu,
waan mara guban;
akka loltoota jajjaboo lolaaf qophowanee,
gogeessaan yaa'an.
6Yennaa isaan dhaggite, kolbaan hin bararaxxi;
fuulli namaa soda'aan shankallowa.
7Akka duultotaa lolan;
akka loltootaa dalleya yaabanee dabaran;
tarre'een gara duraa yaa'an;
gara ifii yaa'anu irraa hin goranu.
8Tokko tokkoon isaanii,
tarre'een gara duraa yaa'an;
woraanaa fi guubee diinaa caccassanee dabaran;
wonni isaan dhooggu hin jiru.
9Gara qacha'aa timan;
dalleya qacha'aa irra fiigan;
utaalaa mana yaaban;
akka hattu'uu fodda'aan seenan.
10Latti isaan duratti hin tachooti;
gubbaalle hin raafanti.
Adu'uu fi jiin dukkanowan;
urjootille ifiisa hin lakkisan.
11Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu
loltoota ifii irratti dhageessisa;
loltooti isaa attam attam heddu'u!
Worri isaaf ajajamu bandalla'a;
dhugumaan guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'a;
guddoo sodaachisaa waan te'eef,
guyyaa san eentu dande'ee dhaabbata?
12Mootiin Waan Maraa, «Ammumaayyuu, gadhaa keessan tokkochaan,
laamaan, bowaa fi gaddaan gara kiyya deebi'a'a!» jedha.
13Gadda keessan mudhisiisaaf,
woyaa teessan tarsaasiis hin gewu;
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa,
mufi'iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu,
adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te'eef,
gara isaa deebi'a'a!
14Akka wotoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan
mufii irraa deebi'ee,
eebba ifii isiniif hin kenna fa'a.
Isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif,
kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii hin dhikeessitan.
15Xiyoon keessatti tultullaa afuufa'a!
Laama woyyicha lassa'a!
Yaa'ii woyyittii waama'a!
16Kolbaa wolitti qaba'aatii,
yaa'ii woyyitti'iif qopheessa'a;
jaarsolee waama'a;
ijoolle'ee fi daa'immaan harmaalle wolitti qaba'a;
waajibootinuu kolloo ifii lakkisanuu ti.
17Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu,
seensuma Galma Waaqaatii fi addee ciinca'aa wodhakka'atti bowanuu ti.
Isaan, «Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti marari;
gosi dhibiin, ‹Waaqi keessan meet?› jedhiisaan,
akka nu tuffatanuu fi qaanessanu hin godhin» jedhanuu ti.
Deebii Waaqi Kolbaa Ifiitiif Kenne
18Mootiin Waan Maraa lafa ifiitiif hinaafee,
kolbaa ifiille marare.
19Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif deebisee,
«Kunoo, ani midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa,
haga quuttanutti isiniif hin kenna;
ani haganaa achi,
gosa biyya adda addaa oddu'utti
akka qaanottanu hin godhu.
20Awwaannisa gara kaabaatii isinitti dhufe
isin irraa fageessa;
gara goomole'eetii fi gara lafa urmaa isin irraa hin oofa;
ka dura yaa'u gara abbaayaa baya adu'uu,
ka duuba yaa'u gara abbaayaa seensa adu'uu hin oofa.
Achitti reeffi isaanii shamee hin ajowa.
Dhugumaan ani Mootiin Waan Maraa
waan guddoo isiniif godheera.
21«Ee lafa, hin sodaatin.
ani Waaqi waan guddoo waan sii godheef,
gammadii firinxiix!
22Isinille bineensota hin sodaatina'a;
marri itti bobbaatanu bisilee te'eera.
Mukille midhaan buuseera;
muki Harru'uutii fi muki woyni'ii midhaan bacaa buuseera.
23«Isin kolbaa Xiyoonii!
Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniin
gammada'aatii firinxiixa'a;
inni yenna'aan,
akkuma durii bokkeya dansaa
ka duraatii fi duubaa isiniif kenneera.
24Eeddummeen midhaaniin ta guutante hin teeti;
daadhiin woyni'iitii fi zayitiin ejersaa
addee itti cunfantu guuttee irraan dhangalaati.
25Bara heddu'uuf akka loltoota guddo'oo ka ani isinitti ergee,
midhaan awwaannisi gugurdaan,
korophiis, ilmooleen awwaannisaatii fi
awwaannisi dargaggeeyyiin isin irraa fixane
ani isiniif hin deebisa.
26Nyaattanee hin quuttan;
ka waan baasaa hedduu isinii godhe
ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hin leellifattan;
isin kolbaan tiyya haganaa achi hin qaanottanu.
27Kolbaa tiyya! Ani akka odduu teessan jiru,
Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'ee fi
ana malee Mootiin Waan Maraa dhibiin akka hin jirre hin beettan.
Haganaa achi kolbaan tiyya deebitee hin qaanottu» jedhe.
Guyyaa Mootii Waan Maraa
28Ani Mootiin Waan Maraa, «Kanaan duuba, Ayyaana kiyya
nama mara irratti hin dhangalaasa;
ilmaanii fi ijoolleen durraa teessan raaga hin dubbatan;
jaarsoleelle oojjuu hin oojjatan;
dargaggootille mudhii hin dhaggan.
29Yennaa san,
ani tajaajiltoota tiyya dhiiraa fi dubartii irratti
Ayyaana kiyya hin dhangalaasa.
30«Gubba'aa fi lafa irratti, waan baasaa,
dhiigaa fi ibidda, duumensa aaraalle hin mudhisa.
31Guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'aa fi sodaachisaan
adoo hin dhufiniin dura,
aduun hin dukkanootti; jiin dhiiga hin uffata.
32Worri maqaa Mootii Waan Maraa waamu marti hin fayya;
akkuma ani Mootiin Waan Maraa jedhe,
worri ani waame gaara Xiyoonii irratti,
Yerusaalem keessalle'etti hafee hin fayya» jedhe.

¿Sabías que…?
El Día del Señor y el Llamado al Arrepentimiento
- Joel retrata la devastación catastrófica del enjambre invasor comparando la tierra fértil delante de ellos con el Jardín del Edén, mientras que detrás de ellos solo queda un desierto desolado.Fuentes: el propio texto bíblico · Eden
- Aunque rasgarse la ropa era una expresión externa habitual de dolor y luto en el antiguo Cercano Oriente, el profeta insta a la comunidad a rasgar su corazón y no sus vestidos, enfatizando el arrepentimiento interior genuino.Fuentes: el propio texto bíblico
- El monte Sion, la colina de Jerusalén donde el rey David estableció su ciudadela, sirve tanto de punto donde se toca la trompeta de alarma como del lugar prometido de liberación para el remanente.Fuentes: el propio texto bíblico · Mount Zion · Jerusalem
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 15, 23
- Great Sea · Hoy: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 20
- Salt Sea · Hoy: Dead Sea · 31.500, 35.500 · versículo 20
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 32
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · versículo 32
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org