Nations Bible

Job 38

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Deebii Mootiin Waan Maraa Iyoobiif Deebise

1Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,

2«Dubbii beekkumsa malee dubbatantuun,

gorsa kiyya ka diqqeessu kun eennu?

3Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu;

ani si gaafadha; atille naaf deebis.

4«Yennaa ani hundee lafaa dhaabe

ati eessa jirtaayyu?

Hubantii yoo qabaatte natti himi.

5Haga lafaa ka murteesse eennu?

Isii irralle'etti sarara miki'ii ka diriirse

eennu akka te'e hin beettaa?

6Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte?

Dhakaa roga isi'iille ka dhaabe eennu?

7Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu,

ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittu

ati eessa jirtaayyu?

8«Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote,

balbala madda isi'ii ka cufe eennu ree?

9Abbaayaa duumensaan uffisee,

dukkana dimmalle'een ka isii golle ana.

10Meessaalle itti godhee,

balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana.

11‹Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu!

Danbaliin teeti jadduun

asitti dhaabbatuu ti!› ka jedhe ana.

12«Iyoob, bara jiruu teetii

latti akka bariitu ajajjee beettaa?

Bariin lafaalle addee akka qabattu gooteertaa?

13Bari'iisi lafaa haga qaccee lafaa dhaqqabee,

worri hamaan akka isii irraa hargufamanu gooteertaa?

14Ifi bari'ii koobotii fi dhooqoti

akka woyaa dachaafantee

dhaabbatanee akka mudhatanu godha;

akka chaappaa faara jiidhaa irratti dhowamee

guddisee mudhisa.

15Worra hamaa ifi isaan duraa fudhatameera;

harki isaan hantuu hujiisaaf ol fudhatanelle cabeera.

16«Ati gara madda abbaaya'aa gad buuteertaa?

Yookiin hundee qilee abbaaya'aa keessa ideenteertaa?

17Balbalti du'aa sitti mudhifanteerti?

Yookiin balbala dukkana dimmaa dhaggiteerta?

18Badhinna biyya lafaa hubatteertaa?

Tana mara yoo beettu teete me natti himi.

19«Karaan gara ifaa geessu meet?

Addeen dukkanti jirtulle eessa?

20Ifaa fi dukkana

addee isaaniititti geessuu hin dandeettaa?

Karaa gara addee isaanii geessu hin beettaa ree?

21Biyyi lafaa yennaa dadante

ati waan dhalatteertuuf dhuguma hin beetta;

bara hedduulle leeteerta.

22«Ati gara mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu seenteertaa?

Yookiin mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu dhaggiteertaa?

23Dhakaan bokkeyaa kun,

ka ani yennaa rakko'ootiif,

guyyaa woraanaatii fi guyyaa lolaatiifiille maffadhe.

24Karaan gara addee ifi irraa balaqqisu geessu kam?

Yookiin qilleensi gara aduun baatuu

eessa irraa lafatti bittinnowa?

25Bokkeya gad lola'uu fi

bokkeya bubbe'ee ka mandiisu'uutiif

karaa ka baase eennu?

26Lafa nami tokkolle hin leenetti

goomolee nami tokkolle hin jirre keessa,

bokkeya roobisiisee,

27lafa goomolee duwwaa jiisee,

marra akka baattu ka godhe eennu?

28Abbaan bokkeyaatii fi copha fixeensaa eennu ree?

29Dhakaan bokkeyaa gadaamessa eennuu keessaa baye?

Qorra ol-gubbaa irraa bu'u eentu dhale?

30Qorri sun bisaan akka dhaka'aa jabeessee,

dirri abbaaya'aa akka dhakaa bokkeyaa ite'a.

31«Tuuta urjootaa ka, ‹Torbii› jedhamanu, wolitti hidhuu,

yookiin wodaroo tuuta urjoota, ‹Sadee› jedhamanuu hiikuu hin dandeettaa?

32Tuuta urjoota gara kibbaa yennaa isaaniititti bobbaasuu dandeettaa?

Tuuta urjootaa ‹Ka bineensa Doobbaa› jedhamu fakkaatu, ilmaan ijoollee isaanii woliin sooressuu dandeettaa?

33Ati sirna ol-gubba'aa beettaa?

Sirni kun lafa irratti akka huju godhuu dandeettaa?

34«Lolaan bisaanii akka si liqinsuuf,

qoonqoo ol-qabattee duumensatti dubbatuu dandeettaa?

35Ati balaqqeettiin akka buutu erguu dandeettaa?

Isiille si'iin, ‹Kunoo, ani as jira› hin jettii?

36Kormi lukku'uu bari'iisa lafaa beekee akka iyyu,

yookiin sinbirreen akka mana ijaarrattu

ka qarummaa kenneef eennu?

37Yennaa bukuun lafaa jabaattee wolitti tuulantuu fi

quqquuqaan lafaa wolitti qabatu,

duumensa laakkowiisaaf ka qarummaa qabu eennu?

Waabaa bisaanii ta ol-gubba'aa jissee,

ka bisaan gad naquu dande'u eennu?

39«Ati neenqa dhala'aaf

waan nyaatu hin adansitaa ree?

Yookiin dardaroota neenqaa hin quussitaa ree?

40Yennaa isaan mandhee ifii keessatti riphanu,

yookiin daggala keessatti

dhokatanee yennaa gaadatanu,

isaan hin quussitaa?

41Yennaa ilmeen harraaqessaa

waan nyaattu dhaddee daaxxu,

gara Waaqaalle yennaa boottu

ka sagalee isi'iif kennu eennu?

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El SEÑOR Responde desde el Torbellino

  • Tras largos ciclos de debate entre Job y sus compañeros, el SEÑOR habla directamente desde un torbellino, desafiando a Job con preguntas sobre los orígenes y el gobierno del cosmos.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo menciona formaciones celestes específicas, como las Pléyades, Orión y la Osa (Job 38:31–32), lo que ilustra el reconocimiento y la designación de constelaciones en la Antigüedad.Fuentes: el propio texto bíblico
  • La creación del mundo se describe mediante imágenes de la construcción arquitectónica antigua, como extender un cordel de medir, afirmar cimientos y colocar una piedra angular.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.