Job 37
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1«Bokkeenni bubbe'ee sun
gadhaa kiyya hollachiisee, sheephisiise.
2Qoonqoo isaa ta akka mandiisu'uu,
gungunsuu afaan isaa keessaa baatulle caqasa'a.
3Inni gubba'aan jala duudi'itti
balaqqeettii ifii haga qaccee lafaatitti gad lakkisa.
4Achiin duuba harqiis qoonqoo isaa hin dhage'anti;
inni qoonqoo ifii ta sodaachittu
akka mandiisu'uu hin dhageessisa;
yennaa qoonqoo ifii dhageessisu
balaqqeettiille duubatti hin hamburu.
5Waaqi qoonqoo ifii ta bilbaasaatiin hin mandi'a;
waan gugurdoo hubantii teennaan olii hin huja.
6Inni dhakaa bokkeyaatiin, ‹Lafa irratti bu'i›,
tiifuu bokkeyaatille'een, ‹Bokkeya jabaa te'i› hin jedha.
7Nami inni dade duudiin hujii isaa beekuuf,
nami martinuu hujii ifii akka dhaabu hin godha.
8Yennaa san bineensoti
gara goda ifii keessatti hin qubatan;
mandhee ifii keessalle'etti dhokatan.
9Hobonbolattiin gara kibbaatii hin dhutti;
qilleensi boojji'ii gara kaabaatii dhufa.
10Hafuurri Waaqaa dhakaa bokkeyaa fida;
bisaan badhaalle ititee dhakaa bokkeyaa te'a.
11Inni duumensi akka bisaan ba'atu hin godha;
balaqqeettii ifiille duumensa keessaa balaqqisiisa.
12Duumensi waan inni ajaje muummessiisaaf,
qajeelcha isaatiin lafa duudii irra
asii fi achi mara.
13Waaqi namoota adabiisaaf
lafa ifii jiisiisaaf
yookiin jaalala ifii mudhisiisaaf bokkeya fida.
14«Iyoob, tana dhage'i;
me lakkisiitii hujii Waaqaa ta maade'ee
yaadaan hubadhu.
15Waaqi duumensa attam akka toowatu
balaqqeettii duumensa ifiille
attam akka balaqqisiisu ati hin beettaa?
16Duumensa gubba'atti ka rarraasuu fi
hujii maade'ee tana
ta Waaqa beekkumsa dhidhuu hin qannee hin beettaa?
17Yennaa latti qilleensa gara kibbaatiin o'itee,
ati ka woyaan teeti keessatti fuurtu,
18ol-gubbaa akka daaw'itii
sageettuu baqisiifante irraa hujantee jabaattu,
yennaa Waaqi diriirsu ati isa qarqaaruu dandeettaa?
19«Waan Waaqaan jennu nutti himi;
nuuti womaa waan hin beenneef
haajaa keenna dhikeeffatiisa hin dandeennu.
20Akka ani dubbatu'uu jiru
nami isatti himiisa barbaachisaa ree?
Nami tana dubbatiisaaf yaadu dhuguma hin bada.
21Qilleensi duumensa haxowee
gubbaa irraa qulqulleesseen duuba,
nami tokkolle aduu midhatee ilaaluu hin dande'u.
22Inni ulfinna akka worqi'ii calalaquun
gara kaabaatiin hin dhufa;
Waaqi arnya sodaachisa'aan hin dhufa.
23Waaqi waan mara dande'u hubantii teennaan ol;
hunnaan gudda'a;
inni abbaa muraa dhuga'aatille'e.
24Tanaaf nami marti isa sodaata;
inni worra ifiin qaroo jedhu hin tuffata» jedhe.

¿Sabías que…?
La Majestad de Dios en la Tormenta y los Cielos
- Eliú utiliza descripciones vívidas de los fenómenos meteorológicos —como relámpagos, truenos resonantes, nieve, hielo y los vientos del norte y del sur— para mostrar que la naturaleza opera bajo el mandato soberano de Dios.Fuentes: el propio texto bíblico
- La mención de Eliú de extender los cielos 'como un espejo de bronce' alude a la práctica antigua de fabricar espejos de metal fundido y pulido, mucho antes del uso del vidrio.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org