Nations Bible

Job 19

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Iyoob

1Achiin duuba Iyoob deebisee,

2«Isin haga yoomii na farrisiittan?

Haga yoomii jechaan lafee na cassitan?

3Isin deddeebitanee na arrassitan;

daba na irratti hujjanuuf hin fokkifattanuu?

4Dhuguma yoo dokonkoree jiraadhe,

dokonkorri sun anuma qofa miidha.

5Dhuguma isin na irratti ifi ol ol qaddanee,

qaanii tiyya waan anaan morontanuun

yoo godhattane,

6ka na farrisiisee,

tiyyoo ifiitiin na marsee xaxe

Waaqa akka te'e beeka'a.

7«‹Hunnaan na irratti ka'ane› jedhee iyyadhulle,

deebii hin dhagganne.

Qoonqoo tiyya ol qabadhee dhageessifadhulle,

muraa haqaa hin dhagganne.

8Waaqi akka ani hin dabarreef

karaa natti cufeera;

daandii tiyyalle dukkanaan golleera.

9Inni ulfinna kiyya na irraa fuudhee,

kallachalle mataa kiyya irraa buuseera.

10Inni karaa maraan nafa kiyya caccassee hurbee,

addii tiyyalle akka mukaa buqqiseera.

11Inni mufii ifii na irratti bobeessee,

akka diina ifiititti na laakkowe.

12Inni na balleessiisaaf loltoota ifii erge;

isaan adaala dunkaanii tiyyaatitti

kushee hujatanee qubatane.

13«Waaqi obboleeyyan tiyya na irraa fageesse;

worri na beekulle alagaa akka natti te'u godhe.

14Firri kiyya na irraa fagaate;

jaaloti tiyyalle na dedhane.

15Keessummooti ani mana kiyyatti keessummeesse

na dedhane.

Dubartooti tajaajiltooti tiyya

akka ormaatitti na laakkowane;

akka alaga'aalle na ilaalane.

16Ani tajaajilaa kiyya waame,

inni ammoo na jalaa dide;

akka na qarqaaruuf yennaa kadhadhelle na didate.

17Haati manaa tiyya foolee hafuura kiyyaa jibbite;

obboleeyyan tiyyaayyuu na diqatte.

18Ijoolleen didiqoonuu na tuffatti;

yennaa na dhagganu natti murgan.

19Jaaloti tiyya ta ani addadhu na diqatte;

worri ani jaaladhulle na irratti ka'e.

20Foon kiyya dhumatee,

gogaan kiyya lafee tiyyatti maxxanee,

irgi ilkaan kiyyaa callaan jiruun ani hafe.

21«Ee jaalota tiyya,

harki Waaqaa waan na dhoweef,

naaf marara'a!

Naaf marara'a!

22Akkuma Waaqi na miidhe

isinille maaf na miitan?

Haga ammaa ka na miitane

isin hin gewuu?

23«Maalo'o, dubbiin ani haga ammaa dubbadhe

barreeffantee, kitaabatti adoo galmeeffantee!

24Maalo'o, bara baraan akka yaadatantuuf

meya sibiilaatii fi irsaasaatiin

rassaa irratti qiriixantee adoo hin barreeffantuu!

25Ka na wodu jiraataa akka te'e,

muummee irralle'etti,

dhugaa bayiisaaf lafa irra akka dhaabbatu hin beeka.

26Gogaan kiyya nyaatamee dhumateen duuba te'ulle

foon kiyyaan jiraadhee

Waaqa akka dhaggu hin addadha.

27Anumattuu isa dhagga;

ani ila tiyyaan isuma dhagga malee,

ka dhibi'ii moti.

Gadhaan kiyya guyyaa san guddoo dharra'a.

28«Isin, ‹Sababi rakko'ootuu isuma keessa waan jirtuuf,

nuuti attam isa miina?› yoo jettane,

29mufiin Waaqaa shallaaga'aan adabamiisa

waan fidduuf

isin shallaagaa san sodaadha'a;

muraalle akka jirtu beeka'a» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Aislamiento y esperanza en un Redentor

  • Job deseaba que sus palabras quedaran registradas para siempre, mencionando métodos antiguos de escritura como la inscripción en un libro, el grabado con cincel de hierro sobre plomo y la talla directa en la roca.Fuentes: el propio texto bíblico
  • En su lamento, Job describe un rechazo social total: a su esposa le resulta repulsivo su aliento, sus sirvientes ignoran sus llamados, los niños se burlan de él y sus allegados más íntimos lo desprecian.Fuentes: el propio texto bíblico
  • A pesar de su extremo desgaste físico y del abandono general, Job afirma con convicción que su Redentor vive y que al final se levantará sobre la tierra, donde él mismo contemplará a Dios con sus propios ojos.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.