Job 18
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Biildaad
1Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,
2«Iyoob, ati yoom dubbattee fixxa?
Caqasi, nuutille hin dubbanna.
3Ati maaf akka hori'ii nu laakkotta?
Ila teeti duralle'etti
maaf akka gowwa'aatitti nu laakkotta?
4Ati aarii teetiin ifuu miita malee,
latti sababa keetiif hin ontu;
yookiin rassaan addee ifii irraa hin tacho'u.
5Issaan worra hamaaleyyi'ii hin dhaama;
bobeenni ibidda isaaniille ijjumaa hin bobe'u.
6Issaan dunkaanii isaanii keessa jiru hin dhaama;
ifille hin dukkanowa.
7Hunni tarkaaffii isaanii hin laatti;
malli isaaniituu isaan hin gufachiisa.
8Miilli isaaniituu tiyyoo keessa isaan hin galcha;
gara boolla keessa bu'anuulle hin deeman.
9Tiyyoon komee isaanii hin qaddi;
fonxoroolle jabeessitee isaan hin qaddi.
10Wodaroon isaan qaddu
lafa keessatti dhoffanteerti;
tiyyoolle karaa isaanii irratti afanteerti.
11Wonni nama bararassu
isaan marsiteerti;
hordotteelle isaan hin ariiti.
12Hunni isaanii beelaan dhumatteerti;
badiille qophoottee isaan eegatti.
13Dhukkubi gogaa nafa isaanii hin fixa;
duuti harkaa fi miila isaaniille hin nyaatti.
14Dunkaanii addatanee le'anu keessaa hin ari'aman;
gara mootummaa du'aalle hin geeffaman.
15Mana isaanii keessatti
wonni takkaalle hin hattu.
Qe'ee isaaniititti
dhakaan bobe'u hin firfirfama.
16Isaan akka muka hidda hunde'een goguutii fi
dameeleen isaa qoortuu hin te'an.
17Qaabbiin isaanii lafa irraa hin baddi;
maqaan isaaniille lafa irraa hin bada.
18Isaan ifa irraa gara dukkanaatitti hin ari'aman;
biyya lafaa irralle'ee hin balleeffaman.
19Odduu kolbaa ifiitii
dhala yookiin sanyii hin qabaatanu.
Addee isaan le'anulle'etti
ka jiru'uun hafu hin jiru.
20Worri gara aduun baatuutii fi
gara aduun seentuu
waan isaan irra geye dhage'anee
sodaa guddo'oon qabamane.
21Qe'een worra Waaqa malee le'uu
addeen nama Waaqa hin beenneelle
akkas teeti» jedhe.

¿Sabías que…?
El segundo discurso de Bildad sobre el destino de los impíos
- A Bildad se le llama suhita, una designación tradicionalmente vinculada a Súa, una región de Arabia asociada con los descendientes de Abraham y Cetura. En este segundo discurso a Job, Bildad mantiene un tono severo al reprenderlo y sostener la segura perdición de los malvados.Fuentes: Bildad · el propio texto bíblico
- Para ilustrar la destrucción que aguarda al impío, Bildad recurre a metáforas de caza antiguas. Describe su ruina mediante imágenes de lazos ocultos, trampas escondidas en la tierra y redes que apresan al caminante.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org