Nations Bible

Jeremías 9

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

1Ani kolbaa tiyya ta qalanteef,

Halkanii fi guyyaa akka bowuuf,

mataan kiyya madda bisaanii

ilti tiyyalle burqaa imimmaanii adoo teetee hin halcha!

2Kolbaan tiyya gaarayyeeffattootaa fi

gumii hin addatanne waan teeteef,

ani isaan lakkisee, irraa fagaadhee deemee

goomolee keessatti addee keessummooti bultu

adoo qabaadhee hin fedha.

3Mootiin Waan Maraa, «Isaan dhara dubbatiisaaf,

akka guube'ee arraba ifii qopheeffatan;

isaan lafa tana irratti hammeenna irratti

hammeenna dabalatan malee,

dhuga'atti hin jabaatanu; analle hin beekanu.

4Nami marti sobaalessa,

jaalli martille hamatticha waan te'eef,

obboleessi obboleessa ifii irraa ifi eegatuu ti;

jaallille jaala ifii hin addatin.

5Jaalli jaala ifii hin soba;

dhugaa ka dubbatu hin jiru.

Isaan arraba ifii soba dubbatiisa barsiisaneeran;

cubbuu hujiisaan ifi dadhassiisaneeran.

6Ati soba odduu leeta;

Isaan soba ifii irraa ka ka'e,

na beekiisa didaneeran» jedha.

7Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,

«Kunoo, ani akka sibiilaa baqisiisee,

kolbaa tiyya haga hin ilaala;

sababa cubbuu kolbaa tiyyaatiif,

waan dhibii maan godhuu dande'a ree?

8Arrabi isaanii akka daaya nama ijjeesuu ti;

afaan isaaniille soba dubbata.

Isaan nama maratti dubbii dansaa dubbatan;

gadhaa ifii keessatti ammoo

mala hamaa isaaniif dhowan.

9Waan kanaaf ani isaan hin adabuu ree?

Kolbaa akkanaa tana ani haluu hin bayuu ree?» jedha.

10Gaarotii fi addeen horiin dheedu ontee,

namille keessa waan hin ideenneef,

madhi hori'ii achi keessa waan hin jirreef,

allaatti'ii fi bineensoti achi keessaa waan baqataneef,

ani wiiccifadhee isaaniif hin bowa.

11Mootiin Waan Maraa, «Yerusaalem tuulaa bututaa,

addee jeedalti keessa leetu hin godha;

qachoota Yihuda'aalle ona

ka nami keessa hin leene hin godha» jedha.

12Nami qaroon waan kana hubatuu dande'u eennu? Mootiin Waan Maraa itti mudhisee, nami waan kana himuu dande'u eennu? Latti maaf akka goomolee nami keessa hin deennee, ona teete ree?

13Mootiin Waan Maraa deebisee, «Seera ani isaaniif kenne lakkisanee, naaf waan hin ajajaminiif yookiin akka seera kiyyaatitti waan hin ideeminiif tun teete. 14Isaan mata-jabeeyyii te'anee, akka fedhii ifii ideemiisaan akkuma abbootiin isaanii ta durii isaan barsiitte, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatane. 15Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, kolbaa tana sagalee hadhoottuu hin nyaachisa; bisaan hadhaa qabu hin obaasa. 16Ani gosa biyya adda addaa ta isaan yookiin ta abbootiin isaanii ta durii hin beenne oddu'utti isaan hin bittinneessa; haga isaan balleessutti shallaaga'aan isaan hin ari'a» jedha.

Kolbaan Yerusaalemii Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Iyyite

17Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Amma, marroo waan kanaa yaadadha'a! Dubartoota faaruu awwaalaa faarsitu waansisa'a. Isaan keessaa worra boochisiisaan beekkamanetti erga'a. 18Isaaniin, ‹Ila teenna keessaa imimmaan haga dhangalaatutti, gaara ila teennaa jalaa bisaan haga burqutti ariiti'iin kowa'aatii nu boochisa'a› jedha'a. 19Qoonqoon bowichaa, ‹Nuuti ijjumaa banne!

Nuuti ijjumaa salphanne!

Manni keenna waan diigameef,

lafa teenna lakkinnee deemuu qanna› ta jettu

Xiyoon keessaa hin dhage'anti» jedha.

20Ee, dubartoota Yihuda'aa,

amma jecha Mootii Waan Maraa caqasa'a!

Jecha afaan isaa keessaa bawu dhage'iisaaf,

gurra keessan banadha'a.

Ijoollee durraa teessan attam akka bowanu barsiisa'a;

Faaruu awwaalaa wol barsiisa'a.

21Duuti karaa fodda'aatiin ol yaaddee,

gara kushee teennaa seenteerti;

ijoollee teenna woldeennaa karaa irratti,

dargaggootalle badhinnatti ijjeetteerti.

22Isin kolbaa tanatti dubbadha'aatii, «Mootiin Waan Maraa,

‹Reeffi namaa akka cegoo diidatti gatanee,

akka woxoo worra midhaan haamu irraa hattee,

ka nami wolitti qabu hin jirree hin te'a› jedha» jedha'a.

23Mootiin Waan Maraa,

«Nami qaroon qarummaa ifiitiin,

nami hunnaamessi hunna ifiitiin,

nami dureessi durummaa ifiitiin ifi hin jajin.

24Nami ifi jaju,

ani Mootiin Waan Maraa lafa irratti jaalala bara baraa,

haqaa fi balchummaa akka mudhisu hubatiisaa fi

beekiisaan ifi jajuu ti;

ani waan kanatti gammada» jedha.

25Mootiin Waan Maraa, «Worra maqaa calla'aaf haqanqabaa qabate mara guyyaan adabu hin dhufa; 26worra Gibxi'ii, worra Yihuda'aa, worra Edoomii, worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu ka goomolee keessa le'u mara hin adaba; gosi biyya adda addaa tun marti haqanqabaa qabataneeran; te'uu malee, isaan martii fi kolbaan Israa'elii martinuu gadhaa tokkochaan haqanqabaa san hin qabanne» jedha.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Lamento por el Engaño y la Ruina

  • En la cultura del antiguo Cercano Oriente, se convocaba a plañideras profesionales expertas durante grandes calamidades y funerales para dirigir los lamentos públicos y enseñar cantos fúnebres a las siguientes generaciones.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El texto advierte contra el orgullo en la sabiduría humana, el poder militar o las riquezas materiales, presentando el verdadero conocimiento de Dios —caracterizado por la misericordia, la justicia y la rectitud— como el único motivo legítimo de alabanza.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo agrupa a Judá con sus vecinos regionales —Egipto, Edom, Amón y Moab—, advirtiendo que las señales religiosas externas, como la circuncisión física, no ofrecen protección si el corazón permanece incircunciso y desobediente.Fuentes: el propio texto bíblico · Edom · Ammon · Moab

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 11
  • Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 19
  • Ammon · 31.955, 35.934 · versículo 26
  • Edom · 30.746, 35.604 · versículo 26
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 26
  • Moab · Hoy: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículo 26

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.