Jeremías 10
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Waaqota Dharaa Waaqonfatiisaa Fi Waaqonfannaa Dhuga'aa
1Ee, kolbaa Israa'elii, waan Mootiin Waan Maraa isinitti dubbattu dhage'a'a! 2Mootiin Waan Maraa, «Karaa gosa biyya adda addaa hin hordofina'a!
Isaan beessisa gubba'aatiin hin bararaqin;
isin waan kanaan hin bararaqina'a.
3Aadaan kolbaa tanaa waan bu'aa hin qanne;
isaan muka gongomaa keessaa muran;
nami muka bocu uraa ifiitiin bifa itti baasa.
4Meeti'ii fi worqi'iin gonfanee seesan;
akka hin jinneef
burrisaan mismaara itti dhowanee hin jabeessan.
5Waaqoti isaanii akka waan bineensa sodaachisaaf,
fichaa baaqula'aa keessa dhaabanee ti;
waaqoti isaanii dubbatiisa hin dande'anu;
ideemiisalle waan hin dandeenneef,
namatti isaan ba'atee ideema.
Isaan nama miidhiisa
yookiin waan dansaa godhiisa waan hin dandeenneef,
isaan hin sodaatina'a» jedha.
6Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keetii hin jiru;
ati gudda'a;
baalliin maqaa keetiille guddo'o.
7Ee, mootii gosa biyya adda addaa,
ka si hin sodaanne eennu?
Qaroolee gosa biyya adda addaatii fi
mootummoota isaanii mara keessaa,
ka akka keetii waan hin jirreef,
ulfinni si'iif male.
8Isaan marti daallotaa fi gowwoota;
isaan waaqota dharaa ka muka irraa bocame irraa baratan.
9Waaqoti dharaa ka isaanii kun hujii harka namaa ti;
isaan meetii qulqulluu biyya Tarshiishiitii dhuttuu fi
worqii biyya Ufaaziitii dhuttu irraa hujamane;
woyaan bifa cuquliisaatii fi dhiilleen isaan uffatanu marti
hujii worra ogeeyyi'ii ti.
10Mootiin Waan Maraa ammoo Waaqa dhuga'aa ti;
inni Waaqa jiraata'a fi mootii bara baraa ti.
Yennaa inni aaru latti hin tachooti;
gosi biyya adda addaalle mufii isaa dura dhaabbatiisa hin dandeettu.
11Isin, «Waaqoti dharaa ka ol-gubba'aa fi lafa hin dadin kun,
ol-gubba'aan jala irraa, lafa irralle'ee
hin badan» jedha'aatii isaanitti hima'a.
Faaruu Waaqa Leellisiisaa
12Waaqi hunna ifiitiin lafa dade;
qarummaa ifiitille'een biyya lafaa hundeesse;
hubantii ifiitille'een ol-gubbaa diriirse.
13Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu,
bisaan ol-gubba'aa hin shookkisa;
inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha;
bokkeya keessa balaqqeettii hin buusa;
qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessa hin fida.
14Isaan martinuu worra daalle'ee fi
worra beekkumsa hin qanne;
worri worqii baqisiisu marti
waaqota dharaa ka hujane sanitti fokkifataneeran.
Fakkiin isaan hujane ta dharaa ti;
hafuuralle hin qaddu.
15Isaan worra bu'aa hin qanne, meya murgo'oo ti;
yennaa muraan isaanitti dhuttu hin badan.
16Waaqi Yaaqoobii ammoo akka isaan kanaatii moti;
waan mara ka dade isa waan te'eef,
kolbaa Israa'eliille ka ifii godhatiisaaf filate;
maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
Badii Dhufu'uu Jirtu
17Ee, isin worri marfantaneertanu, meya keessan ka lafa jiru wolitti qabadha'a. 18Mootiin Waan Maraa, «Ani amma worra lafa tana keessa le'u, fugussee hin baasa; akka isaan booji'amanuuf rakkinna isaanitti hin fida» jedha.
19Ani waan madoweef
naaf aanne'e!
Madaan tiyyalle ta hin fayyine.
Ani ammoo, «Tun dhibee tiyya;
anille ossatuu qaba» jedhe.
20Dunkaaniin tiyya diiganteerti;
wodaroon isi'ii marti ciccitteerti.
Ijoolleen tiyya na lakkittee deenteerti;
deebi'ee isaan hin dhaggu;
nami dunkaanii tiyya naaf dhaabu,
ka gollaa kiyyalle naaf diriirsu tokkolle hin hanne.
21Tissitooti daallee waan teeteef,
Mootii Waan Maraa irraa gorsa hin gaafattu;
tanaaf isaaniif hin milkoonne;
tiki isaanii marti bittinnoweera.
22Caqasa'a! Oduun dhufiisatti jirti.
Kunoo gara lafa kaabaatii hogaan guddaan hin dhufa.
Hogaan sun qachoota Yihuda'aa onsee,
addee jeedalti leetu hin godha.
Daadimata Ermiyaasii
23Ee Mootii Waan Maraa!
Jiruun namaa tama isaa akka hin te'in ani hin beeka;
nami ideensa ifii ifumaan qajeelchuu hin dande'u.
24Ee Mootii Waan Maraa! Akka ani ijjumaa hin banne
haqaan na adabi malee,
aarii teetiin na hin adabin.
25Gosi biyya adda addaa ta si hin beennee fi
kolbaan maqaa keeti hin waammanne
sanyii Yaaqoobii balleessiteerti.
Isaan sanyii Yaaqoobii ijjumaa fixanee,
lafa isaanii waan onsaneef,
aarii teeti isaan irratti dhangalaasi.

¿Sabías que…?
El Dios vivo y la futilidad de los ídolos
- Jeremías señala que los artesanos adornaban ídolos de madera con plata martillada traída de Tarsis —a menudo identificada con un puerto fenicio en España— y oro de Ufaz, un lugar que algunos asocian con Ofir.Fuentes: el propio texto bíblico · Tarshish · Uphaz
- El profeta compara las imágenes talladas con espantapájaros en un campo de pepinos, subrayando que no pueden hablar, deben ser transportadas porque no caminan y se aseguran con martillo y clavos para no tambalearse.Fuentes: el propio texto bíblico
- Junto con las advertencias contra la idolatría, Jeremías ordena a los habitantes asediados de Judá que recojan sus pertenencias, anunciando una conmoción destructiva desde el norte que dejará las ciudades desoladas.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 17
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org