Nations Bible

Jeremías 34

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Ermiyaas Gara Zedeqiiya'aa Ergame

1Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii fi loltooti isaa marti, mootummootii fi gosi biyya adda addaa worri bulchiinsa isaa jala jiranu marti, Yerusaalemii fi qachoota adaala isi'ii yennaa loliisatti jiranu, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, 2«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa dhaqiitii: Ani qachaa kana harka mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille ibiddaan hin guba. 3Atille dhugumaan qabantee harka isaatitti dabarfantee kennanta malee, isa jalaa hin milixxu; iluma teetiin mootii Baabilonii hin dhaggita; inni si dura dhaabbatee si woliin hin dubbata; gara Baabiloniille hin deenta. 4Ee Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa! Ati shallaaga'aan hin duutu; 5ati nageyaan hin duuta; abbootii teeti ta durii, worri si'iin dura mootota te'ane yennaa du'ane, kolbaan ulfinna awwaala isaaniitiif ibidda akkuma gabbisane, ulfinna awwaala keetiitiifille ibidda gabbisanee: Aanne'e, ee goottaa keenna jedhaa si'iif hin bowan; ani waadaa kana si'iif hin muummessa jedheera› jedhi» jedhe.

6Achiin duuba raagichi Ermiyaas waan kana mara Yerusaalem keessatti, Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aatitti hime; 7yennaa san loltooti mootii Baabilonii qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu keessaa adoo hin qabamin ka hafaneeranu Laakiishii fi Aazeqaa qofa waan te'aneef loliisatti jiran.

Bilisummaa Garbootaa

8Mootichi Zedeqiiyaan garbooleen bilisa akka bayanu, kolbaa Yerusaalem keessaa mara woliin gondooroo gondoorateen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe. 9Akka wolii galtee tanaatitti nami garbicha yookiin garbittii sanyii worra Ibrootaa qabu marti bilisa isaan baasuu qaba; nami tokkolle Yihudoota obboleeyyan ifii garba godhatuu hin malle. 10Maarre qondaaltotii fi kolbaan marti worri gondooroo tana keessa jiranu, garboolee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa bilisa baasiisaaf, haganaa achi garba akka isaan hin godhanne wolii galane. 11Yennaa diqqo'oon duuba ammoo yaada ifii jijjiiratanee, garboolee bilisa baasane san deebifatanee garba godhatane.

12Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 13«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii keessaa garbummaa jalaa yennaa baase, gondooroo isaan woliin gondooradhee, 14isaaniin: Tokko tokkoon keessan nama Ibrootaa ka isinitti ifi gurgure woggaa jaa isin tajaajileen duuba, woggaa torbeesso'ootitti bilisa isa baasa'a! Jedheeraayyu; abbootiin teessan ta durii ammoo waan ani dubbadhe hin dhageenne yookiin naafille hin ajajanne. 15Isin amma cubbuu irraa deebitanee fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujjaneertan; tokko tokkoon keessan Yihudoota obboleeyyan teessan ta garba godhattane bilisa baattaneertan; Galma maqaa kiyyaan waamamu keessatti na duratti gondooroo gondoorattaneertaniiyyu. 16Amma ammoo yaada keessan jijjiirattanee maqaa kiyya batteessitane; tokko tokkoon keessan garboolee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta qara addee fedhane akka deemanu bilisa baattane deebittanee hunnaan garba godhattane. 17Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa: Isin naaf ajajantanee, Yihudoota obboleeyyan teessaniif bilisummaa hin kennine. Maarre ani bilisummaa isin shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan dhumattanu isiniif hin kenna; mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isin hin godha. 18Namoota gondooroo tiyya diiganuu fi jecha gondooroo sanii hin muummessine, ani akkuma jibicha isaan qalanee addee lamatti gargar baasanee wodhakkaa dabaranuu san isaan hin godha. 19Sooreyyiin Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, qondaaltota mana mootummaa isaa, hayyootaa fi kolbaa lafa sanii ta jibicha qalanee addee lamatti gargar baasane san wodhakkaa dabarane mara, 20ani harka diinota isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; reeffi isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'a. 21Mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi qondaaltota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadu, harka loltoota mootii Baabilonii ta amma isaan loliisa lakkisaneetitti dabarsee isaan hin kenna. 22Kunoo, loltooti mootii Baabilonii gara qachaa kanaa akka deebi'anu hin ajaja; isaan qachaa kana lolanee hin qabatan; ibiddalle'een hin guban; ani qachoota Yihuda'aa mara ona hin godha; nami tokkolle achi keessa hin le'u› jedheeraayyu» jedhe.

¿Sabías que…?

El Pacto Roto y las Últimas Fortalezas de Judá

  • Mientras las tropas de Nabucodonosor avanzaban contra Jerusalén, Laquis y Azeca eran las únicas otras ciudades fortificadas que quedaban en Judá. Ambas eran fortalezas defensivas clave ubicadas en la Sefela, la región de colinas bajas al oeste de Judá.Fuentes: el propio texto bíblico · Lachish · Azekah · Nebuchadnezzar
  • El capítulo describe un antiguo ritual de pacto en el que los participantes cortaban un becerro en dos partes y caminaban entre las mitades divididas. Esta ceremonia simbolizaba que quien violara el juramento sufriría el mismo destino que el animal sacrificado.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Bajo el asedio, el rey Sedequías y los líderes de Jerusalén acordaron liberar a sus siervos hebreos de acuerdo con la ley antigua. Sin embargo, una vez que el ejército babilonio se retiró temporalmente, los amos rompieron su juramento y obligaron a los libertos a volver a la servidumbre.Fuentes: el propio texto bíblico · Zedekiah

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 1, 2, 3, 7, 21
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 6, 7, 8, 19, 21
  • Lachish · Hoy: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · versículo 7
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 13

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.