Jeremías 33
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Kolbaan Israa'elii Biyya Ifiititti akka deebituuf Addii kenname
1Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna Galma Waaqaa duraa keessatti mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara isaa dhufee, 2«Mootii Waan Maraa ka lafa dade, ka akka itti godhee addee isi'iititti dhaabe, ka maqaan isaa ‹Mootii Waan Maraa› jedhame, 3inni, ‹Na waammadhu! Anille si'iif hin deebisa; waan guddoo ati hin beenne ta ati qorqortee bira hin geenne sitti hin hima› jedha. 4Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, marroo mana qachaa Yerusaalemiitii fi marroo mana mootummaa Yihuda'aa, ka dhakaa mana saniitiin dalleya dhaka'aa ka qacha'aa jabeeffatanee, kaabii loltooti Baabilonii itti marsanee fi lola worra Baabilonii ifi irraa dhooggatiisaaf, akka itti fayyadamanuuf diigamuutiif, 5‹Namooti qachaa sanii worra Baabilonii loliisaaf hin bayan; ammoo marroo hammeenna isaaniitiif ani fuula kiyya isaan irraa waan deebifadhuuf, reeffi namoota ani aari'ii fi mufii tiyya jaddu'uun ijjeesuu achi keessa hin guuta. 6Te'uu malee ani qachaa kana ade'etti deebisee, kolbaa isa keessaalle fayyisee, bidhaa malee nageyaan akka le'anu hin godha. 7Ani worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessaa booji'ame, deebisee fidee akka duriititti isaan hin deebisa. 8Ani yakkaa isaan na yakkane mara isaan irraa hin qulqulleessa; cubbuu isaan na finqilane mara isaaniif hin araarama. 9Achiin duuba qachaan kun qachaa maqaan kiyya ittiin beekkamu, ka ani ittiin gammadu, gosa biyya adda addaa worra waan dansaa ani qachaa kanaaf godhe kana mara dhage'e duratti, waan ani ittiin leellifamuu fi ittiin ulfaadhu hin te'a; kolbaan tun waan dansa'aa fi qananummaa ani qachaa kanaaf kennu mara dhaggitee sodaattee hin hollatti› jedha.
10«Isin marroo addee tanaa, ‹Latti tun goomolee duwwaa, ta namii fi horiin keessa hin jirre› jettan; te'uu malee qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii ka namii fi horiin keessaa dhabamanee goomolee duwwaa hafe kana keessatti deebi'ee, 11Worra lafa tana keessaa booji'amane akka duriititti waan isaan deebisuuf, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoon worra faaru'uun galateeffataa, gara Galma Waaqaa dhufuu ta, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade dansaa waan te'eef, jaalalli isaalle ka bara baraa waan te'eef, isa galateeffadha'a› jedhuu hin dhage'anti» jedhe.
12Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Addee goomolee duwwaa ta namii fi horiin keessa hin jirre tana keessatti, qachoota isi'ii mara keessalle'etti, tissitooti addee horiin tikatuu fi addee horiin ciisu deebi'anee hin dhaggatan. 13Qachoota kooba irraa keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba kana'aanii lafa Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessaatii fi qachoota Yihuda'aa keessatti, tissitooti horii ifii hin toowatan» jedha.
14Mootiin Waan Maraa, «Barri ani waadaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiifille gale muummessu hin dhufa. 15Bara sanii fi yennaa san ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchaa hin kaasa; inni lafa irratti haqaa fi waan sirrii te'e hin huja. 16Bara san kolbaan Yihuda'aa hin fayyiti; kolbaan Yerusaalemiille nageyaan hin leeti. Bara san qachaa Yerusaalemii, ‹Waaqi balchummaa teenna› jedhanee hin waaman. 17Sanyii Daawitii keessaa barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'ee, Israa'elii ka bulchu ijjumaa hin dhabamu. 18Hayyoota sanyii Lewwi'ii keessaa worra yennaa mara kennansa gubamu dhikeessiisaaf, kennansa midhaanii gubiisaaf, ciincaa dhikeessiisaafille, nami fuula kiyya dura dhaabbatu hin dhabamu» jedha.
19Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 20«Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, seerata ani murteesse, isin keessaa eennulle yoo diiguu dande'e qofa, 21tajaajilaa kiyya Daawitii fi Lewwoota hayyumma'aan na tajaajilanu woliin gondooroon ani gondooradhe diigamuu dandeetti; Daawitille sanyii barcumaa mootummaa isaa dhaaltu hin dhaggatu. 22Sanyii tajaajilaa kiyya Daawitiitii fi hayyoota sanyii Lewwootaa worra ana tajaajilanuu akka urjoota ol-gubba'aa ta laakkowamuu hin dandeenneetii fi akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaramuu hin dandeennee hin baceessa› jedha» jedhe.
23Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 24«Kolbaan tun, ‹Mootiin Waan Maraa mootummoota filate, lamaanuu amma lakkiseera› jedhannee akka dubbatanu ati hin hubannee? Maarre isaan kolbaa tiyya tuffataneeran; akka kolba'aatitti isaan hin laakkonne. 25Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, ka seerata murteesse, ol-gubba'aa fi lafaaf seera hin jijjiiranne ka dhaabe na yoo hin te'in qofa, 26ani sanyii Yaaqoobiitii fi sanyii Daawitii tajaajilaa kiyyaa lakkisee, sanyii Daawitii keessalle'ee, sanyii Abrahaamii, sanyii Yisihaqiitii fi sanyii Yaaqoobii irratti mootii ka te'u hin filu jechu'u; ammoo worra booji'ame deebisee fidee, isaaniif hin marara› jedha» jedhe.
¿Sabías que…?
Promesas de Restauración y el Renuevo de David
- Jeremías recibió estas profecías de aliento mientras continuaba detenido en el patio de la guardia, en un momento en que las casas y palacios de Jerusalén eran demolidos para reforzar las defensas frente a las rampas de asedio babilónicas.Fuentes: el propio texto bíblico · Jeremiah
- El capítulo promete el brote de un Renuevo justo de David para gobernar con rectitud, afirmando que el pacto divino con David y los levitas es tan permanente como el ciclo diario del día y la noche.Fuentes: el propio texto bíblico · David
- Pese a la desolación general, la profecía anuncia el regreso del gozo y de la vida pastoril, asegurando que los rebaños volverán a ser contados en la serranía, en las laderas, en el árido Neguev y en el territorio de Benjamín.Fuentes: el propio texto bíblico · Negeb · Benjamin (patriarch)
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 5
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 6, 10, 13, 16
- Negeb · 31.245, 34.841 · versículo 13
- Shephelah · 31.692, 34.875 · versículo 13
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org