Nations Bible

Isaías 6

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Waamamiisa Isaayaasii

1Woggaa mootichi Uziyaan du'e, Goottaan barcumaa mootumma'aa dheeraa, ulfinna qabu irra tee'ee, handaarri woyaa isaalle Galma Woyyicha isaa guuteeruun dhagge. 2Dadi ol-gubba'aa ka «Suraafel» jedhamanu isaan gubbaa dhaabbataneeran; tokkoon tokkoon isaanii koola jaa qaban; koola ifii lamaan fuula ifii, koola ifii lamaan miila ifii gollatan; koola ifii lamaan ka'anee deeman. 3Isaan wol wol irraa fuudhaa,

«Woyyu'u! Woyyu'u!

Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade woyyu'u.

Latti duudiin ulfinna isaatiin guutanteerti» jedhane.

4Iyya qoonqoo isaaniitiin,

hundeen Galma Waaqaa tachoote;

Galmille aaraan guute.

5Anille, «Ani nama hidhiin battootte; kolbaa hidhiin battootte odduu waan le'uuf, ilti tiyyalle Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waan dhaggiteef, ani badeeraa, naaf, aanne'e!» jedhee iyye.

6Achiin duuba Suraafeloota san keessaa tokkochi, addee ciinca'aa irra kashila ibiddaa qarapha'aan fuudhee harkatti qabatee, gara kiyya koolaan ka'ee dhufe. 7Inni kashila ibiddaa saniin afaan kiyya tuqee, «Kunoo, kashilli kun hidhii teeti waan tuqeef, yakkaan teeti si irraa kaateerti; cubbuu teetiifille araarri kennameera» naan jedhe.

8Achiin duuba qoonqoon Gootta'aa anaan, «Ani eennu erga? Eentu ergaa nuuf dhaqa?» jettuun dhage'e; anille, «Ani kunoo ti. Na ergi!» jedheen.

9Maarre inni anaan, «Gara kolbaa tanaa dhaqiitii, ‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu, ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu› jedhiin» jedhe. 10Achiin duuba inni anaan, «Qalbii kolbaa tanaa cufi; gurra isaanii duuchi; ila isaaniille cufi; yoo akkas hin te'in, ila ifiitiin ilaalanee, gurra ifiitiin dhage'anee, qalbii ifiitiin hubatanee, deebi'iisaan hin fayyan» jedhe. 11Achiin duuba ani, «Ee, Gootta'a, tun haga yoomii teeti?» jedhee gaafadhe.

Goottaan deebisee, «Haga qachooti diigamee, namooti keessa le'anu dhabamanutti, haga manooti onee, latti ijjumaa duwwaa teetutti, 12haga ani Mootiin Waan Maraa namoota fagoo ergee, latti ijjumaa ontutti teeti; 13namoota kudhan keessaa tokko lafa san keessatti yoo hafelle, inni hin bada; ammoo akkuma qilxaan yennaa murame jirmi isaa lafa keessatti hafu, akkasuma sanyiin woyyootaalle lafa keessatti akka jirmaa te'anee hin hafan» jedhe.

¿Sabías que…?

El Llamamiento y la Visión de Isaías

  • Isaías sitúa su llamamiento profético en el año en que murió el rey Uzías. Uzías había gobernado Judá durante unos cincuenta y dos años de notable prosperidad antes de invadir las funciones sacerdotales hacia el final de su vida.Fuentes: el propio texto bíblico · Uzziah
  • Los serafines en la visión del templo son seres de seis alas cuyas alabanzas hacen temblar los umbrales de las puertas. Uno de ellos utiliza tenazas para tomar un carbón encendido del altar y purificar los labios de Isaías antes de su comisión.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.