Nations Bible

Isaías 5

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Faaruu Marroo Oorruu Muka Woyni'ii

1Ani amma jaalallee kiyyaaf

marroo oorruu isaa

ta muka woyni'ii faaruu hin faarsa.

Jaalalleen kiyya kooba lafa laattuu irratti

muka woyni'ii tokko qabaayyu.

2Inni lafa qotee dhakaa keessaa guuree,

sanyii woynii dansa'aa achitti dhaabe;

xelleephoolle wodhakka'atti ijaaree,

addee midhaan woyni'ii itti cunfanu miidhasseef.

Achiin duuba inni

midhaan dansaa buutti jedhee eeggate;

woyniin ammoo midhaan dhangaggowu buutte.

3Maarre jaalalleen kiyya, «Isin worri Yerusaalemii fi Yihudaa keessa leetanu, waan anaa fi oorruu muka woyni'ii tiyyaa wodhakkaa jiru irratti muraa kenna'a. 4Tana caalaa muka woynii tiyyaatiif, maan godhuu qaba ree? Midhaan dansaa buutti jedhee adoo eegadhuu, midhaan hadhowaa maaf buutte ree?

5«Yoona oorruu muka woyni'ii tiyya maan akka godhu isinitti hima; dalleya irraa buqqisee, bineensoti akka dheedanu hin godha; bineensoti akka irra sirbanu, dalleya dhaka'aalle irraa hin diiga. 6Ani addee muka woyni'ii san lafa duwwaa hin godha; muki woyni'ii sun hin quxamu yookiin jalli isi'ii hin qotamu; qore'ee fi qumi'uuduun achi keessatti hin latti; bokkeenni akka itti hin roonneefille duumensa hin ajaja» jedha.

7Muki woyni'ii ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade sun,

gosa Israa'elii ti;

kolbaan Yihuda'aa oorruu inni itti gammadu.

Inni haqa barbaade,

ammoo, dhiiga dhangalaasiisa dhagge;

balchummaa barbaade,

ammoo, iyya rakkinnaa dhage'e.

Hammeenna Kolba'aa

8Isin worra addeen tokkolle hin hafin, mana qaddanu irratti mana, fichaa qaddanu irralle'etti fichaa ede'attanee, lafa fudhattanee qofii qofii teessan leetanuuf aanne'e! 9Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, adoo ani dhage'uu, «Dhugumaan manni hedduun hin ona; manni gugurda'aa fi dadansaan nama malee hin hafan.

10«Midhaan woyni'ii ka lafa hekitaara kudhanii, cunfaa woyni'ii litirii saddeeti qofa hin te'a. Sanyiin kiiloo dhibba tokkoo fi saddeettamaa facaafantee, midhaan kiiloo kudhanii saddeeti qofa hin kenniti» jedhe.

11Worra untoo macheessitu barbaadatiisaaf ganamaan ka'uuf, worra haga untoon jadduun isaan guddutti, haga halkanii turanuuf aanne'e! 12Isaan jila ifii irratti kiraara guddichaa fi Maseenqoo, dibbee, suusulle'ee fi daadhii woyni'ii qaban; ammoo hujii Mootii Waan Maraa itti hin xiyyeeffanne; hujii harka isaatiifille ulfinna hin kennine. 13Tanaaf kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan hin booji'anti. Sooreyyiin isaaniille beelaan hin dhumatti; kolbaan bindillaalle dheebu'uun hin gubatti. 14Tanaaf Boolli awwaalaa gadhaa badhifattee, afaan ifiille akka malee banatteerti; isiin qondaaltota Yerusaalemiitii fi kolbaa wolitti qabantee gammadaan hogittu hin liqinsiti.

15Maarre nami hin salphata; worri kooru duudiin gad hin qabama. Ilti worra kooruulle lafa hin ilaalti. 16Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade ammoo, haqa ifiitiin ol ol hin jedha; Waaqi woyyichille woyyummaa ifii balchummaa ifiitiin hin mudhisa.

17Achiin duuba hooleen akkuma kaloo ifii achi keessa hin dheeddi; korbeeyyiin hoole'ee gagabboon lafa onte ta worra dureeyyi'ii keessa hin dheeddi.

18Worra wodaroo sobaatiin yakkaa harkisuuf, worra wodaroo garreetta'aatiin cubbuu harkisuuf aanne'e! 19Worra, «Nuuti akka dhagginuuf, Waaqi ariifatuu ti; hujii ifiille ariifachiisuu ti. Nuuti akka beennuuf, karoorri woyyicha Israa'elii ariiti'iin muummowuu ti; dafeelle dhufuu ti!» jedhuuf aanne'e.

20Worra «Hantu'uun dansaa, dansa'aan hantuu, dukkanaan ifa, ifaan dukkana, waan hadhowuun mi'owaa, waan mi'owuun hadhowaa» jedhuuf aanne'e!

21Worra qaro'oo fi qaruuxee ifi seyuuf aanne'e!

22Worra daadhii woyni'ii uniisatti jannoota te'aneef, worra untoo macheessitu wolitti makiisaan beekkameef aanne'e! 23Worra safuu fudhatee yakkaamessa bilisa baasu, worra yakkaa hin qanne haqa dhooggatuuf aanne'e! 24Isaan seera Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade didanee, jecha Waaqa woyyicha Israa'elii waan tuffataneef, akkuma bobeenni ibiddaa hicaace'ee fi marra gogaa gubee balleessu, akkasuma hiddi isaanii hin shama; daraaraan isaaniille akka buku'uu afuufamee hin bada. 25Tanaaf, aariin Mootii Waan Maraa kolbaa isaa irratti bobeetteerti; inni harka ifii ol fudhatee isaan dhoweera; gaaroti raafamaneeran; reeffi akka kosi'ii karaa keessatti tuulame; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.

26Inni gosa biyya adda addaa, ta fagoo jirtuuf beessisa dhaaba; kolbaa qaccee biyya lafaa jirtu waamiisaaf siissa. Isaanille dafanee ariiti'iin dhufan. 27Isaan keessaa ka dadhabuu fi gufatu, ka muguu fi ka rafu hin jiru; hiituun hidha isaanii hin luttu; hidhaan kophee isaaniille hin citu. 28Daayi isaanii qara qaba; guubeen isaanii marti gad lakkifamiisaaf qophootteerti; kotteen fardoo isaanii akka dhakaa qara qabuu ti; korboon garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu akka hobonbolatti'ii fiiddi. 29Isaan akka neenqaatii fi akka dardaroota neenqaa dhangaa dhowan; waan adansanee qabatane itti gurura'anee, fudhatanee deeman; nami isaan irraa buusu tokkolle hin jiru.

30Guyyaa san isaan akka danbalii abbaaya'aa hin bulphisan; kolbaan yennaa lafa ilaaltu, dukkanaa fi rakkinna hin dhaggiti; ifinuu duumensaan hin gollama.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El cántico de la viña y los seis ayes

  • El cántico que abre Isaías 5 describe el meticuloso trabajo de la viticultura en la antigua Judea: despedregar laderas fértiles, levantar una torre de vigilancia de piedra, excavar un lagar en la roca y plantar cepas escogidas protegidas por un vallado y un muro. El poema se convierte en una parábola judicial donde la viña representa a la casa de Israel y a los hombres de Judá, de quienes se esperaba justicia en lugar de derramamiento de sangre.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El capítulo presenta una serie de seis ayes proféticos que denuncian abusos sociales y morales específicos en Judá. Entre ellos destacan los terratenientes que acumulaban propiedades juntando casa a casa y campo a campo, los jueces que aceptaban sobornos para absolver a culpables privando de justicia al inocente, y los gobernantes entregados a banquetes mientras desoían la instrucción divina.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El ministerio profético de Isaías en Jerusalén se dirigió al pueblo de Judá durante un prolongado período que comenzó a mediados del siglo VIII a.C. El capítulo concluye advirtiendo que el Señor daría una señal a ejércitos extranjeros distantes y disciplinados, equipados con carros, arcos y veloces caballos, para ejecutar juicio sobre la tierra.Fuentes: Jerusalem · Prophecies of Isaiah · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 3, 14, 26

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.