Hebreos 3
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yesuus Muusee Caala
1Tanaaf dhugeeffattooti woyyoontanee, worra waamicha ol-gubba'aa qoodamu teetane, ka Waaqi ergee fi Hayyicha Guddaa dhugeeffannaa teennaa Yesuus yaadadha'a. 2Muuseen mana Waaqaa mara keessatti addatamaa akkuma te'ee ture, Yesuusille Waaqa isa muudeef addatama'a. 3Nami mana ijaaru mana san caalaa ulfinna akkuma qabu, Yesuusille, Muuse'een caalaa ulfinna dhaggatuu qaba. 4Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa. 5Muuseen waan gara duraa jedhamu'uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te'e. 6Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama'a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti.
Foora Kolbaa Waaqaa
7Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi jedhu,
«Adha, qoonqoo Waaqaa
yoo dhageettane, 8akkuma guyyaa ilaallacha'aa lafa goomolee keessatti Waaqa finqiltanee san
mataa hin jabaatina'a!
9Waaqi, ‹Abbootiin teessan achitti na ilaallatte; na wodhaantelle'e;
woggaa afurtama waan ani godhelle dhaggite.
10Tanaaf ani dhaloota sanitti aaree,
gadhaan isaanii yennaa mara na irraa gora,
isaan karaa kiyyalle hin beenne.
11Maarre addee fooraa ta ani isaanii kennutti ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera› jedhe».
12Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama'aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha'a! 13Ammoo eennulle isin keessaa cubbu'uun sobamee akka mataa hin jabaanne, yennaan «Adha» jedhantu tun adoo hin tarin guyyuma guyya'aan wol jajjabeessa'a! 14Nuuti dhugeeffannaa teenna ta qara qannu haga muumme'eetitti jabeessinee yoo qabanne, worra Kiristoos woliin qooda qabaannu hin teena. 15Tun akkuma Barreeffami Woyyichi,
«Adha qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane,
akkuma yennaa finqilaa gootane san mataa hin jabaatina'a!» jedhu.
16Worri qoonqoo Waaqaa dhage'ee finqile eennu fa'a? Worruma Muuse'een sooreffamee biyya Gibxiitii baye maraayyuu motii? 17Waaqi woggaa afurtama eennufa'atti aare? Worruma cubbuu hujee, lafa goomole'ee keessatti reeffi isaa jigee badee motii? 18Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, «Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu» jedhee ka itti kakate eennu fa'a? 19Maarre worri itti galiisa dadhabe, dhugeeffatiisa dhabiisaan akka te'e dhaggina.

¿Sabías que…?
Mayor gloria que Moisés
- Hebreos pide a sus lectores que fijen la atención en Jesús, el apóstol y sumo sacerdote que confiesan. Fue fiel a quien lo designó, así como Moisés fue fiel en toda la casa de Dios, pero Jesús es considerado digno de mayor gloria que Moisés, como el constructor de una casa tiene más honra que la casa misma. Moisés fue fiel como siervo; Cristo es fiel como Hijo sobre la casa de Dios.Fuentes: el propio texto bíblico
- La advertencia se vuelve hacia el pueblo que Moisés sacó de Egipto. Durante cuarenta años en el desierto pusieron a Dios a prueba; Dios estuvo enojado con aquella generación y juró que nunca entrarían en su descanso, y sus cuerpos cayeron en el desierto. El capítulo dice que la incredulidad les impidió entrar.Fuentes: el propio texto bíblico
- Egipto, la tierra que dejaron con Moisés, es la tierra del Nilo y de las pirámides. El diccionario bíblico de Easton (1897) explica el nombre Moisés como sacado, o lo vincula con la palabra egipcia mesu, que significa hijo.Fuentes: el propio texto bíblico · Egypt · Moses
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 16
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org